< 1 Seenaa 19 >

1 Ergasiis Naahaash mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And it happened after this, that Nahash the king of the people of Ammon died, and his son Hanun reigned in his place.
2 Daawitis, “Sababii abbaan isaa naa arjoomeef anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. Yommuu namoonni Daawit dhaamsa gaddaa itti himuuf Haanuun bira biyya Amoonotaa dhaqanitti,
David said, "I will show kindness to Hanun the son of Nahash, because his father showed kindness to me." So David sent messengers to comfort him concerning his father. David's servants came into the land of the people of Ammon to Hanun, to comfort him.
3 qondaaltonni Amoonotaa Haanuuniin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Ergamoonni isaa biyyattii qorachuu, basaasanii qabachuuf gara kee dhufan mitii?” jedhan.
But the leaders of the people of Ammon said to Hanun, "Do you think that David honors your father, in that he has sent comforters to you? Haven't his servants come to you to search, to overthrow, and to spy out the land?"
4 Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee rifeensa irraa haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.
So Hanun took David's servants, and shaved them, and cut off their garments in the middle, even to their buttocks, and sent them away.
5 Daawit yommuu namni tokko dhufee waaʼee namoota sanaa isatti himetti, sababii isaan akka malee qaanaʼaniif ergamoota gara isaaniitti erge. Mootichis “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.
Then there went certain persons, and told David how the men were served. He sent to meet them; for the men were greatly ashamed. The king said, "Stay at Jericho until your beards have grown, and then return."
6 Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti Haanuunii fi Amoononni Phaadaan Arraamii, Araamaʼaakaa fi Zoobaadhaa gaariiwwan kireeffachuuf meetii taalaantii kuma tokko ni ergan.
When the people of Ammon saw that they had made themselves odious to David, Hanun and the people of Ammon sent one thousand talents of silver to hire them chariots and horsemen out of Mesopotamia, and out of Aram Maacah, and out of Zobah.
7 Isaanis gaariiwwan kuma soddomii lamaa fi ooftota gaariiwwanii, akkasumas mootii Maʼakaatii fi loltoota isaa kanneen dhufanii Meedebaa bira qubatan sana kireeffatan; Amoononni immoo magaalaawwan isaaniitii walitti qabamanii waraanatti ni qajeelan.
So they hired for themselves thirty-two thousand chariots, and the king of Maacah and his people, who came and camped before Medeba. The people of Ammon gathered themselves together from their cities, and came to battle.
8 Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge.
When David heard of it, he sent Joab, and all the army of the mighty men.
9 Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa isaanii irratti waraanaaf hiriiran; mootonni dhufan sun immoo kophaa isaanii dirree irra turan.
The people of Ammon came out, and put the battle in array at the gate of the city: and the kings who had come were by themselves in the field.
10 Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase.
Now when Joab saw that the battle was set against him before and behind, he chose of all the choice men of Israel, and put them in array against the Arameans.
11 Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti ni hiriirse; isaanis Amoonotatti duulan.
The rest of the people he committed into the hand of Abishai his brother; and they put themselves in array against the people of Ammon.
12 Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani sin gargaara.
He said, "If the Arameans are too strong for me, then you are to help me; but if the people of Ammon are too strong for you, then I will help you.
13 Jabaadhaa saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Waaqayyos waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”
Be courageous, and let us be strong for our people, and for the cities of our God. May the LORD do that which seems good to him."
14 Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan.
So Joab and the people who were with him drew near before the Arameans to the battle; and they fled before him.
15 Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis fuula obboleessa isaa Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Yerusaalemitti deebiʼe.
When the people of Ammon saw that the Arameans had fled, they likewise fled before Abishai his brother, and entered into the city. Then Joab came to Jerusalem.
16 Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti ergamoota erganii namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiisan; Shoofaki ajajaan loltoota Hadaadezer sun isaan hoogganaa ture.
When the Arameans saw that they were defeated by Israel, they sent messengers, and drew forth the Arameans who were beyond the River, with Shobach the captain of the army of Hadadezer at their head.
17 Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabee Yordaanos ceʼe; innis dursee dhaqee fuula isaanii duraan toora lolaa ni qabate. Daawitis warra Sooriyaa waraanuuf loltoota isaa hiriirse; namoonni Sooriyaas ni lolaniin.
It was told David; and he gathered all Israel together, and passed over the Jordan, and came on them, and set the battle in array against them. So when David had put the battle in array against the Arameans, they fought with him.
18 Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoofaki illee ni ajjeese.
The Arameans fled before Israel; and David killed of the Arameans the men of seven thousand chariots, and forty thousand footmen, and killed Shobach the captain of the army.
19 Tajaajiltoonni Hadaadezeriis yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti Daawit wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu hin feene.
When the servants of Hadadezer saw that they were defeated by Israel, they made peace with David, and served him: neither would the Arameans help the people of Ammon any more.

< 1 Seenaa 19 >