< Hisqiʼeel 28 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin, “Ani waaqa; ani handhuura galaanaa keessa, teessoo waaqaa irra nan taaʼa” jette. Qaroo akka waaqaa of seetu iyyuu, ati nama malee waaqa miti. 3 Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa? Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu? 4 Ati ogummaa fi hubannaa keetiin qabeenya argatteerta; warqee fi meetii mankuusaa kee keessatti kuufatteerta. 5 Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun qabeenya kee baayʼifatteerta; sababii qabeenya keetiitiif immoo garaan kee of tuulummaadhaan guutameera. 6 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Sababii ati qaroo akka waaqaa of seetuuf, 7 ani namoota biyya ormaa saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii ulfina kee guddaa sana balleessu. 8 Isaan boolla keessa si buusu; atis garaa galaanaa keessatti duʼa hamaa duuta. 9 Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti, “Ani waaqa” ni jettaa? Ati harka warra si gorraʼanii keessatti namuma malee waaqa miti. 10 Ati harka namoota biyya ormaatti duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta. Ani dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.’” 11 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati fakkeenya guutummaa ti; ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu. 13 Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, Eeden keessa turte; dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, sanpeer, baluurii fi biiralee. Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman. 14 Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; anis kanumaafan si muude. Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite. 15 Ati gaafa uumamtee jalqabdee hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti jireenyi kee hirʼina hin qabu ture. 16 Babalʼina daldala keetiitiin gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, ani tulluu Waaqaa irraa dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa si salphisee ariʼeen si baase. 17 Sababii miidhagina keetiitiif, ati koorteerta; sababii ulfina keetiitiif, ogummaa kee balleessite. Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe. 18 Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; innis gubee si fixe; anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti lafa irratti daaraan si taasise. 19 Saboonni si beekan hundinuu si arganii rifatan; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’” 20 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe; 21 “Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu; 22 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera; si keessatti ulfina nan argadha. Yeroo ani ishee adabee akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. 23 Ani dhaʼicha isheetti ergee akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha. Namoonni goraadee karaa hundaan ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. 24 “‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku. 25 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne sana keessa ni jiraatu. 26 Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.’”

< Hisqiʼeel 28 >