< 1 Mootota 22 >

1 Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre.
Прожили три года, и не было войны между Сириею и Израилем.
2 Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe.
На третий год Иосафат, царь Иудейский, пошел к царю Израильскому.
3 Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe.
И сказал царь Израильский слугам своим: знаете ли, что Рамоф Галаадский наш? А мы так долго молчим, и не берем его из руки царя Сирийского.
4 Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koo akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee mooticha Israaʼeliif deebise.
И сказал он Иосафату: пойдешь ли ты со мною на войну против Рамофа Галаадского? И сказал Иосафат царю Израильскому: как ты, так и я; как твой народ, так и мой народ; как твои кони, так и мои кони.
5 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
И сказал Иосафат царю Израильскому: спроси сегодня, что скажет Господь.
6 Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Gooftaan dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif.
И собрал царь Израильский пророков, около четырехсот человек и сказал им: идти ли мне войною на Рамоф Галаадский, или нет? Они сказали: иди, Господь предаст его в руки царя.
7 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
И сказал Иосафат: нет ли здесь еще пророка Господня, чтобы нам вопросить чрез него Господа?
8 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen.
И сказал царь Израильский Иосафату: есть еще один человек, чрез которого можно вопросить Господа, но я не люблю его, ибо он не пророчествует о мне доброго, а только худое, - это Михей, сын Иемвлая. И сказал Иосафат: не говори, царь, так.
9 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
И позвал царь Израильский одного евнуха и сказал: сходи поскорее за Михеем, сыном Иемвлая.
10 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
Царь Израильский и Иосафат, царь Иудейский, сидели каждый на седалище своем, одетые в царские одежды, на площади у ворот Самарии, и все пророки пророчествовали пред ними.
11 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
И сделал себе Седекия, сын Хенааны, железные рога, и сказал: так говорит Господь: сими избодешь Сириян до истребления их.
12 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
И все пророки пророчествовали то же, говоря: иди на Рамоф Галаадский, будет успех, Господь предаст его в руку царя.
13 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
Посланный, который пошел позвать Михея, говорил ему: вот, речи пророков единогласно предвещают царю доброе; пусть бы и твое слово было согласно с словом каждого из них; изреки и ты доброе.
14 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni natti himu qofan isatti hima” jedhe.
И сказал Михей: жив Господь! я изреку то, что скажет мне Господь.
15 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Miikiyaasis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee ni kennaatii waraanii moʼadhu” jedhee deebise.
И пришел он к царю. Царь сказал ему: Михей! идти ли нам войною на Рамоф Галаадский, или нет? И сказал тот ему: иди, будет успех, Господь предаст его в руку царя.
16 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
И сказал ему царь: еще и еще заклинаю тебя, чтобы ты не говорил мне ничего, кроме истины во имя Господа.
17 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’”
И сказал он: я вижу всех Израильтян, рассеянных по горам, как овец, у которых нет пастыря. И сказал Господь: нет у них начальника, пусть возвращаются с миром каждый в свой дом.
18 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
И сказал царь Израильский Иосафату: не говорил ли я тебе, что он не пророчествует о мне доброго, а только худое?
19 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: Ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge.
И сказал Михей: выслушай слово Господне: я видел Господа, сидящего на престоле Своем, и все воинство небесное стояло при Нем, по правую и по левую руку Его;
20 Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha.
и сказал Господь: кто склонил бы Ахава, чтобы он пошел и пал в Рамофе Галаадском? И один говорил так, другой говорил иначе;
21 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe.
и выступил один дух, стал пред лицем Господа и сказал: я склоню его. И сказал ему Господь: чем?
22 “Waaqayyos, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen.
Он сказал: я выйду и сделаюсь духом лживым в устах всех пророков его. Господь сказал: ты склонишь его и выполнишь это; пойди и сделай так.
23 “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
И вот, теперь попустил Господь духа лживого в уста всех сих пророков твоих; но Господь изрек о тебе недоброе.
24 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
И подошел Седекия, сын Хенааны, и, ударив Михея по щеке, сказал: как, неужели от меня отошел Дух Господень, чтобы говорить в тебе?
25 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
И сказал Михей: вот, ты увидишь это в тот день, когда будешь бегать из одной комнаты в другую, чтоб укрыться,
26 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
и сказал царь Израильский: возьмите Михея и отведите его к Амону градоначальнику и к Иоасу, сыну царя,
27 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
и скажите: так говорит царь: посадите этого в темницу и кормите его скудно хлебом и скудно водою, доколе я не возвращусь в мире.
28 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
И сказал Михей: если возвратишься в мире, то не Господь говорил чрез меня. И сказал: слушай, весь народ!
29 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
И пошел царь Израильский и Иосафат, царь Иудейский, к Рамофу Галаадскому.
30 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
И сказал царь Израильский Иосафату: я переоденусь и вступлю в сражение, а ты надень мои царские одежды. И переоделся царь Израильский и вступил в сражение.
