< Lallaba 11 >

1 Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii. 2 Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi; balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii. 3 Duumessi yoo bishaaniin guutame, bokkaa lafatti gad dhangalaasa. Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige, idduma itti kufe sana ciisa. 4 Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu; kan duumessa ilaallatus hin haammatu. 5 Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu. 6 Inni kun yookaan inni sun, yookaan lachanuu wal qixxee tolu; inni kam akka tolu hin beektuutii; ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin. 7 Ifni miʼaawaa dha; aduu arguunis ija gammachiisa. 8 Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee, inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu. Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu; isaan ni baayʼatuutii. Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu. 9 Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi; bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu. Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi; garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu. 10 Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi; sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef dhagna kee keessaa hammina baasii gati.

< Lallaba 11 >