< Acts 25 >

1 Festus therefore, having come into the province, after three days went up to Jerusalem from Caesarea.
Fesxoosis biyya sana gaʼee guyyaa sadii booddee Qiisaariyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼe;
2 Then the high priest and the principal men of the Jews informed him against Paul, and they begged him,
achittis luboonni hangafoonnii fi dura buʼoonni Yihuudootaa fuula isaa duratti dhiʼaatanii himata Phaawulos irraa qaban dhiʼeeffatan.
3 asking a favor against him, that he would summon him to Jerusalem, plotting to kill him on the way.
Isaanis waan karaatti riphanii Phaawulosin ajjeesuuf qophaaʼaa turaniif akka Fesxoos isaan deeggaree nama ergee gara Yerusaalem isa fichisiisu kadhatan.
4 However Festus answered that Paul should be kept in custody at Caesarea, and that he himself was about to depart shortly.
Fesxoos immoo akkana jedhee deebise; “Phaawulos Qiisaariyaatti eegamaa jira; ani mataan koo iyyuu dhiʼeenyatti achi nan dhaqa.
5 “Let them therefore”, he said, “that are in power among you go down with me, and if there is anything wrong in the man, let them accuse him.”
Kanaafuu abbootii taayitaa keessan keessaa tokko tokko na wajjin deemanii yoo namichi sun balleessaa wayii qabaate achitti isa haa himatan.”
6 When he had stayed among them more than ten days, he went down to Caesarea, and on the next day he sat on the judgment seat, and commanded Paul to be brought.
Innis erga guyyaa saddeeti yookaan kudhan isaan bira bubbulee booddee Qiisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee akka Phaawulos fuula isaa duratti dhiʼeeffamu ajaje.
7 When he had come, the Jews who had come down from Jerusalem stood around him, bringing against him many and grievous charges which they could not prove,
Yommuu Phaawulos dhiʼaatettis Yihuudoonni Yerusaalemii gad buʼan sun isatti naannaʼanii dhaabachuun himata ciccimaa hedduu isa irratti dhiʼeessan; garuu amansiisuu hin dandeenye.
8 while he said in his defense, “Neither against the law of the Jews, nor against the temple, nor against Caesar, have I sinned at all.”
Phaawulosis, “Ani seera Yihuudootaa irratti yookaan mana qulqullummaa irratti yookaan Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate.
9 But Festus, desiring to gain favor with the Jews, answered Paul and said, “Are you willing to go up to Jerusalem and be judged by me there concerning these things?”
Fesxoosis Yihuudoota gammachiisuuf jedhee Phaawulosiin, “Ati Yerusaalemitti ol baatee himata kana irratti fuula koo duratti qoratamuu ni feetaa?” jedhe.
10 But Paul said, “I am standing before Caesar’s judgment seat, where I ought to be tried. I have done no wrong to the Jews, as you also know very well.
Phaawulos garuu akkana jedhee deebise; “Ani amma barcuma murtii Qeesaar dura, iddoo itti qoratamuu qabu dhaabadheen jira; akkuma ati mataan kee iyyuu sirriitti beektu ani yakka tokko illee Yihuudoota irratti hin hojjenne.
11 For if I have done wrong and have committed anything worthy of death, I don’t refuse to die; but if none of those things is true that they accuse me of, no one can give me up to them. I appeal to Caesar!”
Taʼus ani utuu balleessaa duʼa natti mursiisu tokko illee hojjedhee silaa duʼa jalaa baʼuuf hin carraaqu; garuu yoo wanni Yihuudoonni kunneen ittiin na himatan dhugaa hin taʼin, namni tokko iyyuu dabarsee harka isaaniitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti oli nan iyyadha!”
12 Then Festus, when he had conferred with the council, answered, “You have appealed to Caesar. To Caesar you shall go.”
Fesxoosis erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booddee, “Ati Qeesaaritti ol iyyatteerta; gara Qeesaar ni dhaqxa!” jedhe.
13 Now when some days had passed, King Agrippa and Bernice arrived at Caesarea and greeted Festus.
Bultii muraasa booddee Agriiphaa mootichii fi Barniiqeen Fesxoos simachuuf Qiisaariyaa dhaqan.
14 As he stayed there many days, Festus laid Paul’s case before the king, saying, “There is a certain man left a prisoner by Felix;
Fesxoosis isaan guyyaa hedduu achi bubbullaan akkana jedhee waaʼee himata Phaawulos mooticha wajjin dubbate; “Namichi Feeliksi mana hidhaa keessatti dhiisee deeme tokko as jira.
15 about whom, when I was at Jerusalem, the chief priests and the elders of the Jews informed me, asking for a sentence against him.
