< 2 Mootota 23 >

1 Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame.
王差遣人招聚猶大和耶路撒冷的眾長老來。
2 Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi raajota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef.
王和猶大眾人與耶路撒冷的居民,並祭司、先知,和所有的百姓,無論大小,都一同上到耶和華的殿;王就把耶和華殿裏所得的約書念給他們聽。
3 Mootichis utubaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse.
王站在柱旁,在耶和華面前立約,要盡心盡性地順從耶和華,遵守他的誡命、法度、律例,成就這書上所記的約言。眾民都服從這約。
4 Mootichis akka isaan miʼoota Baʼaaliif, Asheeraadhaa fi raayyaawwan samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa baasaniif Hilqiyaa lubicha ol aanaa, luboota sadarkaan isatti aananii fi eegdota balbalaa ajaje. Innis miʼoota sana Yerusaalem keessaa baasee dirree Sulula Qeedroon irratti gube; daaraa isaas fuudhee Beetʼeelitti geesse.
王吩咐大祭司希勒家和副祭司,並把門的,將那為巴力和亞舍拉,並天上萬象所造的器皿,都從耶和華殿裏搬出來,在耶路撒冷外汲淪溪旁的田間燒了,把灰拿到伯特利去。
5 Luboota waaqota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan samii hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse.
從前猶大列王所立拜偶像的祭司,在猶大城邑的邱壇和耶路撒冷的周圍燒香,現在王都廢去,又廢去向巴力和日、月、行星,並天上萬象燒香的人;
6 Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa Waaqayyootii fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa awwaala namootaa irratti firfirse.
又從耶和華殿裏將亞舍拉搬到耶路撒冷外汲淪溪邊焚燒,打碎成灰,將灰撒在平民的墳上;
7 Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.
又拆毀耶和華殿裏孌童的屋子,就是婦女為亞舍拉織帳子的屋子,
8 Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Iyyaasuu bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige.
並且從猶大的城邑帶眾祭司來,污穢祭司燒香的邱壇,從迦巴直到別是巴,又拆毀城門旁的邱壇,這邱壇在邑宰約書亞門前,進城門的左邊。
9 Luboonni iddoowwan sagadaa kunneen yoo iddoo aarsaa Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa irra tajaajiluu baatan illee isaan luboota akka isaanii wajjin Maxinoo nyaatan ture.
但是邱壇的祭司不登耶路撒冷耶和華的壇,只在他們弟兄中間吃無酵餅。
10 Innis akka namni tokko iyyuu ilma isaa yookaan intala isaa aarsaa godhee ibiddaan Moolekiif hin dhiʼeessineef Toofeti kan Sulula Ben Hinoom keessatti argamu sana ni xureesse.
又污穢欣嫩子谷的陀斐特,不許人在那裏使兒女經火獻給摩洛;
11 Akkasumas fardeen mootonni Yihuudaa aduudhaaf kennan sana balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti geessu irraa fuudhee ni balleesse. Fardeen sun oobdii kutaa mana Naataan-Meelek qondaaltichaa biraa keessa turan. Ergasiis Yosiyaas gaariiwwan aduu sana ibiddaan ni gube.
又將猶大列王在耶和華殿門旁、太監拿單‧米勒靠近遊廊的屋子、向日頭所獻的馬廢去,且用火焚燒日車。
12 Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate.
猶大列王在亞哈斯樓頂上所築的壇和瑪拿西在耶和華殿兩院中所築的壇,王都拆毀打碎了,就把灰倒在汲淪溪中。
13 Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Solomoon mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqittii xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqicha xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse.
從前以色列王所羅門在耶路撒冷前、邪僻山右邊為西頓人可憎的神亞斯她錄、摩押人可憎的神基抹、亞捫人可憎的神米勒公所築的邱壇,王都污穢了,
14 Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute.
又打碎柱像,砍下木偶,將人的骨頭充滿了那地方。
15 Akkasumas iddoo aarsaa Beetʼeel keessa ture sanaa fi iddoo sagadaa kan Yerobiʼaam ilmi Nebaat inni Israaʼelin cubbuu hojjechiise sun ijaare iddoo aarsaa sanaa fi iddoo sagadaa ni diige. Iddoo sagadaa sanas caccabsee, daakee bulleesse; siidaa Aasheeraas ni gube.
他將伯特利的壇,就是叫以色列人陷在罪裏、尼八的兒子耶羅波安所築的那壇,都拆毀焚燒,打碎成灰,並焚燒了亞舍拉。
16 Yosiyaasis of irra garagalee awwaalawwan tulluu irra jiran achitti arge; nama ergees awwaalawwan sana keessaa lafeewwan fichisiisee akkuma dubbii Waaqayyoo kan namni Waaqaa inni duraan dursee waan kana dubbate sun labsetti iddoo aarsaa irratti gubee isa xureesse.
約西亞回頭,看見山上的墳墓,就打發人將墳墓裏的骸骨取出來,燒在壇上,污穢了壇,正如從前神人宣傳耶和華的話。
17 Mootichi, “Dhagaan awwaalaa kan ani arguutti jiru kun maal?” jedhee ni gaafate. Namoonni magaalaa sanaa immoo, “Inni awwaala nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufee waanuma ati iddoo aarsaa Beetʼeel goote kana duraan dursee labse sanaa ti” jedhan.
約西亞問說:「我所看見的是甚麼碑?」那城裏的人回答說:「先前有神人從猶大來,預先說王現在向伯特利壇所行的事,這就是他的墓碑。」
18 Innis, “Isa dhiisaa; namni tokko iyyuu lafee isaa hin tuqin” jedhe. Kanaafuu isaan lafee isaattii fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa illee ni dhiisan.
