< Baʼuu 20 >

1 Waaqni akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate:
God spoke all these words, saying,
2 “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
“I am the LORD your God, who brought you out of the land of Egypt, out of the house of bondage.
3 “Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
“You shall have no other gods before me.
4 Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin.
“You shall not make for yourselves an idol, nor any image of anything that is in the heavens above, or that is in the earth beneath, or that is in the water under the earth:
5 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
you shall not bow yourself down to them, nor serve them, for I, the LORD your God, am a jealous God, visiting the iniquity of the fathers on the children, on the third and on the fourth generation of those who hate me,
6 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
and showing loving kindness to thousands of those who love me and keep my commandments.
7 Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
“You shall not misuse the name of the LORD your God, for the LORD will not hold him guiltless who misuses his name.
8 Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu.
“Remember the Sabbath day, to keep it holy.
9 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu;
You shall labour six days, and do all your work,
10 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin.
but the seventh day is a Sabbath to the LORD your God. You shall not do any work in it, you, nor your son, nor your daughter, your male servant, nor your female servant, nor your livestock, nor your stranger who is within your gates;
11 Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Waaqayyo Sanbata eebbisee qulqulleesse.
for in six days the LORD made heaven and earth, the sea, and all that is in them, and rested the seventh day; therefore the LORD blessed the Sabbath day, and made it holy.
12 Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
“Honour your father and your mother, that your days may be long in the land which the LORD your God gives you.
13 Hin ajjeesin.
“You shall not murder.
14 Hin ejjin.
“You shall not commit adultery.
15 Hin hatin.
“You shall not steal.
16 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
“You shall not give false testimony against your neighbour.
17 Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
“You shall not covet your neighbour’s house. You shall not covet your neighbour’s wife, nor his male servant, nor his female servant, nor his ox, nor his donkey, nor anything that is your neighbour’s.”
18 Jarri hundinuus yommuu bakakkaa fi balaqqeessa, sagalee malakataatii fi tulluu aaru hubatanitti sodaadhaan hollatan. Isaan fagoo dhaabatanii
All the people perceived the thunderings, the lightnings, the sound of the trumpet, and the mountain smoking. When the people saw it, they trembled, and stayed at a distance.
19 Museedhaan, “Ati mataan kee nutti dubbadhu; nu ni dhaggeeffannaa. Garuu Waaqni nutti hin dubbatin. Yoo kanaa achii nu ni dhumnaa” jedhan.
They said to Moses, “Speak with us yourself, and we will listen; but don’t let God speak with us, lest we die.”
20 Museen immoo saba sanaan, “Hin sodaatinaa. Akka Waaqa sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Waaqni isin qoruuf dhufeera” jedhe.
Moses said to the people, “Don’t be afraid, for God has come to test you, and that his fear may be before you, that you won’t sin.”
21 Yeroo Museen dukkana limixii iddoo Waaqni turetti dhiʼaatetti, namoonni fagoo dhaabatan.
The people stayed at a distance, and Moses came near to the thick darkness where God was.
22 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Saba Israaʼelitti waan kana himi: ‘Akka ani samii irraa isinitti dubbadhe isin mataan keessan argitaniirtu;
The LORD said to Moses, “This is what you shall tell the children of Israel: ‘You yourselves have seen that I have talked with you from heaven.
23 ana biratti waaqota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqota meetii yookaan waaqota warqee hin tolfatinaa.
You shall most certainly not make gods of silver or gods of gold for yourselves to be alongside me.
24 “‘Biyyoo lafaa irraa iddoo aarsaa naa tolchiitii isa irratti qalma gubamu, aarsaa nagaa, hoolota kee, reʼoota keetii fi loon kee aarsaa dhiʼeessi. Ani iddoo akka maqaan koo itti yaadatamu godhu hundatti gara kee dhufee sin eebbisa.
You shall make an altar of earth for me, and shall sacrifice on it your burnt offerings and your peace offerings, your sheep and your cattle. In every place where I record my name I will come to you and I will bless you.
25 Yoo dhagaa irraa iddoo aarsaa naa ijaarte immoo dhagaa soofame irraa hin ijaarin; yoo meeshaadhaan isa tuqxe ni xureessitaatii.
If you make me an altar of stone, you shall not build it of cut stones; for if you lift up your tool on it, you have polluted it.
26 Akka qullaan kee isa irratti hin mulʼanneef gulantaadhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’
You shall not go up by steps to my altar, that your nakedness may not be exposed to it.’

< Baʼuu 20 >