< Mark 1 >

1 The beginning of the Good News of Jesus Christ, the Son of God.
Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa.
2 As it is written in the prophets, “Behold, I send my messenger before your face, who will prepare your way before you:
Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa kee qopheessu, si dura nan erga;”
3 the voice of one crying in the wilderness, ‘Make ready the way of the Lord! Make his paths straight!’”
“Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa; daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo.”
4 John came baptizing in the wilderness and preaching the baptism of repentance for forgiveness of sins.
Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe.
5 All the country of Judea and all those of Jerusalem went out to him. They were baptized by him in the Jordan river, confessing their sins.
Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
6 John was clothed with camel’s hair and a leather belt around his waist. He ate locusts and wild honey.
Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture.
7 He preached, saying, “After me comes he who is mightier than I, the strap of whose sandals I am not worthy to stoop down and loosen.
Innis akkana jedhee lallabaa ture; “Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa.
8 I baptized you in water, but he will baptize you in the Holy Spirit.”
Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.”
9 In those days, Jesus came from Nazareth of Galilee, and was baptized by John in the Jordan.
Yeroo sana Yesuus Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yohannisiin cuuphame.
10 Immediately coming up from the water, he saw the heavens parting and the Spirit descending on him like a dove.
Yesuus utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, samiin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge.
11 A voice came out of the sky, “You are my beloved Son, in whom I am well pleased.”
Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa dhufe.
12 Immediately the Spirit drove him out into the wilderness.
Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase;
13 He was there in the wilderness forty days, tempted by Satan. He was with the wild animals; and the angels were serving him.
inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.
14 Now after John was taken into custody, Jesus came into Galilee, preaching the Good News of God’s Kingdom,
Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene.
15 and saying, “The time is fulfilled, and God’s Kingdom is at hand! Repent, and believe in the Good News.”
Innis, “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe.
16 Passing along by the sea of Galilee, he saw Simon and Andrew, the brother of Simon, casting a net into the sea, for they were fishermen.
Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii.
17 Jesus said to them, “Come after me, and I will make you into fishers for men.”
Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen.
18 Immediately they left their nets, and followed him.
Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
19 Going on a little further from there, he saw James the son of Zebedee, and John his brother, who were also in the boat mending the nets.
Innis yommuu xinnoo achi hiiqetti Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis utuu isaan bidiruu keessatti kiyyoowwan isaanii qopheeffatanuu arge.
20 Immediately he called them, and they left their father, Zebedee, in the boat with the hired servants, and went after him.
Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan.
21 They went into Capernaum, and immediately on the Sabbath day he entered into the synagogue and taught.
Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise.
22 They were astonished at his teaching, for he taught them as having authority, and not as the scribes.
Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
23 Immediately there was in their synagogue a man with an unclean spirit, and he cried out,
Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee
24 saying, “Ha! What do we have to do with you, Jesus, you Nazarene? Have you come to destroy us? I know who you are: the Holy One of God!”
akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
25 Jesus rebuked him, saying, “Be quiet, and come out of him!”
Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate.
26 The unclean spirit, convulsing him and crying with a loud voice, came out of him.
Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe.
27 They were all amazed, so that they questioned among themselves, saying, “What is this? A new teaching? For with authority he commands even the unclean spirits, and they obey him!”
Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan.
28 The report of him went out immediately everywhere into all the region of Galilee and its surrounding area.
Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe.
29 Immediately, when they had come out of the synagogue, they came into the house of Simon and Andrew, with James and John.
Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan.
30 Now Simon’s wife’s mother lay sick with a fever, and immediately they told him about her.
Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan.
31 He came and took her by the hand and raised her up. The fever left her immediately, and she served them.
Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.
32 At evening, when the sun had set, they brought to him all who were sick and those who were possessed by demons.
Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan.
33 All the city was gathered together at the door.
Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame.
34 He healed many who were sick with various diseases and cast out many demons. He didn’t allow the demons to speak, because they knew him.
Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.
35 Early in the morning, while it was still dark, he rose up and went out, and departed into a deserted place, and prayed there.
Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate.
36 Simon and those who were with him searched for him.
Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman;
37 They found him and told him, “Everyone is looking for you.”
isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin.
38 He said to them, “Let’s go elsewhere into the next towns, that I may preach there also, because I came out for this reason.”
Yesuus immoo deebisee, “Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma” jedhe.
39 He went into their synagogues throughout all Galilee, preaching and casting out demons.
Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme.
40 A leper came to him, begging him, kneeling down to him, and saying to him, “If you want to, you can make me clean.”
Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
41 Being moved with compassion, he stretched out his hand, and touched him, and said to him, “I want to. Be made clean.”
Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen.
42 When he had said this, immediately the leprosy departed from him and he was made clean.
Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe.
43 He strictly warned him and immediately sent him out,
Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise.
44 and said to him, “See that you say nothing to anybody, but go show yourself to the priest and offer for your cleansing the things which Moses commanded, for a testimony to them.”
Akkanas jedheen; “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.”
45 But he went out, and began to proclaim it much, and to spread about the matter, so that Jesus could no more openly enter into a city, but was outside in desert places. People came to him from everywhere.
Namichi garuu achii baʼee baayʼisee odeessuu jalqabe. Kanaafis Yesuus ergasii magaalaan ala, lafa namni hin jirre ture malee ifaan ifatti magaalattii seenuu hin dandeenye. Namoonni garuu iddoo hundatti isa bira dhufaa turan.

< Mark 1 >