< 1 Saamuʼeel 2 >

1 Haannaanis akkana jettee kadhatte: “Garaan koo Waaqayyotti ni gammada; gaanfi koos Waaqayyoon ol kaafama. Afaan koos diinota koo irratti of jaja; ani fayyisuu keetti nan gammadaatii.
Hannah prayed, and said: "My heart exults in the LORD. My horn is exalted in my God. My mouth is enlarged over my enemies, because I rejoice in your salvation.
2 “Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru; si malees eenyu iyyuu hin jiru; kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.
Truly, there is no one as holy as the LORD. Truly, there is no one besides you, nor is there any rock like our God.
3 “Of jajuudhaan hin dubbatinaa; yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin; Waaqayyo Waaqa beekaadhaatii; hojiiwwanis isaan madaalamu.
"Do not keep speaking proudly. Do not let arrogance come out of your mouth, for the LORD is a God of knowledge. By him actions are weighed.
4 “Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru; namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru.
"The bows of the mighty men are broken. Those who stumbled are armed with strength.
5 Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru; warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan. Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse; isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde.
Those who were full have hired themselves out for bread. Those who were hungry are satisfied. Even the barren has borne seven, and she who has many children languishes.
6 “Waaqayyo ni ajjeesa; ni fayyisas; siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa. (Sheol h7585)
"The LORD kills, and makes alive. He brings down to Sheol, and brings up. (Sheol h7585)
7 Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas; ni salphisa; ni ulfeessas.
The LORD makes poor, and makes rich. He brings low, he also lifts up.
8 Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. “Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti; inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.
He raises up the poor out of the dust. He lifts up the needy from the dunghill, To make them sit with princes, and inherit the throne of glory. For the pillars of the earth are the LORD's. He has set the world on them.
9 Inni miilla qulqulloota isaa ni eega; namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu. “Namni jabina isaatiin hin moʼatu;
He will guard the feet of his faithful ones, but the wicked will be put to silence in darkness. For no man will prevail by strength.
10 warri Waaqayyoon morman ni caccabsamu. Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa. Waaqayyo daarii lafaatti ni murteessa. “Inni mootii isaatiif jabina ni kenna; gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa.”
The LORD will shatter his adversaries. He will thunder against them in the sky. "The LORD will judge the farthest parts of the earth. He will give strength to his king, and exalt the horn of his anointed."
11 Ergasii Elqaanaan gara mana isaa Raamaatti gale; mucichi garuu Eelii lubicha jalatti fuula Waaqayyoo dura tajaajilaa ture.
Elkanah went to Ramah to his house. The child served the LORD before Eli the priest.
12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; Waaqayyonis hin sodaatan ture.
Now the sons of Eli were base men; they did not know the LORD.
13 Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee
The custom of the priests with the people was that when any man offered sacrifice, the priest's servant came, while the flesh was boiling, with a fork of three teeth in his hand;
14 beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan.
and he struck it into the pan, or kettle, or caldron, or pot; all that the fork brought up the priest took therewith. So they did in Shiloh to all the Israelites who came there.
15 Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, “Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni” jedha ture.
Yes, before they burnt the fat, the priest's servant came, and said to the man who sacrificed, "Give meat to roast for the priest; for he will not accept boiled meat from you, but raw."
16 Yoo namichi sun, “Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu” jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, “Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha” isaan jedha ture.
If the man said to him, "Let the fat be burned first, and then take all of it which your soul desires"; then he would say, "No, but you shall give it to me now; and if not, I will take it by force."
17 Cubbuun dargaggootaa kun fuula Waaqayyoo duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii.
The sin of the young men was very great before the LORD; for they despised the offering of the LORD.
18 Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula Waaqayyoo dura ni tajaajila ture.
But Samuel ministered before the LORD, being a child, clothed with a linen ephod.
19 Haati isaa yommuu wagguma waggaan aarsaa waggaa dhiʼeessuuf dhirsa ishee wajjin ol baatutti wandaboo xinnoo ishee hojjettee ni geessitiif turte.
Moreover his mother made him a little robe, and brought it to him from year to year, when she came up with her husband to offer the yearly sacrifice.
20 Eeliinis, “Dubartii kana irraa qooda ilma isheen Waaqayyoof kennite sanaa Waaqayyo ijoollee isheef haa kennuu” jedhee Elqaanaa fi niitii isaa eebbise. Isaanis deebiʼanii mana isaaniitti galan.
And Eli would bless Elkanah and his wife, and said, "May the LORD repay you with offspring by this woman for the gift which she made to the LORD." And the man returned to his home.
21 Waaqayyos Haannaa ni yaadate; isheenis ulfooftee ilmaan sadii fi intallan lama ni deesse. Saamuʼeel mucichis fuula Waaqayyoo duratti ni guddate.
The LORD visited Hannah, and she bore more children, three sons and two daughters. The child Samuel grew before the LORD.
22 Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe.
Now Eli was very old; and he heard what his sons did to the children of Israel (and how that they lay with the women who served at the door of the Tent of Meeting).
