< Baʼuu 36 >

1 Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni Waaqayyo ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma Waaqayyo ajajetti hojii kana haa hojjetan.”
Potem so Becalél in Oholiáb in vsak človek modrega srca, v katerega je Gospod položil modrost in razumevanje, da ve, kako delati vse vrste dela za službo svetišča, izvršili glede na vse, kakor je zapovedal Gospod.
2 Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa Waaqayyo dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame.
Mojzes je poklical Becaléla in Oholiába in vsakega človeka modrega srca, v katerega srce je Gospod položil modrost, torej vsakega, ki ga je razvnelo srce, da pride k delu, da ga opravi
3 Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan.
in od Mojzesa so prejeli vso daritev, ki so jo Izraelovi otroci prinesli za delo službe svetišča, da to istočasno opravijo. In k njemu so še vsako jutro prinašali prostovoljne daritve.
4 Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii
Prišli so vsi modri možje, ki so opravljali delo pri svetišču, vsak človek od svojega dela, ki so ga opravljali
5 Museedhaan, “Sabni kun waan hojii Waaqayyo akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan.
in spregovorili Mojzesu, rekoč: »Ljudstvo prinaša veliko več kakor dovolj za delo služenja, ki ga je Gospod zapovedal narediti.«
6 Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman.
Mojzes je dal zapoved in naredili so, da je bila razglašena po taboru, rekoč: »Naj niti moški niti ženska ne opravlja več nobenega dela za darovanje svetišču.« Tako je bilo ljudstvo zadržano od prinašanja.
7 Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii.
Kajti stvari, ki so jih imeli, je bilo zadosti za izvršitev vsega dela in še preveč.
8 Hojjettoota sana keessaas ogeeyyiin hundi golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu haa hojjetan; golgaawwan sana irrattis ogeeyyiin harka qajeelan kiirubeelii hojjetan.
Vsak človek modrega srca med njimi, ki opravlja delo šotorskega svetišča, je naredil deset zaves iz sukane tančice, modre, vijolične in škrlatne. S kerubi spretne izdelave jih je naredil.
9 Golgaawwan sun hundinuu wal qixxee taʼanii tokkoon tokkoon isaanii dheerina dhundhuma digdamii saddeetiitii fi balʼina dhundhuma afur qabu ture.
Dolžina ene zavese je bila osemindvajset komolcev in širina ene zavese štiri komolce. Zavese so bile vse ene velikosti.
10 Isaanis golgaawwan shan walitti qabsiisan; shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisan.
Spojil je pet zaves eno k drugi in drugih pet zaves je spojil eno k drugi.
11 Isaanis golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchan; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolfaman.
Naredil je zanke iz modre na robu prve zavese od zarobitve v spoju. Podobno je naredil na zadnji strani druge zavese na spoju druge.
12 Isaanis golgaa tokko irratti gurroowwan shantama tolchan; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa isa moggaa irratti tolchan; gurroowwan sunis gamaa gamanaan turan.
Petdeset zank je naredil na eni zavesi in petdeset zank je naredil na robu zavese, ki je bila na spoju druge. Zanke so eno zaveso držale k drugi.
13 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchanii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisan.
Naredil je petdeset zaponk iz zlata in zavese spojil z zaponkami skupaj eno k drugi. Tako je postalo eno šotorsko svetišče.
14 Isaanis haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu sanaa irra jiru haguuguuf golgaawwan rifeensa reʼee kudha tokko hojjetan.
Naredil je zavese iz kozje dlake za šotor nad šotorskim svetiščem. Naredil je enajst zaves.
15 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee turan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur ture.
Dolžina ene zavese je bila trideset komolcev in štiri komolce je bila širina ene zavese. Enajst zaves je bilo ene velikosti.
16 Isaanis golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisan; golgaawwan kaan jaʼaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisan.
Spojil je pet zaves posebej in šest zaves posebej.
