< Hojii 3 >

1 Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhannaatti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan. 2 Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan. 3 Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate. 4 Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen. 5 Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale. 6 Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe. 7 Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate. 8 Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene. 9 Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti, 10 akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis. 11 Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan. 12 Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu? 13 Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan. 14 Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan. 15 Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti. 16 Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne. 17 “Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka. 18 Waaqni garuu waan akka Kiristoos dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa raajota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate. 19 Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa; 20 kunis akka inni Kiristoos isiniif filatame sana jechuunis Yesuusin erguuf. 21 Innis hamma yeroon Waaqni itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti samii irra turuu qaba; Waaqnis bara dheeraadhaan dura karaa raajota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture. (aiōn g165) 22 Museen akkana jedheeraatii; ‘Waaqni keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa. 23 Namni raajii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’ 24 “Saamuʼeel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru. 25 Isin immoo ilmaan raajotaatii fi ilmaan kakuu Waaqni abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Abrahaamiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe. 26 Waaqni yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.”

< Hojii 3 >