< Hisqiʼeel 48 >

1 “Gosoonni maqaan isaanii galmeeffame kanneenii dha: “Karaa daarii kaabaatiin gosti Daan qooda tokko qabaata; kunis daandii Hetiloon qabatee hamma qaxxaamura Hamaatitti deema; Hazar Eenaanii fi daariin Damaasqoo kan gara kaabaa inni Hamaatitti aanee jiru daarii isaa kan karaa baʼaatii jalqabee hamma karaa lixa biiftuutti jiruu taʼa.
모든 지파의 이름대로 이 같을지니라 극북에서부터 헤들론 길로 말미암아 하맛 어귀를 지나서 다메섹 지계에 있는 하살에논까지 곧 북으로 하맛 지계에 미치는 땅 동편에서 서편까지는 단의 분깃이요
2 Gosti Aasheer qooda tokko qabaata; kunis biyya Daan kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
단 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 아셀의 분깃이요
3 Gosti Niftaalem qooda tokko qabaata; kunis biyya Aasheer kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
아셀 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 납달리의 분깃이요
4 Gosti Minaasee qooda tokko qabaata; kunis biyya Niftaalem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
납달리 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 므낫세의 분깃이요
5 Gosti Efreem qooda tokko qabaata; kunis biyya Minaasee kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
므낫세 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 에브라임의 분깃이요
6 Gosti Ruubeen qooda tokko qabaata; kunis biyya Efreem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
에브라임 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 르우벤의 분깃이요
7 Gosti Yihuudaa qooda tokko qabaata; kunis biyya Ruubeen kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
르우벤 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 유다의 분깃이요
8 “Biyyi baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti Yihuudaa daangessu qooda isin kennaa addaa gootanii dhiʼeessuu qabdanii dha. Balʼinni isaas dhundhuma 25,000, dheerinni isaa immoo baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti qooda gosaa keessaa isa tokko wajjin wal qixxee taʼa; iddoon qulqulluun sunis biyya sana gidduutti argama.
유다 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 너희가 예물로 드릴 땅이라 광이 이만 오천척이요 장은 다른 분깃의 동편에서 서편까지와 같고 성소는 그 중앙에 있을지니
9 “Qoodni addaa kan isin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabdan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
곧 너희가 여호와께 드려 예물로 삼을 땅의 장이 이만 오천척이요 광이 일만 척이라
10 Kunis lubootaaf qooda qulqulluu taʼa. Innis karaa kaabaatiin dhundhuma 25,000 dheerata; karaa lixa biiftuutiin dhundhuma 10,000 balʼata; karaa baʼa biiftuun dhundhuma 10,000 balʼata; karaa kibbaatiin immoo dhundhuma 25,000 dheerata. Manni qulqullummaa Waaqayyoos gidduu isaatti argama.
이 드리는 거룩한 땅은 제사장에게 돌릴지니 북편으로 장이 이만 오천척이요 서편으로 광이 일만척이요 동편으로 광이 일만척이요 남편으로 장이 이만 오천척이라 그 중앙에 여호와의 성소가 있게 하고
11 Kunis luboota qulqullaaʼoo jechuunis ilmaan Zaadoq kanneen amanamummaadhaan na tajaajilaa turan kanneen yeroo Israaʼeloonni karaa irraa badanitti akka Lewwonni karaa irraa badan sana karaa irraa hin badin sanaaf taʼa.
이 땅으로 사독의 자손 중 거룩히 구별한 제사장에게 돌릴지어다 그들은 직분을 지키고 이스라엘 족속이 그릇할 때에 레위 사람의 그릇한 것처럼 그릇까지 아니하였느니라
12 Innis qooda biyyattii isa qulqulluu irraa jechuunis qooda qulqulluu kan qooda hunda caalaa qulqulluu taʼe irraa kan biyya Lewwotaa daangessu sun isaaniif kennaa addaa taʼa.