17 Ergasiis golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan.
Naredil je petdeset zank na zadnjem robu zavese na spoju in petdeset zank je naredil na robu zavese, ki spaja drugo.
18 Akka dunkaanni sun tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf qabduuwwan naasii shantama tolchan.
Naredil je petdeset zaponk iz brona, da šotor spoji skupaj, da bo ta lahko eno.
19 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjetan.
Naredil je pokrivalo za šotor iz rdeče barvanih ovnovih kož in nad tem pokrivalo iz jazbečevih kož.
20 Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjetan.
Naredil je deske za šotorsko svetišče iz akacijevega lesa, stoječe pokonci.
21 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
Dolžina deske je bila deset komolcev in širina deske en komolec in pol.
22 Tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama qaba ture. Tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchan.
Ena deska je imela dva zatiča, enako oddaljena eden od drugega. Tako je naredil za vse deske šotorskega svetišča.
23 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjetan;
Naredil je deske za šotorsko svetišče; dvajset desk za južno stran, proti jugu.
24 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchan.
Pod dvajsetimi deskami je naredil štirideset podstavkov iz srebra; dva podstavka pod eno desko za njena dva zatiča in dva podstavka pod drugo desko za njena dva zatiča.
25 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchan.
Za drugo stran šotorskega svetišča, ki je proti severnemu vogalu, je naredil dvajset desk
26 Isaaniifis miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchan.
in njihovih štirideset podstavkov iz srebra; dva podstavka pod eno desko in dva podstavka pod drugo desko.
27 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa hojjetan.
Za strani šotorskega svetišča proti zahodu je naredil šest desk.
28 Karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchan.
Dve deski je naredil za vogala šotorskega svetišča na dveh straneh.
29 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkanuma hojjetan.
Spojeni sta bili spodaj in skupaj spojeni pri njegovi glavi v en obroč. Tako je storil obema izmed njiju na obeh vogalih.
30 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu ture; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba ture.
Bilo je osem desk in njihovih podstavkov je bilo šestnajst podstavkov iz srebra, pod vsako desko dva podstavka.
31 Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchan; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
Naredil je zapahe iz akacijevega lesa; pet za deske ene strani šotorskega svetišča
32 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif shan, tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchan.
in pet zapahov za deske druge strani šotorskega svetišča in pet zapahov za deske šotorskega svetišča proti zahodu.
33 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhan.
Naredil je srednji zapah, da je segal skozi deske od enega konca k drugemu.
34 Tuggeewwan sanaattis warqee dibanii akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchan. Dagaleewwan sanaattis akkasuma warqee uffisan.
Deske je prevlekel z zlatom in njihove obroče naredil iz zlata, da bodo postavljeni za zapahe in zapahe je prevlekel z zlatom.
35 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tolchan; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii tolche.
Naredil je zagrinjalo iz modre, vijolične, škrlatne in sukane tančice. S kerubi spretne izdelave jih je naredil.
36 Golgaa sanaafis utubaawwan muka laaftoo afur tolchanii warqee itti uffisan; utubaa sanaafis hokkoowwan warqee hojjetanii miilla meetii afur itti tolchan.
K temu je naredil štiri stebre iz akacijevega lesa in jih prevlekel z zlatom. Njihovi kavlji so bili iz zlata in zanje je ulil štiri podstavke iz srebra.
37 Isaanis balbala dunkaanichaatiif golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessanii tolchan.
Naredil je tanko preprogo za vrata šotorskega svetišča iz modre, vijolične, škrlatne in sukane tančice, iz vezenine;
38 Isaanis utuboota hokkoo qaban shan hojjetanii, fiixee fi somaawwan utubootaatti warqee uffisan; miilla isaanii shananis naasii irraa tolchan.
in njenih pet stebrov z njihovimi kavlji. Njihove kapitele in njihove okrasne trakove je prevlekel z zlatom, toda njihovih pet podstavkov je bilo iz brona.

< Baʼuu 36 >