31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaa soddomii lamaaniin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
Сирийский царь повелел начальникам колесниц, которых у него было тридцать два, сказав: не сражайтесь ни с малым, ни с великим, а только с одним царем Израильским.
32 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Dhugumaan kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; garuu yommuu Yehooshaafaax guddisee iyyetti,
Начальники колесниц, увидев Иосафата, подумали: “верно это царь Израильский”, и поворотили на него, чтобы сразиться с ним. И закричал Иосафат.
33 ajajjoonni gaariiwwaniis akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganii isa ariʼuu dhiisan.
Начальники колесниц, видя, что это не Израильский царь, поворотили от него.
34 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa uffata isaa kan sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi; ani madaaʼeeraatii” jedhe.
А один человек случайно натянул лук и ранил царя Израильского сквозь швы лат. И сказал он своему вознице: повороти назад и вывези меня из войска, ибо я ранен.
35 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootichis ol qabamee fuula isaa gara warra Sooriyaatti deebifatee gaarii isaa keessa oole. Madaa isaa keessaas dhiigni yaaʼee gaarii keessa lolaʼe; innis galgaluma sana duʼe.
Но сражение в тот день усилилось, и царь стоял на колеснице против Сириян, и вечером умер, и кровь из раны лилась в колесницу.
36 Akkuma aduun dhiiteen iyyi, “Tokkoon tokkoon namaa gara magaalaa ofii isaatti; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti!” jedhu tokko dhagaʼame.
И провозглашено было по всему стану при захождении солнца: каждый иди в свой город, каждый в свою землю!
37 Kanaafuu mootichi duunaan Samaariyaatti geeffame; isaanis achitti isa awwaalan.
И умер царь, и привезен был в Самарию, и похоронили царя в Самарии.
38 Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhee ture sana saroonni dhiiga isaa arraaban.
И обмыли колесницу на пруде Самарийском, и псы лизали кровь его, и омывали блудницы, по слову Господа, которое Он изрек.
39 Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Прочие дела Ахава, все, что он делал, и дом из слоновой кости, который он построил, и все города, которые он строил, описаны в летописи царей Израильских.
40 Ahaabis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Ahaaziyaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
И почил Ахав с отцами своими, и воцарился Охозия, сын его, вместо него.
41 Yehooshaafaax ilmi Aasaa, bara mootummaa Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa afuraffaatti mootii Yihuudaa taʼe.
Иосафат, сын Асы, воцарился над Иудеею в четвертый год Ахава, царя Израильского.
42 Yehooshaafaax yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
Тридцати пяти лет был Иосафат, когда воцарился, и двадцать пять лет царствовал в Иерусалиме. Имя матери его Азува, дочь Салаиля.
43 Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii achitti aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas aarsaa turan.
Он ходил во всем путем отца своего Асы, не сходил с него, делая угодное пред очами Господними. Только высоты не были отменены; народ еще совершал жертвы и курения на высотах.
44 Yehooshaafaaxis mootii Israaʼel wajjin nagaan jiraata ture.
Иосафат заключил мир с царем Израильским.
45 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa hojjetaman kaan, jabinni inni argisiisee fi haalli inni itti lolaa ture kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
Прочие дела Иосафата и подвиги его, какие он совершил, и как он воевал, описаны в летописи царей Иудейских.
46 Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse.
И остатки блудников, которые остались во дни отца его Асы, он истребил с земли.
47 Yeroo sanatti Edoom keessa mootiin tokko iyyuu hin jiru ture; itti aanaa mootiitu biyya bulchaa ture.
В Идумее тогда не было царя; был наместник царский.
48 Yehooshaafaaxis warqee barbaacha Oofiir dhaquuf jedhee dooniiwwan tolfate; dooniiwwan sun garuu sababii Eziyoon Geberitti caccabaniif achi dhaquu hin dandeenye.
Царь Иосафат сделал корабли на море, чтобы ходить в Офир за золотом; но они не дошли, ибо разбились в Ецион-Гавере.
49 Yeroo sana Ahaaziyaa ilmi Ahaab Yehooshaafaaxiin, “Mee namoonni koo namoota kee wajjin dooniin haa deeman” jedhe; Yehooshaafaax garuu ni dide.
Тогда сказал Охозия, сын Ахава, Иосафату: пусть мои слуги пойдут с твоими слугами на кораблях. Но Иосафат не согласился.
50 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
И почил Иосафат с отцами своими и был погребен с отцами своими в городе Давида, отца своего. И воцарился Иорам, сын его, вместо него.
51 Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche.
Охозия, сын Ахава, воцарился над Израилем в Самарии, в семнадцатый год Иосафата, царя Иудейского, и царствовал над Израилем в Самарии два года,
52 Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
и делал неугодное пред очами Господа, и ходил путем отца своего и путем матери своей и путем Иеровоама, сына Наватова, который ввел Израиля в грех:
53 Innis akkuma abbaan isaa godhe sana Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaase.
он служил Ваалу и поклонялся ему и прогневал Господа Бога Израилева всем тем, что делал отец его.

< 1 Mootota 22 >