이 온 땅 중에서 예물로 드리는 땅 곧 레위 지계와 연접한 땅을 그들이 지극히 거룩한 것으로 여길지니라
13 “Biyya lubootaa biraan Lewwonni lafa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 qabaatu. Walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000 balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
제사장의 지계를 따라 레위 사람의 분깃을 주되 장이 이만 오천척이요 광이 일만 척으로 할지니 이 구역의 장이 이만 오천척이요 광이 각기 일만 척이라
14 Isaanis lafa sana irraa waan tokko illee gurguruu yookaan geeddaruu hin qaban. Lafti kun biyyattii keessaa filatamaa dha; sababii Waaqayyoof qulqulluu taʼeefis harka nama biraatti darbuu hin qabu.
그들이 그 땅을 팔지도 못하며 바꾸지도 못하며 그 땅의 처음 익은 열매를 남에게 주지도 못하리니 이는 나 여호와에게 거룩히 구별한 것임이니라
15 “Lafti hafe kan balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe faayidaa magaalattiitiif oola; kunis ijaarsa manneeniitii fi lafa dheedaatiif taʼa. Magaalattiin immoo isa gidduu jiraatti;
이 이만 오천척 다음으로 광 오천척은 속된 땅으로 하여 성읍을 세우며 거하는 곳과 들을 삼되 성이 그 중앙에 있게 할지니
16 magaalattiinis karaa kaabaatiin dhundhuma 4,500, karaa kibbaatiin dhundhuma 4,500, karaa baʼaatiin dhundhuma 4,500 karaa lixaatiinis dhundhuma 4,500 balʼatti.
그 척수는 북편도 사천 오백척이요 남편도 사천 오백척이요, 동편도 사천 오백척이요, 서편도 사천 오백척이며
17 Magaalattiin kaabaan dhundhuma 250, kibbaan dhundhuma 250, baʼaan dhundhuma 250, dhiʼaanis dhundhuma 250 lafa dheedaa ni qabaatti.
그 성의 들은 북으로 이백 오십 척이요 남으로 이백 오십 척이요, 동으로 이백 오십척이요, 서으로 이백 오십척이며
18 Wanni lafa sana irraa hafe kan kutaa qulqulluu daangessuu fi dheerina lafa sanaa qabatee jiru karaa baʼaatiin dhundhuma 10,000, karaa dhiʼaatiin illee dhundhuma 10,000 ni taʼa. Oomishni lafa sanaas hojjettoota magaalattiitiif nyaata ni taʼa.
예물을 삼아 거룩히 구별할 땅과 연접하여 남아 있는 땅의 장이 동으로 일만 척이요 서으로 일만척이라 곧 예물을 삼아 거룩히 구별할 땅과 연접하였으며 그 땅의 소산은 성읍에서 역사하는 자의 양식을 삼을지라
19 Hojjettoonni magaalattii kanneen lafa qotatan gosoota Israaʼel hunda keessaa dhufu.
이스라엘 모든 지파 중에 그 성읍에서 역사하는 자는 그 땅을 기경할지니라
20 Kutaan lafa sanaa hundi roga wal qixxee afur qabaata; tokkoon tokkoon roga sanaas dhundhuma 25,000 taʼa. Qabeenya magaalaa wajjinis akka kennaa addaa taʼuuf kutaa qulqulluu hambisaa.
그런즉 예물로 드리는 땅의 도합은 장도 이만 오천척이요 광도 이만 오천척이라 너희가 거룩히 구별하여 드릴 땅은 성읍의 기지와 합하여 네모 반듯할 것이니라
21 “Wanni karaa kutaa qulqulluu lamaanii fi qabeenya magaalattii irraa hafe bulchaa sanaaf taʼa. Innis karaa baʼaa kutaa qulqulluu kan dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa baʼaatti, karaa dhiʼaa immoo lafa dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa dhiʼaatti balʼata. Lafti dheerina qoodawwan gosaa qabatee jiru sun lamaan bulchaa sanaaf taʼa; kutaan qulqulluun iddoo qulqulluu kan mana qulqullummaa wajjin jiru sun isaan gidduutti argama.
