< 2 Saamuʼeel 21 >

1 Jabana Daawit keessa beelli waggaa sadii walitti aansee buʼe; kanaafuu Daawit fuula Waaqayyoo barbaade. Waaqayyos, “Sababii Saaʼol Gibeʼoonota ajjeeseef isaa fi mana isaa irra yakka dhiigaatu jira” jedhe. 2 Mootichis Gibeʼoonota walitti qabee isaan wajjin haasaʼe. Gibeʼoononni hambaa Amoorotaa turan malee ilmaan Israaʼelootaa miti; Israaʼeloonni akka isaan eegan kakuu seenaniif; Saaʼol garuu hinaaffaa Israaʼelii fi Yihuudaaf qabuun Gibeʼoonota balleessuu barbaadee ture. 3 Daawitis, “Ani maalin isiniif godha? Akka isin dhaala Waaqayyoo eebbiftaniif ani akkamittin araara buusuu dandaʼa?” jedhee Gibeʼoonota gaafate. 4 Gibeʼoononni immoo, “Nu Saaʼol irraa meetii yookaan warqee gaafachuuf mirga hin qabnu; yookaan akka namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti duʼu gochuuf nu mirga qabnaa?” jedhanii deebisaniif. Daawitis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate. 5 Isaanis akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan; “Nama akka nu diigamnuu fi akka nu Israaʼel keessattis iddoo tokko illee hin arganne nu godhe sana, 6 sanyii isaa keessaa dhiirri torba nuuf haa kennaman; nus dhaqnee biyya Saaʼol namicha Waaqayyo filate sanaa, Gibeʼaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannifnaa.” Kanaafuu mootichi, “Tole isiniifin kenna” jedhe. 7 Mootichi garuu sababii kakuu Waaqayyoo kan Daawitii fi Yoonaataan ilma Saaʼol gidduutti godhame sanaatiif jedhee Mefiibooshet ilma Yoonaataan ilma Saaʼol duʼa jalaa baase. 8 Mootichis Armoonii fi Mefiibooshet ilmaan Riixiphaan intalli Ayyaa Saaʼoliif deesse lamaanii fi ilmaan Meerob intalli Saaʼol Adriiʼeel ilma Barzilaay namicha gosa Mehoolaatiif deesse shanan geesse. 9 Innis dabarsee Gibeʼoonotatti isaan kenne. Jarris isaan ajjeesanii gaara gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisan. Torbaan isaanii iyyuu walumaan dhuman; isaanis akkuma garbuun haamamuu jalqabeen yeroo midhaan haamamutti guyyoota jalqabaatti ajjeefaman. 10 Riixiphaan intalli Ayyaa sun wayyaa gaddaa fudhattee kattaa irra afatte. Isheenis yeroo midhaan itti haamamuu jalqabdee hamma bokkaan reeffa jara ajjeefamanii sanatti samiidhaa roobutti akka guyyaa guyyaa allaattiin samii halkan immoo bineensonni bosonaa reeffa sana tuqan hin eeyyamne. 11 Wanni Riixiphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saaʼol sun hojjette Daawititti himame; 12 innis dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan namoota Yaabeesh Giliʼaad biraa fide. Isaan oobdii Beet Shaan iddoo Filisxeemonni gaafa Gilboʼaatti Saaʼolin ajjeesan itti jara fannisan sanaa isaan hatanii turaniitii. 13 Daawitis lafee Saaʼolii fi lafee Yoonaataan ilma Saaʼol achii fide; lafeen warra ajjeefamanii fannifamaniis walitti qabame. 14 Isaanis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan biyya Beniyaam keessatti, iddoo Zeelaa jedhamutti awwaala Qiish abbaa Saaʼol keessatti awwaalanii waan mootichi ajaje hunda godhan. Sana booddee Waaqni kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaate ni dhagaʼe. 15 Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe. 16 Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade. 17 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif. 18 Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese. 19 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese. 20 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate. 21 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese. 22 Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.

< 2 Saamuʼeel 21 >