約西亞說:「由他吧!不要挪移他的骸骨。」他們就不動他的骸骨,也不動從撒馬利亞來那先知的骸骨。
19 Yosiyaas akkuma Beetʼeelitti godhe sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa kanneen mootonni Israaʼel magaalaawwan Samaariyaa keessatti ijaaranii Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan sana hunda ni diige.
從前以色列諸王在撒馬利亞的城邑建築邱壇的殿,惹動耶和華的怒氣,現在約西亞都廢去了,就如他在伯特利所行的一般;
20 Innis luboota iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda iddoowwan aarsaa irratti qalee lafee namaas achuma irratti ni gube. Ergasiis gara Yerusaalemitti ni deebiʼe.
又將邱壇的祭司都殺在壇上,並在壇上燒人的骨頭,就回耶路撒冷去了。
21 Mootichis, “Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti Waaqayyo Waaqa keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa” jedhee saba hunda ajaje.
王吩咐眾民說:「你們當照這約書上所寫的,向耶和華-你們的上帝守逾越節。」
22 Bara abbootii murtii kanneen Israaʼelin bulchaa turaniitii jalqabee yookaan bara mootota Israaʼel hunda keessa yookaan Yihuudaa keessa Faasiikaan akkasii takkumaa ayyaaneffamee hin beeku.
自從士師治理以色列人和以色列王、猶大王的時候,直到如今,實在沒有守過這樣的逾越節;
23 Garuu bara Yosiyaas mootichaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Faasiikaan kun Yerusaalemitti Waaqayyoof ayyaaneffamaa ture.
只有約西亞王十八年在耶路撒冷向耶和華守這逾越節。
24 Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe.
凡猶大國和耶路撒冷所有交鬼的、行巫術的,與家中的神像和偶像,並一切可憎之物,約西亞盡都除掉,成就了祭司希勒家在耶和華殿裏所得律法書上所寫的話。
25 Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Musee hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara Waaqayyootti deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne.
在約西亞以前沒有王像他盡心、盡性、盡力地歸向耶和華,遵行摩西的一切律法;在他以後也沒有興起一個王像他。
26 Taʼus sababii Minaaseen waan hojjete hundaan dheekkamsaaf isa kakaaseef Waaqayyo dheekkamsa isaa guddaa fi sodaachisaa Yihuudaa irratti bobaʼe sana irraa hin deebine.
然而,耶和華向猶大所發猛烈的怒氣仍不止息,是因瑪拿西諸事惹動他。
27 Kanaafuu Waaqayyo, “Ani akkuma Israaʼelin balleesse sana Yihuudaas fuula koo duraa nan balleessa; Yerusaalem magaalaa ani filadheef mana qulqullummaa kan ani, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe.
耶和華說:「我必將猶大人從我面前趕出,如同趕出以色列人一般;我必棄掉我從前所選擇的這城-耶路撒冷和我所說立我名的殿。」
28 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
約西亞其餘的事,凡他所行的都寫在猶大列王記上。
29 Bara Yosiyaas mootii turetti, Faraʼoon Nekkoon mootichi Gibxi mootii Asoor gargaaruuf jedhee gara Laga Efraaxiisitti ol baʼe. Yosiyaas mootichis of irraa isa ittisuudhaaf itti gad baʼe. Nekkoon garuu isatti dhufee Megidootti isa ajjeese.
約西亞年間,埃及王法老尼哥上到幼發拉底河攻擊亞述王;約西亞王去抵擋他。埃及王遇見約西亞在米吉多,就殺了他。
30 Garboonni Yosiyaasis gaariidhaan Megidoodhaa gara Yerusaalemitti reeffa isaa fidanii awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii dibanii iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
他的臣僕用車將他的屍首從米吉多送到耶路撒冷,葬在他自己的墳墓裏。國民膏約西亞的兒子約哈斯接續他父親作王。
31 Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte.
約哈斯登基的時候年二十三歲,在耶路撒冷作王三個月。他母親名叫哈慕她,是立拿人耶利米的女兒。
32 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
約哈斯行耶和華眼中看為惡的事,效法他列祖一切所行的。
33 Akka inni Yerusaalem keessa taaʼee hin bulchineef Faraʼoon Nekkoon Hamaati keessatti Riiblaati foncaan isa hidhee Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
法老尼哥將約哈斯鎖禁在哈馬地的利比拉,不許他在耶路撒冷作王,又罰 猶大國銀子一百他連得,金子一他連得。
34 Faraʼoon Nekkoon Eliiyaaqiim ilma Yosiyaas mootichaa iddoo Yosiyaas iddoo abbaa isaa buusee mootii godhe; maqaa Eliiyaaqiimis geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Yehooʼaahaazin garuu fuudhee Gibxitti geesse; innis achitti duʼe.
法老尼哥立約西亞的兒子以利亞敬接續他父親約西亞作王,給他改名叫約雅敬,卻將約哈斯帶到埃及,他就死在那裏。
35 Yehooyaaqiimis meetii fi warqee Faraʼoon Nekkoon gaafate sana ni baase. Waan kana baasuufis gibira biyyatti muree namoota biyyattii irraa akkuma galii isaaniitti meetii fi warqee walitti qabe.
約雅敬將金銀給法老,遵着法老的命向國民徵取金銀,按着各人的力量派定,索要金銀,好給法老尼哥。
36 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Zebuudaa ture; isheenis intala Phedaayaa kan magaalaa Ruumaatii dhufte turte.
約雅敬登基的時候年二十五歲,在耶路撒冷作王十一年。他母親名叫西布大,是魯瑪人毗大雅的女兒。
37 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
約雅敬行耶和華眼中看為惡的事,效法他列祖一切所行的。

< 2 Mootota 23 >