Yeroo ani Yerusaalem turetti luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni Yihuudootaa isa himatanii akka itti muramu kadhatan.
16 I answered them that it is not the custom of the Romans to give up any man to destruction before the accused has met the accusers face to face and has had opportunity to make his defense concerning the matter laid against him.
“Anis akka namni kam iyyuu akka seera biyya Roomaatti utuu fuula himattoota isaa duratti dhiʼaatee himata sana mormachuuf carraa hin argatin dabarfamee kennamuu hin qabne isaanitti himeera.
17 When therefore they had come together here, I didn’t delay, but on the next day sat on the judgment seat and commanded the man to be brought.
Kanaafuu ani yommuu isaan na wajjin as dhufanitti barcuma murtii irra taaʼeen akka namicha natti fidan ajaje malee dubbii sana lafa irra hin harkifne.
18 When the accusers stood up, they brought no charges against him of such things as I supposed;
Himattoonni isaas yommuu dubbachuuf kaʼanitti yakka ani ittiin isa himatu jedhee eege keessaa tokko illee isa irratti hin dhiʼeessine.
19 but had certain questions against him about their own religion and about one Jesus, who was dead, whom Paul affirmed to be alive.
Garuu isaan waaʼee amantaa isaaniitii fi waaʼee namicha duʼe kan Yesuus jedhamu isa Phaawulos immoo, ‘Inni jiraataa dha’ jedhee falmuu tokkoo irratti wal dhaban.
20 Being perplexed how to inquire concerning these things, I asked whether he was willing to go to Jerusalem and there be judged concerning these matters.
Anis akka itti dubbii sana qoradhu wallaale; kanaaf inni Yerusaalem dhaqee himata kana irratti qoratamuuf fedhii qabuu fi akka inni hin qabne isa gaafadhe.
21 But when Paul had appealed to be kept for the decision of the emperor, I commanded him to be kept until I could send him to Caesar.”
Garuu yommuu Phaawulos murtii Awugisxoos Qeesaar argachuuf jedhee turfamuu kadhatetti ani akka inni hamma ani Qeesaaritti isa ergutti eegamu nan ajaje.”
22 Agrippa said to Festus, “I also would like to hear the man myself.” “Tomorrow,” he said, “you shall hear him.”
Agriiphaanis Fesxoosiin, “Ani mataan koo namicha kana dhagaʼuu nan barbaada” jedhe. Inni immoo deebisee, “Bori isa dhageessa” jedheen.
23 So on the next day, when Agrippa and Bernice had come with great pomp, and they had entered into the place of hearing with the commanding officers and the principal men of the city, at the command of Festus, Paul was brought in.
Guyyaa itti aanuttis Agriiphaa fi Barniiqeen ulfina guddaan dhufanii Ajajjuuwwan kumaatii fi gurguddoota magaalaa wajjin galma wal gaʼii seenan. Fesxoos ajajnaan Phaawulosin ol galchan.
24 Festus said, “King Agrippa, and all men who are here present with us, you see this man about whom all the multitude of the Jews petitioned me, both at Jerusalem and here, crying that he ought not to live any longer.
Fesxoosis akkana jedhe; “Yaa Agriiphaa mooticha, warri nu wajjin as jirtan hundinuus isin namicha kana ni argitu! Hawaasni Yihuudootaa guutummaatti, ‘Namichi kun siʼachi jiraachuu hin qabu’ jedhanii waaʼee isaa Yerusaalemittii fi as Qiisaariyaatti iyyanii na kadhatan.
25 But when I found that he had committed nothing worthy of death, and as he himself appealed to the emperor, I determined to send him,
Ani waan duʼaan isa gaʼu kan inni hojjete tokko illee hin argine; ani garuu sababii inni Awugisxoositti ol iyyateef gara Roomaatti isa erguu nan murteesse.
26 of whom I have no certain thing to write to my lord. Therefore I have brought him out before you, and especially before you, King Agrippa, that, after examination I may have something to write.
Ani waaʼee namicha kanaa waan ifatti baʼe kan gooftaa kootiif barreessu tokko illee hin qabu; kanaafuu ani erga isa qorannee booddee akka waan barreessu argadhuuf jedhee fuula hunda keessanii duratti, keessumattuu yaa Agriiphaa mooticha, fuula kee duratti isa dhiʼeesseera.
27 For it seems to me unreasonable, in sending a prisoner, not to also specify the charges against him.”
Ani nama hidhame tokko utuu waan inni ittiin himatame ifatti hin baasin ol dabarsuu qajeela hin seʼuutii.”

< Acts 25 >