< John 19 >

1 So Pilate then took Jesus and flogged him.
Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise.
2 The soldiers twisted thorns into a crown and put it on his head, and dressed him in a purple garment.
Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii,
3 They kept saying, “Hail, King of the Jews!” and they kept slapping him.
“Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
4 Then Pilate went out again, and said to them, “Behold, I bring him out to you, that you may know that I find no basis for a charge against him.”
Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe.
5 Jesus therefore came out, wearing the crown of thorns and the purple garment. Pilate said to them, “Behold, the man!”
Yesuusis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe.
6 When therefore the chief priests and the officers saw him, they shouted, saying, “Crucify! Crucify!” Pilate said to them, “Take him yourselves and crucify him, for I find no basis for a charge against him.”
Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.
7 The Jews answered him, “We have a law, and by our law he ought to die, because he made himself the Son of God.”
Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan.
8 When therefore Pilate heard this saying, he was more afraid.
Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate.
9 He entered into the Praetorium again, and said to Jesus, “Where are you from?” But Jesus gave him no answer.
Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef.
10 Pilate therefore said to him, “Aren’t you speaking to me? Don’t you know that I have power to release you and have power to crucify you?”
Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen.
11 Jesus answered, “You would have no power at all against me, unless it were given to you from above. Therefore he who delivered me to you has greater sin.”
Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.
12 At this, Pilate was seeking to release him, but the Jews cried out, saying, “If you release this man, you aren’t Caesar’s friend! Everyone who makes himself a king speaks against Caesar!”
Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.
13 When Pilate therefore heard these words, he brought Jesus out and sat down on the judgment seat at a place called “The Pavement”, but in Hebrew, “Gabbatha.”
Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Yesuusin gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe.
14 Now it was the Preparation Day of the Passover, at about the sixth hour. He said to the Jews, “Behold, your King!”
Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe.
15 They cried out, “Away with him! Away with him! Crucify him!” Pilate said to them, “Shall I crucify your King?” The chief priests answered, “We have no king but Caesar!”
Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.
16 So then he delivered him to them to be crucified. So they took Jesus and led him away.
Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne. Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman.
17 He went out, bearing his cross, to the place called “The Place of a Skull”, which is called in Hebrew, “Golgotha”,
Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe.
18 where they crucified him, and with him two others, on either side one, and Jesus in the middle.
Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Yesuusin immoo gidduu isaaniitti fannisan.
19 Pilate wrote a title also, and put it on the cross. There was written, “JESUS OF NAZARETH, THE KING OF THE JEWS.”
Phiilaaxoosis Katabbii, Yesuus Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa, jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse.
20 Therefore many of the Jews read this title, for the place where Jesus was crucified was near the city; and it was written in Hebrew, in Latin, and in Greek.
Iddoon Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame.
21 The chief priests of the Jews therefore said to Pilate, “Don’t write, ‘The King of the Jews,’ but, ‘he said, “I am King of the Jews.”’”
Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘“Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan.
22 Pilate answered, “What I have written, I have written.”
Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise.
23 Then the soldiers, when they had crucified Jesus, took his garments and made four parts, to every soldier a part; and also the tunic. Now the tunic was without seam, woven from the top throughout.
Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.
24 Then they said to one another, “Let’s not tear it, but cast lots for it to decide whose it will be,” that the Scripture might be fulfilled, which says, “They parted my garments among them. They cast lots for my clothing.” Therefore the soldiers did these things.
Kanaafuu isaan, “Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa” waliin jedhan. Kunis akka Katabbiin Qulqulluun, “Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan” jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
25 But standing by Jesus’ cross were his mother, his mother’s sister, Mary the wife of Clopas, and Mary Magdalene.
Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan.
26 Therefore when Jesus saw his mother, and the disciple whom he loved standing there, he said to his mother, “Woman, behold, your son!”
Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, “Dubartii nana! Kunoo, ilma kee” jedhe.
27 Then he said to the disciple, “Behold, your mother!” From that hour, the disciple took her to his own home.
Barataa sanaan illee, “Kunoo haadha kee” jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
28 After this, Jesus, seeing that all things were now finished, that the Scripture might be fulfilled, said, “I am thirsty!”
Ergasii Yesuus akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, “Nan dheebodhe” jedhe.
29 Now a vessel full of vinegar was set there; so they put a sponge full of the vinegar on hyssop, and held it at his mouth.
Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban.
30 When Jesus therefore had received the vinegar, he said, “It is finished!” Then he bowed his head and gave up his spirit.
Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
31 Therefore the Jews, because it was the Preparation Day, so that the bodies wouldn’t remain on the cross on the Sabbath (for that Sabbath was a special one), asked of Pilate that their legs might be broken and that they might be taken away.
Guyyaan sun guyyaa Qophii ture; guyyaan itti aanus Sanbataa addaa ture. Kanaafuu akka reeffi isaanii Sanbataan fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee fannoo irraa gad buufamuuf Yihuudoonni Phiilaaxoosin kadhatan.
32 Therefore the soldiers came and broke the legs of the first and of the other who was crucified with him;
Kanaafuu loltoonni dhaqanii miilla namicha jalqabaa, miilla namicha Yesuus wajjin fannifame kaaniis cabsan.
33 but when they came to Jesus and saw that he was already dead, they didn’t break his legs.
Yommuu gara Yesuus dhufanitti garuu inni duʼe waan arganiif miilla isaa hin cabsine.
34 However, one of the soldiers pierced his side with a spear, and immediately blood and water came out.
Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eeboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bishaan baʼe.
35 He who has seen has testified, and his testimony is true. He knows that he tells the truth, that you may believe.
Namni waan kana arge rageesseera; ragaan isaas dhugaa dha. Inni akka dhugaa dubbatu ni beeka; inni akka isinis amantaniif dubbata.
36 For these things happened that the Scripture might be fulfilled, “A bone of him will not be broken.”
Kunis wanni Katabbiin Qulqulluun, “Lafeen isaa tokko iyyuu hin cabsamu” jedhe sun akka raawwatamuuf taʼe.
37 Again another Scripture says, “They will look on him whom they pierced.”
Ammas Katabbiin Qulqulluun biraa, “Isaanis isa waraanan sana ni ilaalu” jedha.
38 After these things, Joseph of Arimathaea, being a disciple of Jesus, but secretly for fear of the Jews, asked of Pilate that he might take away Jesus’ body. Pilate gave him permission. He came therefore and took away his body.
Ergasii Yoosef namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Yesuus ture sun reeffa Yesuus fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Yesuus fudhate.
39 Nicodemus, who at first came to Jesus by night, also came bringing a mixture of myrrh and aloes, about a hundred Roman pounds.
Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Yesuus dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe.
40 So they took Jesus’ body, and bound it in linen cloths with the spices, as the custom of the Jews is to bury.
Isaanis reeffa Yesuus fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti awwaaluuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan.
41 Now in the place where he was crucified there was a garden. In the garden was a new tomb in which no man had ever yet been laid.
Iddoo Yesuus itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo awwaalaa haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokkotu ture.
42 Then, because of the Jews’ Preparation Day (for the tomb was near at hand), they laid Jesus there.
Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon awwaalaa sunis waan dhiʼoo tureef Yesuusin achi keessa kaaʼan.

< John 19 >