< 1 Mootota 2 >

1 Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje.
大衛的死期臨近了,就囑咐他兒子所羅門說:
2 Innis akkana jedhe; “Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi;
「我現在要走世人必走的路。所以,你當剛強,作大丈夫,
3 waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi;
遵守耶和華-你上帝所吩咐的,照着摩西律法上所寫的行主的道,謹守他的律例、誡命、典章、法度。這樣,你無論做甚麼事,不拘往何處去,盡都亨通。
4 yoo ati akkas goote, Waaqayyo waan, ‘Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdu’ jedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa.
耶和華必成就向我所應許的話說:『你的子孫若謹慎自己的行為,盡心盡意誠誠實實地行在我面前,就不斷人坐以色列的國位。』
5 “Ati mataan kee iyyuu waan Yooʼaab ilmi Zeruuyaa natti hojjete, waan inni ajajjoota loltoota Israaʼel lamaan jechuunis Abneer ilma Neerii fi Amaasaa ilma Yeteer godhe ni beekta. Inni bara nagaa keessa akka waan waraana keessatti taʼeetti isaan ajjeesee dhiiga isaanii dhangalaase; dhiiga sanas sabbata mudhii isaatii fi kophee faana isaatti faale.
你知道洗魯雅的兒子約押向我所行的,就是殺了以色列的兩個元帥:尼珥的兒子押尼珥和益帖的兒子亞瑪撒。他在太平之時流這二人的血,如在爭戰之時一樣,將這血染了腰間束的帶和腳上穿的鞋。
6 Ogummaa keetiin isa adabi malee akka inni arrii isaatiin nagaan awwaalamu hin godhin. (Sheol h7585)
所以你要照你的智慧行,不容他白頭安然下陰間。 (Sheol h7585)
7 “Garuu sababii isaan yeroo ani obboleessa kee Abesaaloom duraa baqadhetti na gargaaraniif ilmaan Barzilaayii namicha gosa Giliʼaad sanaatiif arjoomi; isaanis warra maaddii kee irraa nyaatan gidduu haa jiraatan.
你當恩待基列人巴西萊的眾子,使他們常與你同席吃飯;因為我躲避你哥哥押沙龍的時候,他們拿食物來迎接我。
8 “Shimeʼiin ilmi Geeraa namichi gosa Beniyaam kan biyya Bahuuriim inni gaafa ani Mahanayiim dhaqetti akka malee na abaare sun kunoo si wajjin jira. Ani garuu yeroo inni na simachuuf Yordaanos dhufetti, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa Waaqayyootiin nan kakadheef.
在你這裏有巴戶琳的便雅憫人,基拉的兒子示每;我往瑪哈念去的那日,他用狠毒的言語咒罵我,後來卻下約旦河迎接我,我就指着耶和華向他起誓說:『我必不用刀殺你。』
9 Ati garuu sababii nama ogeessa taateef amma akka waan inni balleessaa hin qabaatiniitti isa hin ilaalin. Atuu waan isa gootu ni beekta. Ati mataa isaa kan arraaʼe sana dhiigaan awwaala keessa buusi.” (Sheol h7585)
現在你不要以他為無罪。你是聰明人,必知道怎樣待他,使他白頭見殺,流血下到陰間。」 (Sheol h7585)
10 Daawitis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame.
大衛與他列祖同睡,葬在大衛城。
11 Innis waggaa afurtama Israaʼel irratti jechuunis waggaa torba Kebroonitti, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalemitti mootii taʼe.
大衛作以色列王四十年:在希伯崙作王七年,在耶路撒冷作王三十三年。
12 Kanaafuu Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra ni taaʼe; mootummaan isaas jabaatee dhaabate.
所羅門坐他父親大衛的位,他的國甚是堅固。
13 Yeroo kanatti Adooniyaan ilmi Hagiit gara Batisheebaa gara haadha Solomoon dhaqe. Batisheebaanis, “Ati nagumaaf dhuftee?” jettee isa gaafatte. Innis, “Eeyyee ani nagumaafan dhufe” jedhee deebiseef;
哈及的兒子亞多尼雅去見所羅門的母親拔示巴,拔示巴問他說:「你來是為平安嗎?」回答說:「是為平安」;
14 itti dabalees, “Ani waanan siin jechuu fedhu tokkon qaba” jedheen. Isheenis, “Mee jedhi” jettee deebifteef.