거룩히 구별할 땅과 성읍의 기지 좌우편에 남은 땅은 왕에게 돌릴지니 곧 거룩히 구별할 땅의 동향한 그 지계 앞 이만 오천척이라 다른 분깃들과 연접한 땅이니 이것을 왕에게 돌릴 것이며 거룩히 구별할 땅과 전의 성소가 그 중간에 있으리라
22 Kanaafuu qabeenyi Lewwotaatii fi qabeenyi magaalattii lafa bulchaa sanaaf kenname sana walakkaatti argama. Lafti bulchaa sanaaf kenname sunis daangaa Yihuudaatii fi daangaa Beniyaam gidduutti argama.
그런즉 왕에게 돌려 그에게 속할 땅은 레위 사람의 기업 좌우편과 성읍의 기지 좌우편이며 유다 지경과 베냐민 지경 사이에 있 을지니라
23 “Qoodni gosoota hafanii kan armaan gad jiruu dha: “Gosti Beniyaam qooda tokko qabaata; kunis gara baʼaatii hamma gara dhiʼaatti balʼata.
그 나머지 모든 지파는 동편에서 서편까지는 베냐민의 분깃이요
24 Gosti Simiʼoon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Beniyaam daangessa.
베냐민 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 시므온의 분깃이요
25 Gosti Yisaakorii qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Simiʼoon daangessa.
시므온 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 잇사갈의 분깃이요
26 Gosti Zebuuloon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Yisaakor daangessa.
잇사갈 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 스불론의 분깃이요
27 Gosti Gaad qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Zebuuloon daangessa.
스불론 지계 다음으로 동편에서 서편까지는 갓의 분깃이며
28 Daangaan Gaad kan karaa kibbaa sun Taamaarii jalqabee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti, ergasiis ededa Laga Gibxi irra hamma Galaana Guddichaatti gara Kaabaa deema.
갓 지계 다음으로 남편 지계는 다말에서부터 므리바가데스 물에 이르고 애굽 시내를 따라 대해에 이르나니
29 “Kunis biyya isin dhaala gootanii ixaadhaan gosoota Israaʼeliif qoqqooduu qabdanii dha; isaan kunneenis qoodawwan isaanii taʼan” jedha Waaqayyo Gooftaan.
이것은 너희가 제비 뽑아 이스라엘 지파에게 나누어 주어 기업이 되게 할 땅이요 또 이것들은 그들의 분깃이니라 나 주 여호와의 말이니라
30 “Karrawwan magaalaa sana keessaa ittiin baʼan kanneenii dha: “Karaa kaabaatii jalqabee kan dhundhuma 4,500 dheeratu,
그 성읍의 출입구는 이러하니라 북편의 광이 사천 오백척이라
31 karrawwan magaalaa sanaa maqaa gosoota Israaʼeliin moggaafamu. Karrawwan sadan karaa kaabaatiin jiran karra gosa Ruubeen, karra gosa Yihuudaa fi karra gosa Lewwii taʼu.
그 성읍의 문들은 이스라엘 지파들의 이름을 따를 것인데 북으로 문이 셋이라 하나는 르우벤 문이요, 하나는 유다 문이요, 하나는 레위 문이며
32 Karaa baʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Yoosef, karra Beniyaamii fi karra Daan.
동편의 광이 사천 오백척이니 또한 문이 셋이라 하나는 요셉 문이요, 하나는 베냐민 문이요, 하나는 단 문이며
33 Karaa kibbaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Simiʼoon, karra Yisaakorii fi karra Zebuuloon.
남편의 광이 사천 오백척이니 또한 문이 셋이라 하나는 시므온 문이요, 하나는 잇사갈 문이요, 하나는 스불론 문이며
34 Karaa dhiʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Gaad, karra Aasheerii fi karra Niftaalem.
서편도 사천 오백척이니 또한 문이 셋이라 하나는 갓 문이요, 하나는 아셀 문이요, 하나는 납달리 문이며
35 “Naannoon magaalaa sanaa guutumaan guutuutti dhundhuma 18,000 taʼa. “Maqaan magaalaa sanaas yeroo sanaa jalqabee, ‘Waaqayyo achi jira taʼa.’”
그 사면의 도합이 일만 팔천척이라 그 날 후로는 그 성읍의 이름을 여호와 삼마라 하리라

< Hisqiʼeel 48 >