< 1 Qorontos 10 >

1 Yaa obboloota, akka abbootiin keenya hundi duumessa jala turan, akka hundi isaaniis galaana keessa darban akka isin utuu hin beekin haftan ani hin barbaadu.
ου θελω δε υμας αγνοειν αδελφοι οτι οι πατερες ημων παντες υπο την νεφελην ησαν και παντες δια της θαλασσης διηλθον
2 Hundi isaaniis kan Musee taʼuuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman.
και παντες εις τον μωυσην εβαπτισαντο εν τη νεφελη και εν τη θαλασση
3 Hundi isaaniis nyaata hafuuraa tokkicha nyaatan.
και παντες το αυτο βρωμα πνευματικον εφαγον
4 Hundi isaaniis dhugaatii hafuuraa tokkicha dhugan. Isaan kattaa hafuuraa isa isaan wajjin deemaa ture irraa dhuganiiruutii; kattaan sunis Kiristoos ture.
και παντες το αυτο πομα πνευματικον επιον επινον γαρ εκ πνευματικης ακολουθουσης πετρας η δε πετρα ην ο χριστος
5 Taʼu iyyuu waan Waaqni hedduu isaaniitti hin gammadiniif isaan lafa gammoojjii keessatti dhuman.
αλλ ουκ εν τοις πλειοσιν αυτων ευδοκησεν ο θεος κατεστρωθησαν γαρ εν τη ερημω
6 Wantoonni kunneen akka nu akkuma isaanii waan hamaa hin hawwineef fakkeenya nuu taʼan.
ταυτα δε τυποι ημων εγενηθησαν εις το μη ειναι ημας επιθυμητας κακων καθως κακεινοι επεθυμησαν
7 Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko godhan sana isin waaqota tolfamoo hin waaqeffatinaa; kunis akkuma, “Namoonni nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan” jedhamee barreeffamee dha.
μηδε ειδωλολατραι γινεσθε καθως τινες αυτων ωσπερ γεγραπται εκαθισεν ο λαος φαγειν και πιειν και ανεστησαν παιζειν
8 Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu.
μηδε πορνευωμεν καθως τινες αυτων επορνευσαν και επεσον εν μια ημερα εικοσιτρεις χιλιαδες
9 Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu.
μηδε εκπειραζωμεν τον χριστον καθως και τινες αυτων επειρασαν και υπο των οφεων απωλοντο
10 Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa.
μηδε γογγυζετε καθως και τινες αυτων εγογγυσαν και απωλοντο υπο του ολοθρευτου
11 Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame. (aiōn g165)
ταυτα δε παντα τυποι συνεβαινον εκεινοις εγραφη δε προς νουθεσιαν ημων εις ους τα τελη των αιωνων κατηντησεν (aiōn g165)
12 Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.
ωστε ο δοκων εσταναι βλεπετω μη πεση
13 Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
πειρασμος υμας ουκ ειληφεν ει μη ανθρωπινος πιστος δε ο θεος ος ουκ εασει υμας πειρασθηναι υπερ ο δυνασθε αλλα ποιησει συν τω πειρασμω και την εκβασιν του δυνασθαι υμας υπενεγκειν
14 Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.
διοπερ αγαπητοι μου φευγετε απο της ειδωλολατρειας
15 Ani namoota hubannaa qabanittin dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu murteessaa.
ως φρονιμοις λεγω κρινατε υμεις ο φημι
16 Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii?
το ποτηριον της ευλογιας ο ευλογουμεν ουχι κοινωνια του αιματος του χριστου εστιν τον αρτον ον κλωμεν ουχι κοινωνια του σωματος του χριστου εστιν
17 Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii.
οτι εις αρτος εν σωμα οι πολλοι εσμεν οι γαρ παντες εκ του ενος αρτου μετεχομεν
18 Mee saba Israaʼel ilaalaa: Warri aarsaa irraa nyaatan sun iddoo aarsaa irraa qooda qabu mitii?
βλεπετε τον ισραηλ κατα σαρκα ουχι οι εσθιοντες τας θυσιας κοινωνοι του θυσιαστηριου εισιν
19 Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii?
τι ουν φημι οτι ειδωλον τι εστιν η οτι ειδωλοθυτον τι εστιν
20 Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu.
αλλ οτι α θυει τα εθνη δαιμονιοις θυει και ου θεω ου θελω δε υμας κοινωνους των δαιμονιων γινεσθαι
21 Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan.
ου δυνασθε ποτηριον κυριου πινειν και ποτηριον δαιμονιων ου δυνασθε τραπεζης κυριου μετεχειν και τραπεζης δαιμονιων
22 Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa?
η παραζηλουμεν τον κυριον μη ισχυροτεροι αυτου εσμεν
23 “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.
παντα μοι εξεστιν αλλ ου παντα συμφερει παντα μοι εξεστιν αλλ ου παντα οικοδομει
24 Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.
μηδεις το εαυτου ζητειτω αλλα το του ετερου εκαστος
25 Utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan gabaa fooniitti gurguramu kam iyyuu nyaadhaa;
παν το εν μακελλω πωλουμενον εσθιετε μηδεν ανακρινοντες δια την συνειδησιν
26 “Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu kan Gooftaatii.”
του γαρ κυριου η γη και το πληρωμα αυτης
27 Warra hin amanin keessaa yoo namni tokko nyaataaf isin affeere, isinis yoo dhaquu barbaaddan dhaqaa; utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan isin duratti dhiʼeeffame kam iyyuu nyaadhaa.
ει δε τις καλει υμας των απιστων και θελετε πορευεσθαι παν το παρατιθεμενον υμιν εσθιετε μηδεν ανακρινοντες δια την συνειδησιν
28 Garuu yoo namni tokko, “Kun waaqota tolfamoodhaaf dhiʼeeffame” isiniin jedhe, sababii namicha isinitti hime sanaatii fi sababii qalbiitiif waan sana hin nyaatinaa.
εαν δε τις υμιν ειπη τουτο ειδωλοθυτον εστιν μη εσθιετε δι εκεινον τον μηνυσαντα και την συνειδησιν του γαρ κυριου η γη και το πληρωμα αυτης
29 Kanas qalbii namicha sanaati malee kan keeti jechuu koo miti. Maaliif qalbii nama biraatiin bilisummaa kootti murama ree?
συνειδησιν δε λεγω ουχι την εαυτου αλλα την του ετερου ινα τι γαρ η ελευθερια μου κρινεται υπο αλλης συνειδησεως
30 Ani ergan galateeffachuudhaan nyaata sana irratti hirmaadhee maaliifan waan ittiin Waaqa galateeffadhuun balaaleffatama ree?
ει εγω χαριτι μετεχω τι βλασφημουμαι υπερ ου εγω ευχαριστω
31 Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.
ειτε ουν εσθιετε ειτε πινετε ειτε τι ποιειτε παντα εις δοξαν θεου ποιειτε
32 Yihuudoota yookaan Giriikota yookaan waldaa kiristaanaa kan Waaqaa hin gufachiisinaa;
απροσκοποι γινεσθε και ιουδαιοις και ελλησιν και τη εκκλησια του θεου
33 kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu.
καθως καγω παντα πασιν αρεσκω μη ζητων το εμαυτου συμφερον αλλα το των πολλων ινα σωθωσιν

< 1 Qorontos 10 >