又說:「我有話對你說。」拔示巴說:「你說吧。」
15 Innis akkana jedheen; “Akkuma ati beektu mootummaan kan koo ture. Warri Israaʼel hundinuus akka ani mootii isaanii taʼu na abdatan. Garuu wanni sun geeddaramee mootummaan gara obboleessa kootiitti deebiʼeera; wanni kun Waaqayyo biraa isaaf dhufeeraatii.
亞多尼雅說:「你知道國原是歸我的,以色列眾人也都仰望我作王,不料,國反歸了我兄弟,因他得國是出乎耶和華。
16 Ani amma waanan si kadhadhu tokkon qaba; maaloo na hin didin.” Isheenis, “Kadhadhu” jetteen.
現在我有一件事求你,望你不要推辭。」拔示巴說:「你說吧。」
17 Innis itti fufee, “Akka inni Abiishagi intala gosa Suunam sana akka niitiitti naaf kennuuf maaloo Solomoon mooticha naa kadhadhu; inni si hin diduutii” jedheen.
他說:「求你請所羅門王將書念的女子亞比煞賜我為妻,因他必不推辭你。」
18 Batisheebaanis, “Kun waan gaarii dha! Ani dhaqeen mootichatti siif dubbadha” jettee deebifteef.
拔示巴說:「好,我必為你對王提說。」
19 Kanaafuu Batisheebaan Adooniyaaf jettee isatti dubbachuuf gara Solomoon Mootichaa dhaqxe; Mootichis ishee simachuuf ol kaʼee harka ishee fuudhee teessoo isaa irra taaʼe. Inni teessoo haadha mootiitiif fidame tokko of biraa qaba ture; isheenis gama mirga isaatiin teesse.
於是,拔示巴去見所羅門王,要為亞多尼雅提說;王起來迎接,向她下拜,就坐在位上,吩咐人為王母設一座位,她便坐在王的右邊。
20 Isheenis, “Ani waanan si kadhadhu xinnoo tokko qaba; maaloo na hin didin” jetteen. Mootichis, “Yaa haadha koo kadhadhu; ani si hin diduutii” jedhee deebiseef.
拔示巴說:「我有一件小事求你,望你不要推辭。」王說:「請母親說,我必不推辭。」
21 Isheenis, “Obboleessi kee Adooniyaan intala gosa Suunam kan Abiishagi jedhamtu sana haa fuudhu” jetteen.
拔示巴說:「求你將書念的女子亞比煞賜給你哥哥亞多尼雅為妻。」
22 Solomoon mootichis akkana jedhee haadha isaatiif deebii kenne; “Ati maaliif Abiishagi intala gosa Suunam kana Adooniyaaf kadhatta? Ati mootummaa illee akkasuma isaaf kadhadhu; inni obboleessa koo hangafaatii; Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif illee gaafadhu!”
所羅門王對他母親說:「為何單替他求書念的女子亞比煞呢?也可以為他求國吧!他是我的哥哥,他有祭司亞比亞他和洗魯雅的兒子約押為輔佐。」
23 Solomoon mootichis akkana jedhee maqaa Waaqayyootiin kakate; “Yoo Adooniyaan gatii kadhaa kanaa lubbuu ofii isaatiin baasuu baate, Waaqni natti haa muru; waan caalu iyyuu natti haa fidu!
所羅門王就指着耶和華起誓說:「亞多尼雅這話是自己送命,不然,願上帝重重地降罰與我。
24 Kanaafuu dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jabeessee na dhaabee teessoo abbaa koo teessoo Daawit irra na kaaʼee fi isa akkuma waadaa gale sanatti mootummaa naaf hundeesse sanaa Adooniyaan dhugumaan harʼa ni ajjeefama!”
