< Haagee 1 >

1 Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
In the second year of Darius the king, on the first day of the sixth month, this message from the Lord came through Haggai the prophet to Zerubbabel the son of Shealtiel, governor of Judah, and to Joshua the son of Jehozadak, the high priest:
2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Waaqayyoo ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.”
The Lord of hosts says: The people say that the time has not yet come to rebuild the temple of the Lord.
3 Ergasii dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe:
Then this message from the Lord came to Haggai the prophet:
4 “Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?”
Is it a time for you yourselves to live in your own well-roofed houses, while this temple lies in ruins?
5 Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa.
The Lord of hosts says: Consider your past experiences.
6 Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.”
You sow much, but bring in little; you eat, but you do not have enough; you drink, but are not filled; you clothe yourselves, but not enough to be warm; and those who earn wages, put those wages in a bag with holes.
7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa.
The Lord of hosts says: Consider your experiences.
8 Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo.
Go up to the mountains, and bring wood and rebuild the temple; then I will be pleased with it, and I will reveal my glory. The Lord says:
9 “Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif.
You looked for much, and it came to little; and when you brought the harvest home, I blew it away. Why? The Lord of hosts says: Because my temple lies in ruins, while you shelter in your own houses.
10 Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte.
The heavens withhold the dew, and the earth withholds its fruit,
11 Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.”
and I have called forth a drought upon the land and upon the mountains, and upon the grain and the new wine and the oil and upon that which the ground brings forth, and upon people and animals, and upon all the labor of your hands.
12 Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; Waaqayyo Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Waaqayyoon sodaate.
Then Zerubbabel the son of Shealtiel and Joshua the son of Jehozadak the high priest, with all the rest of the people, obeyed the command of the Lord their God and the words of Haggai the prophet, as the Lord their God had sent him to them. They showed proper respect for the Lord.
13 Ergasii Haageen ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee ergaa Waaqayyoo kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha Waaqayyo.
Haggai, the prophet of the Lord, as the Lord commanded him, told the people: ‘The Lord says: I am with you.’
14 Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban;
And the Lord stirred up the spirit of Zerubbabel the son of Shealtiel, governor of Judah, and the spirit of Joshua the son of Jehozadak the high priest, and the spirit of all the rest of the people, so that they came and worked on the temple of the Lord of hosts, their God,
15 kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.
in the twenty-fourth day of the sixth month. In the second year of Darius the king,

< Haagee 1 >