23 Kanaafuu inni akkana isaaniin jedhe; “Hammina isin gootan ani saba hundumaa irraa dhagaʼeera; isin maaliif waan akkasii gootu?
And he said to them, "Why do you do such things as these that I hear being said of you from the mouth of the people of the LORD?
24 Lakkisaa yaa ilmaan koo; oduun saba Waaqayyoo keessa facaʼee ani dhagaʼu kun gaarii miti.
No, my sons, do not do this. For it is not a good report that I hear the people of the LORD spreading.
25 Namni tokko yoo nama biraatti cubbuu hojjete Waaqayyotu gidduu galaaf; garuu yoo namni tokko Waaqayyotti cubbuu hojjete eenyutu gidduu galaaf?” Taʼus sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef ilmaan Eelii gorsa abbaa isaanii hin dhageenye.
If one man sins against another, he shall appeal to the LORD; but if a man sins against the LORD, who shall entreat for him?" But, they did not listen to the voice of their father, because the LORD intended to kill them.
26 Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula Waaqayyootii fi fuula namaa duratti surraa argate.
The child Samuel grew on, and increased in favor both with the LORD, and also with men.
27 Namni Waaqaa tokko gara Eelii dhufee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Yeroo manni abbaa keetii biyya Gibxi keessa garbummaa Faraʼoon jala turetti ani isatti of mulʼifnee?
A man of God came to Eli, and said, "Thus says the LORD, I plainly revealed myself to the house of your father, when they were slaves in Egypt to the house of Pharaoh.
28 Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera.
And I chose him out of all the tribes of Israel to be my priest, to go up to my altar, to burn incense, to wear an ephod before me. And I gave to the house of your father all the offerings by fire of the children of Israel as food.
29 Egaa isin maaliif qalmaa fi aarsaa ani ajaje sana tuffatu? Ati maaliif aarsaa saba koo Israaʼeliin dhiʼeeffamu keessaa filatamaa isaa nyaatanii of gabbisuudhaan ana caalaatti ijoollee keetiif ulfina kennita?’
Why do you look down on my sacrifice and on my offering, which I have commanded for my dwelling place, and honor your sons above me, to make yourselves fat with the best of all the offerings of Israel my people?'
30 “Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Manni keetii fi manni abbaa keetii bara baraan fuula koo dura akka tajaajilaniif ani waadaa galee ture.’ Amma garuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Kun ana irraa haa fagaatu! Warra ulfina naa kennan nan ulfeessa; warri na tuffatan immoo ni tuffatamu.
"Therefore the LORD, the God of Israel, says, 'I said indeed that your house, and the house of your father, should walk before me forever.' But now the LORD says, 'Be it far from me; for those who honor me I will honor, and those who despise me shall be lightly esteemed.
31 Akka maatii kee keessatti jaarsi hin argamneef, yeroon ani itti jabina keetii fi jabina maatii abbaa keetii cabsu tokko ni dhufa;
Look, the days come, that I will cut off your descendants, and the descendants of your father's house, that there shall not be an old man in your house.
32 iddoo jireenya koo keessattis rakkina argita. Israaʼeliif wanni gaariin yoo godhamu iyyuu, toora maatii keetii keessatti jaarsi hin argamu.
And you will see distress in the dwelling place, in all that he does good with Israel. And there will not be an old man in your house all the days.
33 Namni ani iddoo aarsaa koo biraa hin balleessin hundi ija kee imimmaaniin jaamsuu fi garaa kee gaddisiisuuf hambifama; ijoolleen kee hundinuus umurii ijoollummaatti duʼu.
And the man of yours I do not cut off from my altar will be to cause his eyes to fail and to grieve his soul, and all the increase of your house will die by the sword of men.
34 “‘Wanni ilmaan kee lamaan Hofniinii fi Fiinehaasitti dhufu siif mallattoo taʼa; isaan lachanuu guyyuma tokkotti dhumu.
"'This shall be the sign to you, that shall come on your two sons, on Hophni and Phinehas: in one day they shall both die.
35 Ani luba amanamaa kan akka waan garaa koo keessa jiruu fi akka waan yaada koo keessa jiruutti hojjetu tokko ofii kootiif nan kaafadha; ani isaaf mana bara baraa nan ijaara; innis fuula dibamaa kootii dura bara baraan tajaajila.
I will raise me up a faithful priest, that shall do according to that which is in my heart and in my mind. I will build him a sure house; and he shall walk before my anointed forever.
36 Namni sanyii kee keessaa hafe hundis, “Akka ani muraa buddeena tokkoo illee nyaadhuuf hojii lubummaa keessaa tokko irratti na ramadi” jedhe dhufee meetii tokkoo fi buddeena tokkoof fuula isaa duratti kufee sagadaaf.’”
It shall happen, that everyone who is left in your house shall come and bow down to him for a piece of silver and a loaf of bread, and shall say, "Please put me into one of the priests' offices, that I may eat a morsel of bread."'"

< 1 Saamuʼeel 2 >