耶和華堅立我,使我坐在父親大衛的位上,照着所應許的話為我建立家室;現在我指着永生的耶和華起誓,亞多尼雅今日必被治死。」
25 Solomoon mootichi Benaayaa ilma Yehooyaadaa ajaje; innis dhaqee Adooniyaa dhaʼee ajjeese.
於是所羅門王差遣耶何耶大的兒子比拿雅,將亞多尼雅殺死。
26 Mootichis Abiyaataar lubichaan akkana jedhe; “Ati gara lafa qotiisaa kee kan Anaatoot jirtu sanaa deemi. Ati silaa duʼuu qabda turte; ani garuu sababii ati fuula abbaa koo Daawit duratti taabota Waaqayyo Gooftaa baattee rakkina abbaa kootii hunda illee qooddatteef amma si hin ajjeesu.”
王對祭司亞比亞他說:「你回亞拿突歸自己的田地去吧!你本是該死的,但因你在我父親大衛面前抬過主耶和華的約櫃,又與我父親同受一切苦難,所以我今日不將你殺死。」
27 Kanaafuu Solomoon dubbii Waaqayyo Shiilootti waaʼee mana Eelii dubbate sana guutuudhaan Abiyaataarin lubummaa mana Waaqayyoo irraa buuse.
所羅門就革除亞比亞他,不許他作耶和華的祭司。這樣,便應驗耶和華在示羅論以利家所說的話。
28 Yommuu oduun kun Yooʼaab namicha Abesaaloomiif tumsuu dhiisee Adooniyaaf tumse sana bira gaʼetti, inni gara dunkaana Waaqayyootti baqatee gaanfa iddoo aarsaa sana qabate.
約押雖然沒有歸從押沙龍,卻歸從了亞多尼雅。他聽見這風聲,就逃到耶和華的帳幕,抓住祭壇的角。
29 Akka Yooʼaab gara dunkaana Waaqayyootti baqatee iddoo aarsaa bira jiru Solomoon Mootichatti ni himame. Solomoonis, “Dhaqiitii isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajaje.
有人告訴所羅門王說:「約押逃到耶和華的帳幕,現今在祭壇的旁邊。」所羅門就差遣耶何耶大的兒子比拿雅,說:「你去將他殺死。」
30 Kanaafuu Benaayaa dunkaana Waaqayyoo ol seenee Yooʼaabiin, “Mootichi, ‘Kottu baʼi!’ siin jedha” jedhe. Inni garuu, “Ani asumattin duʼa malee hin baʼu” jedhee deebise. Benaayaa immoo, “Yoʼaab akkana jedhee naaf deebise” jedhee mootichatti hime.
比拿雅來到耶和華的帳幕,對約押說:「王吩咐說,你出來吧!」他說:「我不出去,我要死在這裏。」比拿雅就去回覆王,說約押如此如此回答我。
31 Mootichi akkana jedhee Benaayaa ajaje; “Akkuma inni jedhe sana godhi; ajjeesiitii isa awwaali; kanaanis yakka dhiiga nama qulqulluu kan Yooʼaab dhangalaase sanaa irraa anaa fi mana abbaa koo qulqulleessi.
王說:「你可以照着他的話行,殺死他,將他葬埋,好叫約押流無辜人血的罪不歸我和我的父家了。
32 Sababii inni utuu abbaan koo Daawit hin beekin namoota lama goraadeen ajjeeseef Waaqayyo gatii dhiiga inni dhangalaase sanaa isa baasisa. Namoonni inni ajjeese sun lamaan jechuunis Abneer ilmi Neer ajajaan loltoota Israaʼelii fi Amaasaan ilmi Yeteer ajajaan loltoota Yihuudaa namoota isa caalaa jajjaboo fi qajeeltota turan.
耶和華必使約押流人血的罪歸到他自己的頭上;因為他用刀殺了兩個比他又義又好的人,就是以色列元帥尼珥的兒子押尼珥和猶大元帥益帖的兒子亞瑪撒,我父親大衛卻不知道。
33 Yakki dhiiga isaanii mataa Yooʼaabii fi sanyii isaa irra bara baraan haa jiraatu. Garuu Daawitii fi sanyii isaa irra, mana isaatii fi teessoo isaa irra nagaan Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu.”
故此,流這二人血的罪必歸到約押和他後裔的頭上,直到永遠;惟有大衛和他的後裔,並他的家與國,必從耶和華那裏得平安,直到永遠。」
34 Kanaafuu Benaayaa ilmi Yehooyaadaa achi dhaqee Yooʼaabin ajjeese; innis biyya ofii isaatti gammoojjii keessatti awwaalame.
