< Izraa 8 >

1 Warri kunneen hangafoota maatii fi warra isaan wajjin galmaaʼan kanneen bara mootummaa Arxeksis Mootichaa keessa na wajjin Baabilonii dhufanii dha:
当亚达薛西王年间,同我从巴比伦上来的人,他们的族长和他们的家谱记在下面:
2 Sanyii Fiinehaas keessaa Geershoom; sanyii Iitaamaar keessaa Daaniʼel; sanyii Daawit keessaa Haxuush
属非尼哈的子孙有革顺;属以他玛的子孙有但以理;属大卫的子孙有哈突;
3 sanyii Shekaaniyaa; sanyii Phaarosh keessaa Zakkaariyaas; warri isa wajjin galmeeffamanis namoota 150 turan;
属巴录的后裔,就是示迦尼的子孙有撒迦利亚,同着他,按家谱计算,男丁一百五十人;
4 sanyii Fahat Moʼaab keessaa Eliihooʼeenayi ilma Zaraayaa; warri isa wajjin turanis namoota 200 turan;
属巴哈·摩押的子孙有西拉希雅的儿子以利约乃,同着他有男丁二百;
5 sanyii Zaatuʼi keessaa Shekaaniyaa ilma Yahiziiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 300 turan;
属示迦尼的子孙有雅哈悉的儿子,同着他有男丁三百;
6 sanyii Aadiin keessaa Ebeed ilma Yoonaataan; warri isa wajjin turanis namoota 50 turan;
属亚丁的子孙有约拿单的儿子以别,同着他有男丁五十;
7 sanyii Eelaam keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa; warri isa wajjin turanis namoota 70 turan;
属以拦的子孙有亚他利雅的儿子耶筛亚,同着他有男丁七十;
8 sanyii Shefaaxiyaa keessa Zebaadiyaa ilma Miikaaʼel; warri isa wajjin turanis namoota 80 turan;
属示法提雅的子孙有米迦勒的儿子西巴第雅,同着他有男丁八十;
9 sanyii Yooʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 218 turan;
属约押的子孙有耶歇的儿子俄巴底亚,同着他有男丁二百一十八;
10 sanyii Baanii keessaa Sheloomiit ilma Yoosifiyaa; warri isa wajjin turanis namoota 160 turan;
属示罗密的子孙有约细斐的儿子,同着他有男丁一百六十;
11 sanyii Beebay keessaa Zakkaariyaas ilma Beebay; warri isa wajjin turanis namoota 28 turan;
属比拜的子孙有比拜的儿子撒迦利亚,同着他有男丁二十八;
12 sanyii Azgaad keessaa Yoohaanaan ilma Haqaaxaan; warri isa wajjin turanis namoota 110 turan;
属押甲的子孙有哈加坦的儿子约哈难,同着他有男丁一百一十;
13 sanyii Adooniiqaam keessaa warra gara dhumaa kanneen maqaan isaanii Eliiphelex, Yeʼiiʼeelii fi Shemaaʼiyaa jedhamuu dha; warri isaan wajjin turanis namoota 60 turan;
属亚多尼干的子孙,就是末尾的,他们的名字是以利法列、耶利、示玛雅,同着他们有男丁六十;
14 sanyii Baguwaay keessaa Uutaayii fi Zakuur; warri isaan wajjin turanis namoota 70 turan.
属比革瓦伊的子孙有乌太和撒布,同着他们有男丁七十。
15 Anis laga gara Ahawaatti yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; nus guyyaa sadii achi turre. Anis yeroon uummataa fi luboota toʼadhetti Lewwota tokko illee isaan keessaa nan dhabe.
