< Isaayyaas 66 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Manni isin naaf ijaartan meerre? Lafti boqonnaa kootii eessa?
Thus says YHWH, "Heaven is my throne, and earth is the footstool of my feet. Where then is the house you could build for me? And where then is the place of my rest?
2 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha Waaqayyo. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
For all these things has my hand made, and so all these things came to be," says YHWH: "but to this man will I look, to him who is humble and of a contrite spirit, and who trembles at my word.
3 Garuu namni korma qalu kam iyyuu akkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti; namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuu akkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti; namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuu akkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti; namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuus akkuma nama waaqa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti. Isaan karaa ofii isaanii filataniiru; lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi.
He who slaughters an ox is like one who strikes down a man; he who sacrifices a lamb, as he who breaks a dog's neck; he who offers an offering, as he who offers pig's blood; he who burns frankincense, as he who blesses an idol. Yes, they have chosen their own ways, and their soul delights in their abominations:
4 Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila; waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida. Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne; yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu hin dhaggeeffanneetii. Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii waan na hin gammachiifne illee filatan.”
I also will choose their delusions, and will bring their fears on them; because when I called, no one answered; when I spoke, they did not listen; but they did that which was evil in my eyes, and chose that in which I did not delight."
5 Warri dubbii isaatiin hollattan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii isin ariʼan sun akkana jedhan; ‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf, mee Waaqayyo haa ulfaatu!’ Taʼus isaan ni qaanaʼu.
Hear the word of YHWH, you who tremble at his word: "Your brothers who hate you, who cast you out for my name's sake, have said, 'Let YHWH be glorified, that we may see your joy;' but it is those who shall be disappointed.
6 Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa; waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa! Wanni kun sagalee Waaqayyoo kan yeroo inni gatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti.
A voice of tumult from the city, a voice from the temple, a voice of YHWH that renders recompense to his enemies.
7 “Isheen utuu hin ciniinsifatin, ni deessi; utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin, ilma deessi.
"Before she travailed, she brought forth; before her pain came, she delivered a son.
8 Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe? Waan takkumaa akkasii eenyutu arge? Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii? Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa? Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen, ijoollee ishee deesse.
Who has heard such a thing? Who has seen such things? Shall a land be born in one day? Shall a nation be brought forth at once? For as soon as Zion travailed, she brought forth her children.
9 Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee daʼuu nan dhowwaa?” jedha Waaqayyo. “Ani daʼumsaan gaʼee gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.
Shall I bring to the birth, and not cause to bring forth?" says YHWH: "shall I who cause to bring forth shut the womb?" says your God.
10 “Isin warri ishee jaallattan hundi, Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa; isin warri isheef boossan hundi, guddisaatii ishee wajjin gammadaa.
"Rejoice with Jerusalem, and be glad for her, all you who love her: rejoice for joy with her, all you who mourn over her;
11 Isin harma ishee kan nama jajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii; ulfina ishee guddaa sana irraas gammachuudhaan ni dhugdu.”
that you may nurse and be satisfied at the comforting breasts; that you may drink deeply, and be delighted with the abundance of her glory."
12 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa, badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuu isheef nan dhangalaasa; isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu; gudeeda ishee irra illee ni taphattu.
For thus says YHWH, "Look, I will extend peace to her like a river, and the glory of the nations like an overflowing stream: and you will nurse. You will be carried on her side, and will be dandled on her knees.
13 Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana, anis isinan urursa; isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.”
As one whom his mother comforts, so will I comfort you; and you will be comforted in Jerusalem."
14 Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada; lafeen keessan akka margaa ni haaromfama; harki Waaqayyoo akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama; dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama.
You will see it, and your heart shall rejoice, and your bones shall flourish like the tender grass: and the hand of YHWH shall be known toward his servants; and he will have indignation against his enemies.
15 Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa; gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti; inni aarii isaa dhaʼichaan, ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa.
For, look, YHWH will come with fire, and his chariots shall be like the whirlwind; to render his anger with fierceness, and his rebuke with flames of fire.
16 Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiin namoota hunda irratti murtii raawwataatii; namoonni Waaqayyoon ajjeefaman ni baayʼatu.
For by fire will YHWH execute judgment, and by his sword, on all flesh; and the slain of YHWH shall be many.
17 “Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.
"Those who sanctify themselves and purify themselves to go to the gardens, behind one in the midst, eating pig's flesh, and the abomination, and the mouse, they shall come to an end together," says YHWH.
18 “Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.
"For I know their works and their thoughts. I am coming to gather all nations and languages; and they will come and see my glory.
19 “Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.
"I will set a sign among them, and I will send such as escape of them to the nations, to Tarshish, Pul, and Lud, who draw the bow, to Tubal and Javan, to the islands afar off, who have not heard my fame, neither have seen my glory; and they shall declare my glory among the nations.
20 Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.
They shall bring all your brothers out of all the nations for an offering to YHWH, on horses, and in chariots, and in litters, and on mules, and on dromedaries, to my holy mountain Jerusalem, says YHWH, as the children of Israel bring their offering in a clean vessel into the house of YHWH.
21 Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.
And I will also take some of them for myself as priests and Levites," says YHWH.
22 “Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.
"For as the new heavens and the new earth, which I will make, shall remain before me," says YHWH, "so your descendants and your name shall remain.
23 “Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.
It shall happen, that from one new moon to another, and from one Sabbath to another, shall all flesh come to worship before me," says YHWH.
24 “Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”
"They shall go forth, and look on the dead bodies of the men who have transgressed against me: for their worm shall not die, neither shall their fire be quenched; and they will be loathsome to all mankind."

< Isaayyaas 66 >