< Philippians 2 >

1 If therefore there is any exhortation in Christ, if any consolation of love, if any fellowship of the Spirit, if any tender mercies and compassion,
Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan,
2 make my joy full by being like-minded, having the same love, being of one accord, of one mind;
gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa.
3 doing nothing through rivalry or through conceit, but in humility, each counting others better than himself;
Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
4 each of you not just looking to his own things, but each of you also to the things of others.
Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
5 Have this in your mind, which was also in Christ Jesus,
Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
6 who, existing in the form of God, didn’t consider equality with God a thing to be grasped,
Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
7 but emptied himself, taking the form of a servant, being made in the likeness of men.
qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
8 And being found in human form, he humbled himself, becoming obedient to the point of death, yes, the death of the cross.
Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
9 Therefore God also highly exalted him, and gave to him the name which is above every name,
Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
10 that at the name of Jesus every knee should bow, of those in heaven, those on earth, and those under the earth,
Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.
11 and that every tongue should confess that Jesus Christ is Lord, to the glory of God the Father.
Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
12 So then, my beloved, even as you have always obeyed, not only in my presence, but now much more in my absence, work out your own salvation with fear and trembling.
Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa;
13 For it is God who works in you both to will and to work for his good pleasure.
akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii.
14 Do all things without complaining and arguing,
Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa;
15 that you may become blameless and harmless, children of God without defect in the middle of a crooked and perverse generation, among whom you are seen as lights in the world,
kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
16 holding up the word of life, that I may have something to boast in the day of Christ that I didn’t run in vain nor labor in vain.
yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa.
17 Yes, and if I am poured out on the sacrifice and service of your faith, I am glad and rejoice with you all.
Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada.
18 In the same way, you also should be glad and rejoice with me.
Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.
19 But I hope in the Lord Jesus to send Timothy to you soon, that I also may be cheered up when I know how you are doing.
Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Yesuusin nan abdadha.
20 For I have no one else like-minded, who will truly care about you.
Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu.
21 For they all seek their own, not the things of Jesus Christ.
Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Yesuus Kiristoosiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii.
22 But you know that he has proved himself. As a child serves a father, so he served with me in furtherance of the Good News.
Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii wangeelaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu.
23 Therefore I hope to send him at once, as soon as I see how it will go with me.
Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha.
24 But I trust in the Lord that I myself also will come shortly.
Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.
25 But I thought it necessary to send to you Epaphroditus, my brother, fellow worker, fellow soldier, and your apostle and servant of my need,
Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata.
26 since he longed for you all, and was very troubled because you had heard that he was sick.
Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira.
27 For indeed he was sick nearly to death, but God had mercy on him, and not on him only, but on me also, that I might not have sorrow on sorrow.
Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Waaqni garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera.
28 I have sent him therefore the more diligently, that when you see him again, you may rejoice, and that I may be the less sorrowful.
Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa.
29 Receive him therefore in the Lord with all joy, and hold such people in honor,
Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa;
30 because for the work of Christ he came near to death, risking his life to supply that which was lacking in your service toward me.
inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.

< Philippians 2 >