我招聚这些人在流入亚哈瓦的河边,我们在那里住了三日。我查看百姓和祭司,见没有利未人在那里,
16 Kanaafuu ani Eliiʼezer, Ariiʼeel, Shemaaʼiyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra hooggantoota turanii fi Yooyaariibii fi Elnaataan warra hayyoota taʼan sana nan waamsise;
就召首领以利以谢、亚列、示玛雅、以利拿单、雅立、以利拿单、拿单、撒迦利亚、米书兰,又召教习约雅立和以利拿单。
17 ergasiis gara Iddoo namicha Kaasiifiyaa bulchuutti isaan nan erge. Anis akka isaan namoota mana Waaqa keenyaa keessa tajaajilan nuuf fidaniif waan isaan Iddoo fi firoota isaa kanneen mana qulqullummaa Kaasifiyaa keessa tajaajilaniin jechuu qaban isaanitti nan hime.
我打发他们往迦西斐雅地方去见那里的首领易多,又告诉他们当向易多和他的弟兄尼提宁说什么话,叫他们为我们 神的殿带使用的人来。
18 Isaanis sababii harki Waaqaa tolaan sun nurra tureef sanyii Mahilii keessaa Sheereebiyaa ilma Lewwii, ilma Israaʼel, namicha hubataa tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin walumatti nama 18 nuuf fidan;
蒙我们 神施恩的手帮助我们,他们在以色列的曾孙、利未的孙子、抹利的后裔中带一个通达人来;还有示利比和他的众子与弟兄共一十八人。
19 akkasumas Hashabiyaa fi ilmaan Meraarii keessaa immoo Yeshaayaa, obboloota isaatii fi ilmaan obboloota isaa walumatti nama 20 nuuf fidan.
又有哈沙比雅,同着他有米拉利的子孙耶筛亚,并他的众子和弟兄共二十人。
20 Amma illee tajaajiltoota mana qulqullummaa kanneen Daawitii fi qondaaltonni isaa akka isaan Lewwota gargaaraniif ramadan keessaa nama 220 nuuf fidan. Isaan kunneen hundi maqaa maqaadhaan ni galmeeffaman.
从前大卫和众首领派尼提宁服事利未人,现在从这尼提宁中也带了二百二十人来,都是按名指定的。
21 Anis akka nu, ijoolleen keenyaa fi qabeenyi keenya hundi karaa nagaa deemnuuf akka fuula Waaqa keenyaa duratti gad of qabnee kadhannuuf achuma Laga Ahawaa biratti sooman nan labse.
那时,我在亚哈瓦河边宣告禁食,为要在我们 神面前克苦己心,求他使我们和妇人孩子,并一切所有的,都得平坦的道路。
22 Ani sababii nu, “Harki Waaqa keenyaa inni tolaan nama isa abdatu hunda irra jira; warra isa dhiisu hunda irra garuu dheekkamsi isaa ni buʼa” jennee mootichatti himnee turreef akka isaan karaa keenya irratti diinota nurraa dhowwaniif loltootaa fi abbootii fardaa mooticha kadhachuu nan qaanaʼe.
我求王拨步兵马兵帮助我们抵挡路上的仇敌,本以为羞耻;因我曾对王说:“我们 神施恩的手必帮助一切寻求他的;但他的能力和忿怒必攻击一切离弃他的。”
23 Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne.
所以我们禁食祈求我们的 神,他就应允了我们。
24 Anis luboota hangafoota keessaa kudha lama jechuunis Sheereebiyaa, Hashabiyaa fi obboloota isaanii keessaa nama kudhan kophaatti nan baase;
我分派祭司长十二人,就是示利比、哈沙比雅,和他们的弟兄十人,
25 anis kennaa meetii, warqee fi miʼaa kan mootichi, gorsitoonni isaa, qondaaltonni isaa fi Israaʼeloonni achi turan hundi mana Waaqa keenyaatiif kennan irraa madaalee isaaniif nan qoode.
