< 1 Seenaa 6 >

1 Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraar. 2 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. 3 Ijoolleen Amraam: Aroon, Musee fi Miiriyaam. Ilmaan Aroon: Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar. 4 Eleʼaazaar abbaa Fiinehaas; Fiinehaas immoo abbaa Abiishuuwaa ti; 5 Abiishuuwaan abbaa Buukii ti; Bukiin immoo abbaa Uzii ti; 6 Uzii abbaa Zeraayaa ti; Zaraaʼiyaan abbaa Meraayootii ti; 7 Meraayoot abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti; 8 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Ahiimaʼazii ti; 9 Ahiimaʼaz abbaa Azaariyaa ti; Azaariyaa abbaa Yoohaanaanii ti; 10 Yoohaanaan abbaa Azaariyaa ti; inni luba taʼee mana qulqullummaa kan Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajilaa ture. 11 Azaariyaa abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti; 12 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Shaluumii ti; 13 Shaluum abbaa Hilqiyaa ti; Hilqiyaa abbaa Azaariyaa ti; 14 Azaariyaa abbaa Seraayaa ti; Seraayaan abbaa Yehoozaadaaqii ti. 15 Yeroo Waaqayyo akka sabni Yihuudaatii fi Yerusaalem Nebukadnezariin boojiʼamu godhetti Yehoozaadaaqis boojiʼamee fudhatame. 16 Ilmaan Lewwii: Geershoom, Qohaatii fi Meraarii. 17 Maqaan Ilmaan Geershoom kanaa dha: Loobeenii fi Shimeʼii. 18 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. 19 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneen Lewwota balbala balbala abbootii isaaniitiin lakkaaʼamanii dha: 20 Balbala Geershoom keessaa: Ilma isaa Loobeen, ilma isaa Yahaati, ilma isaa Zimaati, 21 ilma isaa Yooʼaa, ilma isaa Iddoo, ilma isaa Zeraa fi ilma isaa Yeʼaateraayi. 22 Ilmaan Qohaati: Ilma isaa Amiinaadaab, ilma isaa Qooraahi, ilma isaa Asiir, 23 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Ebiyaasaaf, ilma isaa Asiir, 24 ilma isaa Tahaat, ilma isaa Uuriiʼeel, ilma isaa Uziyaa fi ilma isaa Shaawul. 25 Ilmaan Elqaanaa: Amaasaayi, Ahiimooti, 26 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Zoofayi, ilma isaa Naahat, 27 ilma isaa Eliiyaab, ilma isaa Yeroohaam, ilma isaa Elqaanaa fi ilma isaa Saamuʼeel. 28 Ilmaan Saamuʼeel: Ilma isaa Yooʼeel hangaftichaa fi ilma isaa lammaffaa Abiyaa. 29 Ilmaan Meraarii: Mahilii, ilma isaa Loobeen, ilma isaa Shimeʼii, ilma isaa Uzaa, 30 ilma isaa Shimeʼaa, ilma isaa Hagiyaa fi ilma isaa Asaayaa. 31 Namoonni erga taabonni dhufee achi boqotee booddee Daawit akka isaan faarfannaadhaan mana Waaqayyoo keessa tajaajilaniif muude kanneenii dha. 32 Isaanis hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaretti dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii duratti faarfannaadhaan tajaajilaa turan. Isaanis akkuma seera isaaniif kenname sanaatti hojii isaanii hojjechaa turan. 33 Maqaan namoota ilmaan isaanii wajjin tajaajilanii kanneenii dha: Ilmaan Qohaatotaa keessaa: Heemaan Faarfataa, ilma Yooʼeel, ilma Saamuʼeel, 34 ilma Elqaanaa, ilma Yeroohaam, ilma Eliiʼeel, ilma Tooʼaa, 35 ilma Zuufi, ilma Elqaanaa, ilma Mahat, ilma Amaasaayi, 36 ilma Elqaanaa, ilma Yooʼeel, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa, 37 ilma Tahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qooraahi, 38 ilma Yizihaar, ilma Qohaati, ilma Lewwii, ilma Israaʼel; 39 akkasumas Asaaf obboleessi Heemaan karaa mirgaatiin dhaabata ture: Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa, 40 ilma Miikaaʼel, ilma Baʼaseeyaa, ilma Malkiyaa, 41 ilma Etnii, ilma Zeraa, ilma Adaayaa, 42 ilma Eetaan, ilma Zimaa, ilma Shimeʼii, 43 ilma Yahaati, ilma Geershoom, ilma Lewwii; 44 karaa bitaa isaatiin immoo warri isaan wajjin turan gosa Meraarii keessaa: Eetaan ilma Qiisaa, ilma Abdii, ilma Maluuk, 45 ilma Hashabiyaa, ilma Amasiyaa, ilma Hilqiyaa, 46 ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Shemeer, 47 ilma Mahilii, ilma Muusii, ilma Meraarii, ilma Lewwii. 48 Obboloonni isaanii Lewwonni akka hojii dunkaana qulqulluu mana Waaqaa hunda hojjetaniif ramadamanii turan. 49 Aroonii fi ilmaan isaa garuu akkuma waan Museen garbichi Waaqaa sun ajajee ture hundaatti hojii Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatiif, sababii Israaʼeliitiifis araara buusuudhaaf iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutii fi iddoo aarsaa ixaanaa irratti aarsaawwan dhiʼeessaa turan. 50 Ilmaan Aroon kanneenii dha: Ilma isaa Eleʼaazaar, ilma isaa Fiinehaas, ilma isaa Abiishuuwaa, 51 ilma isaa Bukii, ilma isaa Uzii, ilma isaa Zeraayaa, 52 ilma isaa Meraayoot, ilma isaa Amariyaa, ilma isaa Ahiixuub, 53 ilma isaa Zaadoqii fi ilma isaa Ahiimaʼaz. 54 Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha: 55 Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman. 56 Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman. 57 Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa, 58 Hiileen, Debiir, 59 Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname. 60 Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef. Magaalaawwan balbalawwan Qohaatotaatiif kennaman kunneen walumaa galatti kudha sadii turan. 61 Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef. 62 Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman. 63 Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman. 64 Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan. 65 Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif. 66 Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan. 67 Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir, 68 Yoqemiʼaam, Beet Horoon, 69 Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif. 70 Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan. 71 Ilmaan Geershoom immoo: Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan; 72 gosa Yisaakor irraa Qaadesh, Daaberaati, 73 Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan; 74 gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon, 75 Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan; 76 gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan. 77 Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan; 78 gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa, 79 Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan. 80 Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim, 81 Heshboonii fi Yaʼizeer lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.

< 1 Seenaa 6 >