< ヨブ 記 14 >

1 婦の產む人はその日少なくして艱難多し
“Nama dubartoota irraa dhalate, barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.
2 その來ること花のごとくにして散り 其馳ること影のごとくにして止まらず
Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas; akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.
3 なんぢ是のごとき者に汝の目を啓きたまふや 汝われを汝の前にひきて審判したまふや
Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa? Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa?
4 誰か清き物を汚れたる物の中より出し得る者あらん 一人も無し
Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa? Namni tokko iyyuu hin dandaʼu!
5 その日旣に定まり その月の數なんぢに由り 汝これが區域を立て越ざらしめたまふなれば
Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha; baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira; daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.
6 是に目を離して安息を得させ 之をして傭人のその日を樂しむがごとくならしめたまへ
Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti, fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi.
7 それ木には望あり 假令砍るるとも復芽を出してその枝絶ず
“Mukni illee abdii qaba: Yoo murame deebiʼee ni lata; dameen isaa haaraanis hin gogu.
8 たとひ其根地の中に老い 幹土に枯るとも
Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu,
9 水の潤霑にあへば即ち芽をふき枝を出して若樹に異ならず
foolii bishaaniitiin lata; akka biqiltuuttis damee ni baafata.
10 然ど人は死れば消うす 人氣絶なば安に在んや
Namni garuu duʼee awwaalama; lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu.
11 水は海に竭き河は涸てかわく
Akkuma bishaan galaanaa gogu yookaan lagnis dhumee gogu sana,
12 是のごとく人も寢臥てまた興ず 天の盡るまで目覺ず睡眠を醒さざるなり
namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus; hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu yookaan hirribaa hin kaʼu.
13 願はくは汝われを陰府に藏し 汝の震怒の息むまで我を掩ひ 我ために期を定め而して我を念ひたまへ (Sheol h7585)
“Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee! Maaloo utuu beellama naa kennitee ergasii immoo na yaadattee! (Sheol h7585)
14 人もし死ばまた生んや 我はわが征戰の諸日の間望みをりて我が變更の來るを待ん
Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa? Ani hamma haaromfamni koo dhufutti, bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha.
15 なんぢ我を呼たまはん 而して我こたへん 汝かならず汝の手の作を顧みたまはん
Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha; hojii harka keetiis ni hawwita.
16 今なんぢは我に歩履を數へたまふ 我罪を汝うかがひたまはざらんや
Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta; cubbuu koo garuu hin toʼattu.
17 わが愆は凡て嚢の中に封じてあり汝わが罪を縫こめたまふ
Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama; ati cubbuu koo ni haguugda.
18 それ山も倒れて終に崩れ巖石も移りてその處を離る
“Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu, kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana,
19 水は石を鑿ち 浪は地の塵を押流す 汝は人の望を斷たまふ
akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu, akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana, atis akkasuma abdii namaa ni balleessita.
20 なんぢは彼を永く攻なやまして去ゆかしめ 彼の面容の變らせて逐やりたまふ
Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada; bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita.
21 その子尊貴なるも彼は之を知ず 卑賤なるもまた之を曉らざるなり
Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku; yoo isaan salphatanis hin argu.
22 只己みづからその肉に痛苦を覺え己みづからその心に哀く而已
Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama; inni mataa isaa qofaaf booʼa.”

< ヨブ 記 14 >