< 2 Saamuʼeel 17 >

1 Ahiitofelis Abesaaloomiin akkana jedhe; “Ani namoota kuma kudha lama filadhee halkanuma kana Daawitin nan ariʼa. 2 Anis yeroo inni dadhabee laafutti isa nan dhaʼa. Sodaa itti buusee akka namoonni isa wajjin jiran hundis baqatan nan godha. Ani mooticha qofa dhaʼee 3 namoota isaa hundas deebisee sittin fida. Duuti namicha ati barbaaddu sanaa deebiʼuu nama hundaa ti jechuu dha; ergasii namoonni hundinuu nagaan jiraatu.” 4 Karoorri kunis Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel hundatti waan gaarii fakkaate. 5 Abesaaloom garuu, “Mee Huushaayi namicha gosa Arkii sanas waamaatii waan inni jedhu haa dhageenyu” jedhe. 6 Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen. 7 Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti. 8 Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu. 9 Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa. 10 Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman. 11 “Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni. 12 Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan. 13 Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.” 14 Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. Waaqayyo Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii. 15 Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse. 16 Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.” 17 Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii. 18 Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan. 19 Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne. 20 Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan. Dubartittiinis, “Isaan laga ceʼanii deemaniiru” jettee isaaniif deebifte. Jarris barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu Yerusaalemitti deebiʼan. 21 Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin. 22 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre. 23 Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame. 24 Daawit gara Mahanayiim deeme; Abesaaloom immoo namoota Israaʼel hunda wajjin Yordaanosin ceʼe. 25 Abesaaloomis Amaasaa qooda Yooʼaab ajajaa loltootaa godhee muude; Amaasaan kun ilma namicha gosa Israaʼel kan Yitraa jedhamu isa Abiigayiil haadha Yooʼaab, obboleettii Zeruuyaa, intala Naaʼaash sana fuudhee ture. 26 Israaʼeloonnii fi Abesaaloom biyya Giliʼaad keessa qubatan. 27 Yommuu Daawit Mahanayiim gaʼettis, Shoobiin ilmi Naahaash namichi gosa Amoon kan Rabbaadhaa dhufe, Maakiir ilmi Amiiʼeel kan Lodebaarii dhufee fi Barzilaayiin namichi gosa Giliʼaad kan Rogeliimii dhufe 28 afata, waciitii fi miʼoota suphee irraa hojjetaman fidan. Akkasumas akka isaan nyaataniif qamadii fi garbuu, daakuu fi akaayii, baaqelaa fi misira, 29 dammaa fi itittuu, hoolotaa fi baaduu aannan loon Daawitii fi namoota isaatiif fidan. Isaanis, “Namoonni lafa gammoojjiitti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, dheebotaniirus” jedhanii turaniitii.

< 2 Saamuʼeel 17 >