< 1 Seenaa 25 >

1 Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis: 2 Ilmaan Asaaf keessaa: Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture. 3 Ilmaan Yeduutuun keessaa: Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Waaqayyo galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan. 4 Ilmaan Heemaan keessaa: Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti. 5 Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne. 6 Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan. 7 Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan. 8 Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan. 9 Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan lammaffaan Gedaaliyaasiif, isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 10 sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 11 afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 12 shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 13 jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 14 torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 15 saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 16 saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 17 kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 18 kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 19 kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 20 kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 21 kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 22 kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan 23 kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 24 kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 25 kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan 26 kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 27 digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 28 digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 29 digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 30 digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 31 digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan.

< 1 Seenaa 25 >