将王和谋士、军长,并在那里的以色列众人为我们 神殿所献的金银和器皿,都秤了交给他们。
26 Ani meetii taalaantii 650, miʼa meetii kana taalaantii 100 ulfaatu, warqee taalaantii 100,
我秤了交在他们手中的银子有六百五十他连得;银器重一百他连得;金子一百他连得;
27 waciitii warqee 20 kan daariikii 1,000 baasuu fi miʼa naasii cululuqaa akkuma warqee gatiin isaa guddaa taʼe lama madaaleen qoodeef.
金碗二十个,重一千达利克;上等光铜的器皿两个,宝贵如金。
28 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Isinii fi miʼi kun Waaqayyoof qulqulleeffamtaniirtu. Meetii fi warqeen kun kennaa fedhiidhaan Waaqayyo Waaqa abbootii keessaniitiif kennamanii dha.
我对他们说:“你们归耶和华为圣,器皿也为圣;金银是甘心献给耶和华—你们列祖之 神的。
29 Hamma kutaalee mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana keessatti fuula luboota hangafootaa, fuula Lewwotaa fi hangafoota maatii Israaʼel duratti madaaltanii qooddanitti miʼa kana jabeessaa eegaa.”
你们当警醒看守,直到你们在耶路撒冷耶和华殿的库内,在祭司长和利未族长,并以色列的各族长面前过了秤。”
30 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni meetii, warqee fi miʼa qulqulluu madaalame sana mana Waaqa keenyaa kan Yerusaalem keessaatti geessuuf ni fuudhan.
于是,祭司、利未人按着分量接受金银和器皿,要带到耶路撒冷我们 神的殿里。
31 Nus bultii kudha lammaffaa jiʼa tokkoffaatti Yerusaalem dhaquudhaaf Laga Ahawaa biraa kaane. Harki Waaqa keenyaa nurra ture; innis diinotaa fi namoota riphanii karaa irratti nama eegatan jalaa nu baase.
正月十二日,我们从亚哈瓦河边起行,要往耶路撒冷去。我们 神的手保佑我们,救我们脱离仇敌和路上埋伏之人的手。
32 Akkasiinis Yerusaalem geenyee bultii sadii achi boqonne.
我们到了耶路撒冷,在那里住了三日。
33 Nus bultii afuraffaatti mana Waaqa keenyaa keessatti meetii, warqee fi miʼa qulqulluu sana madaallee harka Mereemooti lubicha ilma Uuriyaa sanaatti ni kennine. Eleʼaazaar ilmi Fiinehaas akkasumas Lewwonni jechuunis Yoozaabaad ilmi Yeeshuuʼaa fi Nooʼadiyaan ilmi Binuuyii isa wajjin turan.
第四日,在我们 神的殿里把金银和器皿都秤了,交在祭司乌利亚的儿子米利末的手中。同着他有非尼哈的儿子以利亚撒,还有利未人耶书亚的儿子约撒拔和宾内的儿子挪亚底。
34 Wanni hundinuus lakkaaʼamee madaalame; ulfinni waan madaalame hundaas yeruma sana ni galmeeffame.
当时都点了数目,按着分量写在册上。
35 Ergasiis boojiʼamtoonni boojuudhaa deebiʼan sun Israaʼel hundaaf jiboota kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii jaʼaa fi xobbaallaa torbaatamii torban aarsaa gubamu, korbeeyyii reʼee kudha lama aarsaa cubbuu godhanii Waaqa Israaʼeliif dhiʼeessan; kun hundi aarsaa gubamu kan Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
从掳到之地归回的人向以色列的 神献燔祭,就是为以色列众人献公牛十二只,公绵羊九十六只,绵羊羔七十七只,又献公山羊十二只作赎罪祭,这都是向耶和华焚献的。
36 Isaan ajaja mootichaa illee ajajjoota mootummaa fi bulchitoota Gama Laga Efraaxiisitti dabarsan. Jarris sabaa fi mana Waaqaa gargaaran.
他们将王的谕旨交给王所派的总督与河西的省长,他们就帮助百姓,又供给 神殿里所需用的。

< Izraa 8 >