< 1 Seenaa 3 >

1 Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha; 2 sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; 3 shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha. 4 Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha. Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche; 5 ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan. 6 Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, 7 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan. 9 Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte. 10 Ilmi Solomoon Rehooboʼaam; ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha; ilmi Abiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yehooshaafaax; 11 ilmi Yehooshaafaax Yehooraam; ilmi Yooraam Ahaaziyaa; ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash; 12 ilmi Yooʼaash Amasiyaa; ilmi Amasiyaa Azaariyaa; ilmi Azaariyaa Yootaam; 13 ilmi Yootaam Aahaaz; ilmi Aahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee dha; 14 ilmi Minaasee Aamoon; ilmi isaa immoo Yosiyaas. 15 Ilmaan Yosiyaas: Inni hangafni Yoohaanaan, lammaffaan Yehooyaaqiim, sadaffaan Zedeqiyaa, afuraffaan immoo Shaluum. 16 Ilmaan Yehooyaaqiim: Ilma isaa Yehooyaakiinii fi ilma isaa Zedeqiyaa. 17 Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa: Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel, 18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa. 19 Ilmaan Phedaayaa: Zarubaabelii fi Shimeʼii. Ilmaan Zarubaabel: Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti. 20 Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed. 21 Ilmaan Hanaaniyaa: Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa. 22 Ilmaan Shekaaniyaa: Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan. 23 Ilmaan Naʼaariyaa: Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan. 24 Ilmaan Eliiyooʼeenayi: Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.

< 1 Seenaa 3 >