< 1 Seenaa 5 >

1 Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne;
イスラエルの長子ルベンの子等は左のごとしルベンは長子なりしがその父の床を瀆ししによりてその長子の權はイスラエルの子ヨセフの子等に與へらる然れども系譜は長子の權にしたがひて記すべきに非ず
2 Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti.
そはユダその諸兄弟に勝る者となりて君たる者その中より出ればなり但し長子の權はヨセフに屬す
3 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henooki, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.
即ちイスラエルの長子ルベンの子等はハノク、パル、ヘヅロン、カルミ
4 Ilmaan Yooʼeel: Shemaaʼiyaa ilma isaa, Googi ilma isaa, Shimeʼii ilma isaa,
ヨエルの子はシマヤ その子はゴグ その子はシメイ
5 Miikaa ilma isaa, Reʼaayaa ilma isaa, Baʼaal ilma isaatii fi
その子はミカ その子はレアヤ その子はバアル
6 Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture.
その子はベエラ このべエラはアッスリヤの王テルガテピルネセルに擄へられてゆけり彼はルベン人の中に牧伯たる者なりき
7 Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha: Yeʼiiʼeel hangafticha, Zakkaariyaas,
彼の兄弟等はその宗族に依りその歴代の系譜によれば左のごとし長ヱイエルおよびゼカリヤ
8 Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel. Isaanis naannoo Aroʼeeri jalqabee hamma Neboo fi Baʼaal Meʼooniitti jiru keessa qubatan.
ベラ等なりベラはアザズの子シマの孫ヨエルの曾孫なりかれアロエルに住みて地をネボ、バアルメオンにまでおよぼししが
9 Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan.
ギレアデの地にてその家畜殖増ければまた地を東の方ユフラテ河の此方なる荒野の極端にまでおよぼせり
10 Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan.
またサウルの時にハガリ人と戰爭してこれを打破りギレアデの東の全部なる彼らの幕屋に住たり
11 Gosoonni Gaad isaanitti aananii Baashaan keessa lafa hamma Salkaatti argamu irra jiraatan; isaanis:
ガドの子孫はこれと相對ひてバシヤンの地にすみて地をサルカにまで及ぼせり
12 Yooʼeel hangaftichi, Shaafaam itti aanaan isaa, Yaʼinayii fi Shaafaax Baashaan keessa jiraatan.
長はヨエル次はシヤパム、ヤアナイ、シヤパテ共にバシヤンに居り
13 Firoonni isaanii maatii maatiidhaan kanneenii dha: Miikaaʼel, Meshulaam, Shebaa, Yooraay, Yaakaan, Ziiʼaa fi Eeber; walumaa galatti torba turan.
彼らの兄弟等はその宗家によればミカエル、メシユラム、シバ、ヨライ、ヤカン、ジア、ヘベル都合七人
14 Isaan kunneen immoo ilmaan Abiihaayil ilma Huuri, ilma Yaarokaa, ilma Giliʼaad, ilma Miikaaʼel, ilma Yeshiishaayi, ilma Yakedoo, ilma Buuzii ti.
是等はホリの子アビハイルの子等なり ホリはヤロアの子ヤロアはギレアデの子ギレアデはミカエルの子ミカエはヱシサイの子ヱシサイはヤドの子ヤドはブズの子
15 Ahiin ilmi Abdiʼeel, hangafa maatii isaanii ture; Abdiʼeel immoo ilma Guunii ti.
アヒはアブデルの子アブデルはグニの子グニは其宗家の長たり
16 Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan.
彼らはギレアデとバシヤンと其郷里とシヤロンの諸郊地に住て地を其四方の境に及ぼせり
17 Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman.
是等はみなユダの王ヨタムの世とイスラエルの王ヤラベアムの世に系譜に載たるなり
18 Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan.
ルベンの子孫とガド人とマナセの半支派には出て戰ふべき者四萬四千七百六十人あり皆勇士にして能く楯と矛とを執り善く弓を彎きかつ善戰ふ者なり
19 Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan.
彼等ハガリ人およびヱトル、ネフシ、ノダブ等と戰爭しけるが
20 Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne.
助力をかうむりて攻撃たればハガリ人および之と偕なりし者等みな彼らの手におちいれり是は彼ら陣中にて神を呼びこれを賴みしによりて神これを聽いれたまひしが故なり
21 Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan;
かくて彼らその家畜を奪ひとりしに駱駝五萬 羊二十五萬 驢馬二千あり人十萬ありき
22 sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan.
またころされて倒れたる者衆しその戰爭神に由るがゆゑなり而して彼らはこれが地に代りて住その擄移さるる時におよべり
23 Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan.
マナセの半支派の人々はこの地に住み殖蔓りてつひにバシヤンよりバアルヘルモン、セニルおよびヘルモン山まで地をおよぼせり
24 Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti.
その宗家の長は左のごとし即ちエペル、イシ、エリエル、アズリエル、ヱレミヤ、ホダヤ、ヤデエル是みなその宗家の長にして名ある大勇士なりき
25 Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha.
彼等その先祖等の神にむかひて罪を犯し曾て彼等の前に神の滅ぼしたまひし國の民等の神を慕ひてこれと姦淫したれば
26 Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan.
イスラエルの神アッスリヤの王ブルの心を振興しまたアッスリヤの王テグラテビレセルの心を振興したまへり彼つひにルベン人とガド人とマナセの半支派とを擄へゆきこれをハウラとハボルとハラとゴザンの河の邊とに移せり彼等は今日まで其處にあり

< 1 Seenaa 5 >