< 1 Mootota 12 >

1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
Rehoboam went to Shechem, for all Israel was coming to Shechem to make him king.
2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni yeroo sanatti Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
It happened that Jeroboam son of Nebat heard of this (for he was still in Egypt, where he had fled from the presence of King Solomon), for Jeroboam had settled down in Egypt.
3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi waldaan Israaʼel guutuun gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
So they sent and called him, and Jeroboam and all the assembly of Israel came and said to Rehoboam,
4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
“Your father made our yoke heavy. Now make lighter the hard work of your father and make lighter the heavy yoke that he put on us, and we will serve you.”
5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadiif deemaatii ergasii deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
Rehoboam said to them, “Go away for three days, then come back to me.” So the people went away.
6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
King Rehoboam consulted with the old men who had stood before Solomon his father while he was alive, and he said, “How do you advise me to answer this people?”
7 Isaanis, “Yoo ati harʼa tajaajilaa saba kanaaf taatee isaan tajaajiltee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
They spoke to him and said, “If you will be a servant today to these people and serve them, and answer them by saying good words to them, then they will always be your servants.”
8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
But Rehoboam ignored the advice that the old men had given him and he consulted with the young men who had grown up with him and stood before him.
9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
He said to them, “What advice do you give me that we may answer the people who spoke to me and said, 'Lighten the yoke that your father put on us'?”
10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni kunneen, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
The young men who had grown up with Rehoboam spoke to him, saying, “Speak to these people who told you that your father Solomon made their yoke heavy but that you must make it lighter. You should say to them, 'My little finger is thicker than my father's waist.
11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’”
So now, although my father burdened you with a heavy yoke, I will add to your yoke. My father punished you with whips, but I will punish you with scorpions.'”
12 Bultii sadii booddee Yerobiʼaamii fi namoonni hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
So Jeroboam and all the people came to Rehoboam on the third day, as the king had instructed when he said, “Come back to me on the third day.”
13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee
The king answered the people roughly and ignored the advice of the old men that they had given him.
14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
He spoke to them following the advice of the young men; he said, “My father burdened you with a heavy yoke, but I will add to your yoke. My father punished you with whips, but I will punish you with scorpions.”
15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
So the king did not listen to the people, for it was a turn of events brought about by Yahweh, that he might carry out his word that he had spoken by Ahijah the Shilonite to Jeroboam son of Nebat.
16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
When all Israel saw that the king did not listen to them, the people answered him and said, “What share do we have in David? We have no inheritance in the son of Jesse! Go to your tents, Israel. Now see to your own house, David.” So Israel went back to their tents.
17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
But as for the people of Israel who lived in the cities of Judah, Rehoboam became king over them.
18 Rehooboʼaam Mootichis, Adooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼel hundi immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeese. Rehooboʼaam Mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
Then King Rehoboam sent Adoniram, who was over the forced laborers, but all Israel stoned him to death with stones. King Rehoboam fled quickly in his chariot to Jerusalem.
19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
So Israel has been in rebellion against the house of David to this day.
20 Israaʼeloonni hundinuu akka Yerobiʼaam deebiʼe dhageenyaan nama itti erganii gara waldaatti isa waamanii Israaʼel hunda irratti mootii isa godhan. Gosa Yihuudaa qofatu mana Daawitiif amanamaa taʼee hafe.
It happened that when all Israel heard that Jeroboam had returned, they sent and called him to their assembly and made him king over all Israel. There was no one who followed the family of David, except only the tribe of Judah.
21 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaam ilma Solomooniif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa hundaa fi gosa Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
When Rehoboam arrived in Jerusalem, he assembled all the house of Judah and the tribe of Benjamin; there were 180,000 chosen men who were soldiers, to fight against the house of Israel, to restore the kingdom to Rehoboam son of Solomon.