於是耶何耶大的兒子比拿雅上去,將約押殺死,葬在曠野約押自己的墳墓裏。
35 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajajaa loltootaa godhee iddoo Yooʼaab buuse; Zaadoq lubicha immoo iddoo Abiyaataar buuse.
王就立耶何耶大的兒子比拿雅作元帥,代替約押,又使祭司撒督代替亞比亞他。
36 Ergasiis mootichi gara Shimeʼiitti nama ergee akkana jedheen; “Ati Yerusaalem keessatti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee gara tokko illee hin deemin.
王差遣人將示每召來,對他說:「你要在耶路撒冷建造房屋居住,不可出來往別處去。
37 Gaafa achii baatee Sulula Qeedroon ceetutti akka duutu dhugumaan beeki; dhiigni kees matuma keetti deebiʼa.”
你當確實地知道,你何日出來過汲淪溪,何日必死!你的罪必歸到自己的頭上。」
38 Shimeʼiinis, “Wanni ati jette gaarii dha. Garbichi kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe sana ni godha” jedhee mootichaaf deebise. Shimeʼiinis bara dheeraa Yerusaalem keessa jiraate.
示每對王說:「這話甚好!我主我王怎樣說,僕人必怎樣行。」於是示每多日住在耶路撒冷。
39 Garuu waggoota sadii booddee garboota Saamii keessaa namoonni lama gara Aakiish ilma Maʼakaa mooticha Gaatitti baqatan; Shimeʼiittis, “Garboonni kee Gaati keessa jiru” jedhamee himame.
過了三年,示每的兩個僕人逃到迦特王瑪迦的兒子亞吉那裏去。有人告訴示每說:「你的僕人在迦特。」
40 Innis waan kana dhageenyaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee garboota isaa barbaadachuu Aakiish bira Gaati dhaqe. Kanaafuu Shimeʼiin dhaqee Gaatii garboota isaa fidate.
示每起來,備上驢,往迦特到亞吉那裏去找他的僕人,就從迦特帶他僕人回來。
41 Yommuu akka Shimeʼiin Yerusaalemii baʼee Gaati dhaqee deebiʼe Solomoonitti himametti,
有人告訴所羅門說:「示每出耶路撒冷往迦特去,回來了。」
42 mootichi Shimeʼii waamsisee akkana jedheen; “Ani maqaa Waaqayyootiin si kakachiisee, ‘Ati guyyaa kaatee iddoo biraa dhaquuf baate akka duutu beekkadhu’ jedhee si hin seerree? Atis gaafas, ‘Wanni ati jettu gaarii dha. Ani nan ajajama’ naan jette.
王就差遣人將示每召了來,對他說:「我豈不是叫你指着耶和華起誓,並且警戒你說『你當確實地知道,你哪日出來往別處去,那日必死』嗎?你也對我說:『這話甚好,我必聽從。』
43 Yoos ati Maaliif kakuu Waaqayyoon kakatte sana eeguu diddee ajaja ani siif kenneefis ajajamuu didde ree?”
現在你為何不遵守你指着耶和華起的誓和我所吩咐你的命令呢?」
44 Mootichi amma illee Shimeʼiidhaan akkana jedhe; “Ati cubbuu abbaa koo Daawititti hojjette hunda garaa kee keessatti ni beekta. Waaqayyo amma jalʼina kee sana matuma keetti deebisa.
王又對示每說:「你向我父親大衛所行的一切惡事,你自己心裏也知道,所以耶和華必使你的罪惡歸到自己的頭上;
45 Solomoon mootichi garuu ni eebbifama; teessoon Daawitis bara baraan jabaatee fuula Waaqayyoo dura ni jiraata.”
惟有所羅門王必得福,並且大衛的國位必在耶和華面前堅定,直到永遠。」
46 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa ni ajaje; innis dhaqee Saamii dhaʼee ajjeese. Mootummaanis yeroo kanatti harka Solomoonitti jabaatee dhaabate.
於是王吩咐耶何耶大的兒子比拿雅,他就去殺死示每。這樣,便堅定了所羅門的國位。

< 1 Mootota 2 >