< Zabura 35 >

1 Ta Dawuda. Yi hamayya, ya Ubangiji, da waɗanda suke hamayya da ni; yi faɗa da waɗanda suke faɗa da ni.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, warra anaan mormaniin mormi; warra na lolanis loli.
2 Ka ɗauki garkuwa da kuma makami; ka tashi ka taimake ni.
Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu; na gargaaruudhaafis kaʼi.
3 Ka ɗaga māshi da kuma abin da ake jefa a kan waɗanda suke fafarata. Ka ce wa raina, “Ni ne cetonka.”
Warra na ariʼanitti eeboo fi bodee luqqifadhu. Lubbuu kootiinis, “Fayyinni kee ana” jedhi.
4 Bari waɗanda suke neman raina su sha kunya a kuma kunyatar da su; bari waɗanda suke shirya lalacewata su juya da baya su ruɗe.
Warri lubbuu koo barbaadan, haa qaanaʼan; haa salphatanis; warri na balleessuuf mariʼatanis, abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan.
5 Bari su zama kamar yayi a gaban iska, mala’ikan Ubangiji kuma yana korarsu;
Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
6 bari hanyarsu tă yi duhu ta kuma yi santsi, mala’ikan Ubangiji kuma yana fafararsu.
Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
7 Da yake sun ɓoye tarko domina ba dalili kuma babu dalili suka haƙa mini rami,
Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii na dura kaaʼaniiruutii; sababii malees boolla naa qotaniiru;
8 bari lalaci yă kama su ba zato, bari tarkon da suka ɓoye yă kama su, bari su fāɗa cikin ramin, yă kai ga lalacinsu.
utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu; kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu; boolluma qote sanattis haa kufu.
9 Sa’an nan raina zai cika da farin ciki a cikin Ubangiji in yi kuma murna a cikin cetonsa.
Yoos lubbuun ko, Waaqayyotti gammaddi; fayyisuu isaattis ni ililchiti.
10 Dukan raina zai ce, “Wane ne kamar ka, ya Ubangiji? Ka kuɓutar da matalauta daga waɗanda suka fi ƙarfinsu, matalauta da masu bukata daga waɗanda suke musu fashi.”
Lafeen koo hundi akkana siin jedha: “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu? Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta; hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.”
11 Shaidu marasa imani sun fito; suna mini tambaya a kan abubuwan da ban san kome a kai ba.
Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan; waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu.
12 Suna sāka alherin da na yi musu da mugunta suka bar raina da nadama.
Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu; lubbuu koos kophaatti hambisu.
13 Duk da haka sa’ad da suke ciwo, na sanya rigar makoki na ƙasƙantar da kaina da azumi. Sa’ad da aka mayar mini da addu’o’i babu amsa,
Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti, wayyaa gaddaa nan uffadhe; lubbuu koos soomaan nan miidhe. Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis
14 nakan yi ta yawo ina makoki sai ka ce yadda nake yi wa abokina ko ɗan’uwana. Nakan sunkuyar da kaina cikin baƙin ciki sai ka ce ina kuka domin mahaifiyata.
ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti, gaddaan asii fi achi deddeebiʼe. Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis, gaddaan mataa koo nan buuse.
15 Amma sa’ad da na yi tuntuɓe, sukan taru suna murna; masu kai hari sun taru a kaina sa’ad da ban sani ba. Suna ɓata mini suna ba tsagaitawa.
Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman; utuu ani hin beekin na marsan; utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan.
16 Kamar marasa sani Allah suna mini riyar ba’a; Suna hararata da ƙiyayya.
Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan; ilkaan isaanii illee natti qaratan.
17 Ya Ubangiji, har yaushe za ka ci gaba da zuba ido kawai? Ka kuɓutar da raina daga farmakinsu, raina mai daraja daga waɗannan zakoki.
Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta? Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa, jireenya koos leenca jalaa baasi.
18 Zan yi godiya cikin taro mai girma; cikin ɗumbun mutane zan yabe ka.
Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha; tuuta guddaa keessatti sin jajadha.
19 Kada ka bar maƙaryatan nan, su yi farin ciki a kaina; kada ka bar waɗanda suke ƙina ba dalili, su ji daɗin baƙin cikina.
Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin; warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin.
20 Ba sa maganar salama sukan ƙirƙiro zage-zagen ƙarya a kan waɗanda suka zama shiru a ƙasar.
Isaan nagaa hin dubbatan; warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis, mala sobaa malatu.
21 Sukan wage mini bakinsu suna cewa, “Allah yă ƙara! Da idanunmu mun gani.”
Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine” jedhanii afaan natti banatu.
22 Ya Ubangiji, ka ga wannan; kada ka yi shiru. Kada ka yi nisa da ni, ya Ubangiji.
Yaa Waaqayyo, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin. Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin.
23 Ka farka, ka kuma tashi ka kāre ni! Ka yi mini faɗa, ya Allahna da shugabana.
Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif, dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi!
24 Ka nuna ni marar laifi ne ciki adalcinka, Ya Ubangiji Allahna; kada ka bari su yi farin ciki a kaina.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi; akka isaan natti gammadanis hin godhin.
25 Kada ka bari su ce wa kansu, “Allah yă ƙara, dā ma abin da mun so ke nan!” Ko su ce, “Mun haɗiye shi.”
Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan, yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin.
26 Bari dukan waɗanda suke farin ciki a kaina a wahalata su sha kunya su kuma ruɗe; bari dukan waɗanda suke ɗaukar kansu sun fi ni su sha kunya da wulaƙanci.
Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri natti kooran hundinuus, qaanii fi salphina haa uffatan.
27 Bari waɗanda suke murna saboda nasarata su yi sowa don farin ciki da murna; bari kullum su riƙa cewa, “A ɗaukaka Ubangiji, wanda yake farin ciki da zaman lafiyar bawansa.”
Warri qajeelumma koo jaallatan, sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis. Isaan yeroo hunda, “Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu guddaa dha” haa jedhan.
28 Harshena zai yi zancen adalcinka da kuma yabonka dukan yini.
Arrabni koo qajeelummaa kee, guyyaa guutuus galata kee odeessa.

< Zabura 35 >