< Baʼuu 38 >

1 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa qalma gubamuu kan dhundhuma sadii ol dheeratu ijaaran; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. 2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchan; gaanfaa fi iddoo aarsaa sana mukuma tokko irraa tolchan; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisan. 3 Isaanis miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchan. 4 Iddoo aarsaa sanaafis naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjetanii akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol baʼee marsaa isaa jalaan jiraatu godhan. 5 Akka isaan danqaraawwan qabataniifis goleewwan gingilchaa naasii sanaa afraniif qubeelaawwan naasii hojjetan. 6 Danqaraawwan muka laaftoos tolchanii naasii itti uffisan. 7 Iddoo aarsaa sana ittiin baachuufis danqaraawwan sana qubeelaawwan gamaa gamanaan iddoo aarsaa irra jiran keessa galchan. Iddoo aarsaa sanas keessa isaa duwwaa godhanii saanqaa irraa tolchan. 8 Isaanis gabatee itti dhiqatan kan naasii miilla isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin of ilaaleewwan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii dura tajaajilanii irraa tolchan. 9 Kanatti aansanii oobdii tolchan. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame irraa hojjetames qaba ture; 10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan kunneenis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa hojjetaman qabu ture. 11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan sunis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa tolfaman qabu turan. 12 Gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaba ture; hokkoowwanii fi somaawwan utuboota sanaas meetii irraa hojjetaman. 13 Fiixee baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin dhundhuma shantama balʼata ture. 14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra turan. 15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis balbala oobdii sana irra gama kaaniin turan. 16 Golgaawwan naannoo oobdii sanaa hundi quncee talbaa kan qaldhifamee foʼame irraa tolfaman. 17 Miillawwan utuboota sanaa naasii irraa tolfaman. Hokkoowwanii fi somaawwan utubootaa immoo meetii irraa tolfamanii fiixee utuboota sanaatti meetii uffisan. Utuboonni oobdii sanaa hundinuus somaawwan meetii qabu turan. 18 Golgaan balbala oobdii sanaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tolfame. Innis dhundhuma digdama dalga dheeratee akkuma oobdichaa dhundhuma shan ol dheerata ture; 19 utubaa afurii fi miilla naasii afuris qaba ture. Hokkoowwanii fi somaawwan isaanii meetii irraa tolfamanii fiixee isaaniitti meetiin uffifamee ture. 20 Qofoon dunkaana qulqulluutii fi qofoon naannoo oobdii sanaa hundi naasii irraa tolfaman. 21 Baayʼinni miʼa dunkaanni qulqulluun jechuunis dunkaanni dhuga baʼumsaa ittiin hojjetamee kan Lewwonni ajaja Museetiin qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin galmeessan kanaa dha. 22 Bezaliʼeel ilmi Uuri jechuunis ilmi ilma Huur namichi gosa Yihuudaa sun waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjete. 23 Oholiiyaab ilmi Ahiisaamaak namichi gosa Daan sunis isa wajjin ture; innis ogeessa hojii harkaa, ogeessa bifa baasuu fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen waa faayessu ture. 24 Baayʼinni warqee aarsaa sochoofamuu kan hojii iddoo qulqulluu sanaa hunda irra oole walumaa galatti akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 29 fi saqilii 730 ture. 25 Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaaʼaman irraa argames akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 100 fi saqilii 1,775 ture. 26 Namoonni warra duraan lakkaaʼamanii jiranitti dabalaman kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan hammanaa ol taʼe 603,550 turan. Isaan kunneenis akka madaalii iddoo qulqulluutti matuma mataan beekaa tokko tokko jechuun walakkaa saqilii tokko tokkoo baasan. 27 Meetii taalaantii 100 sanaan miillawwan iddoo qulqulluutii fi miillawwan golgaatu hojjetame; taalaantii 100 fi miilla 100 hojjetame; miilla tokkoof taalaantii tokkotu barbaachise jechuu dha. 28 Isaanis saqilii 1,775 sana hokkoo utubaawwanii tolchuuf, fiixee utubaawwaniitti uffisuu fi somaawwan isaanii tolchuuf itti fayyadaman. 29 Naasiin aarsaa sochoofamuus taalaantii 70 fi saqilii 2,400 ture. 30 Isas miilla balbala dunkaana wal gaʼii, iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetamee fi miʼa isaa hunda tolchuuf itti fayyadaman; 31 akkasumas miilli naannoo oobdii, miilli balbala oobdii, qofoowwan dunkaana qulqulluu hundii fi qofoowwan naannoo oobdii hundi naasii irraa hojjetaman.

< Baʼuu 38 >