22 Garuu dubbiin Waaqaa kun akkana jedhee gara nama Waaqaa, gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
But the word of God came to Shemaiah, the man of God; it said,
23 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatiin, Yihuudaa fi Beniyaam hundaan, saba hafeenis akkana jedhi;
“Speak to Rehoboam son of Solomon, king of Judah, to all the house of Judah and Benjamin, and to the rest of the people; say,
24 ‘Waaqayyo akkana jedha; obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii akkuma Waaqayyo ajaje sanatti mana ofii isaaniitti dachaʼan.
'Yahweh says this: You must not attack or fight against your brothers the people of Israel. Each man must return to his home, for this thing has been made to happen by me.'” So they listened to the word of Yahweh and turned back and went their way, and they obeyed his word.
25 Yerobiʼaamis ergasii biyya gaaraa Efreem keessatti Sheekemin jabeessee ijaaree achi jiraate. Achiis baʼee Phenuuʼeelin ijaare.
Then Jeroboam built Shechem in the hill country of Ephraim, and lived there. He went out from there and built Peniel.
26 Yerobiʼaam akkana jedhee garaa isaatti yaade; “Amma mootummaan mana Daawitiif ni deebiʼa.
Jeroboam thought in his heart, “Now the kingdom will return to the house of David.
27 Namoonni kunneen yoo mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Yerusaalem jiru sanatti aarsaa dhiʼeessuuf ol baʼan amma illee gara gooftaa isaanii Rehooboʼaam mooticha Yihuudaatti garagalu. Isaan na ajjeesanii gara Rehooboʼaam Mootichaatti deebiʼu.”
If these people go up to offer sacrifices in the temple of Yahweh at Jerusalem, then the heart of these people will turn again to their master, to Rehoboam king of Judah. They will kill me and return to Rehoboam king of Judah.”
28 Kanaafuu mootichi mariʼatee jabbiiwwan lama warqee irraa tolche. Namoota sanaanis, “Yerusaalemitti ol baʼuun akka malee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel waaqonni keessan kanneen Gibxii baasanii isin fidan kunoo ti” jedhe.
So King Jeroboam sought advice and made two calves of gold; he said to the people, “It is too much for you to go up to Jerusalem. Look, these are your gods, Israel, who brought you up out of the land of Egypt.”
29 Innis jabbii tokko Beetʼeel keessa, kaan immoo Daan keessa dhaabe.
He set up one in Bethel and the other in Dan.
30 Wanni kunis cubbuu itti taʼe; namoonnis jabbii achi jiru sana waaqeffachuuf hamma Daanitti deeman.
So this act became a sin. The people went to one or the other, all the way to Dan.
31 Yerobiʼaamis gaara irratti iddoo sagadaa ijaaree saboota Lewwota hin taʼin keessaa luboota muude.
Jeroboam made houses on high places and he also made priests from among all the people, who were not among the sons of Levi.
32 Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaa keessa ayyaana akkuma ayyaana Yihuudaa keessatti ayyaaneffame sanaa tokko hundeessee iddoo aarsaa irratti qalma dhiʼeesse. Kanas fakkiiwwan jabbii kanneen tolchee ture sanaatiif aarsaa dhiʼeessuudhaan Beetʼeelitti hojjete. Akkasumas Beetʼeelitti iddoo sagadaa kan gaara irratti ijaaree ture sanatti luboota ramade.
Jeroboam ordained a feast in the eighth month, on the fifteenth day of the month, like the feast that is in Judah, and he went up to the altar. He did so at Bethel, sacrificing to the calves that he had made, and he placed in Bethel the priests of the high places he had made.
33 Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaatti jiʼuma ofii filate keessa gara iddoo aarsaa kan Beetʼeelitti ijaare sanaatti ol baʼe. Saba Israaʼeliifis guyyaa ayyaanaa hundeessee ixaana aarsuuf gara iddoo aarsaatti ol baʼe.
Jeroboam went up to the altar that he had made in Bethel on the fifteenth day in the eighth month, in the month he had planned in his own mind; he ordained a feast for the people of Israel and went up to the altar to burn incense.

< 1 Mootota 12 >