< Acts 10 >

1 Now there was a certain man in Caesarea, Cornelius by name, a centurion of what was called the Italian Regiment,
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, “Humna waraana Iixaaliyaa” jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture.
2 a devout man, and one who feared God with all his house, who gave gifts for the needy generously to the people, and always prayed to God.
Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture.
3 At about the ninth hour of the day, he clearly saw in a vision an angel of God coming to him and saying to him, “Cornelius!”
Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge.
4 He, fastening his eyes on him and being frightened, said, “What is it, Lord?” He said to him, “Your prayers and your gifts to the needy have gone up for a memorial before God.
Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera.
5 Now send men to Joppa, and get Simon, who is also called Peter.
Amma Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana as fichisiisi.
6 He is staying with a tanner named Simon, whose house is by the seaside.
Innis namicha gogaa duugu kan Simoon jedhamu kan manni isaa qarqara galaanaatti argamu tokko bira jira.”
7 When the angel who spoke to him had departed, Cornelius called two of his household servants and a devout soldier of those who waited on him continually.
Qorneelewoosis yommuu ergamaan Waaqaa kan isatti dubbate sun deemetti tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Waaqaaf bulu tokko waamee,
8 Having explained everything to them, he sent them to Joppa.
waan kana hunda itti himee Yoopheetti isaan erge.
9 Now on the next day as they were on their journey and got close to the city, Peter went up on the housetop to pray at about noon.
Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti kadhannaaf bantii manaatti ol baʼe.
10 He became hungry and desired to eat, but while they were preparing, he fell into a trance.
Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe.
11 He saw heaven opened and a certain container descending to him, like a great sheet let down by four corners on the earth,
Samii banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge.
12 in which were all kinds of four-footed animals of the earth, wild animals, reptiles, and birds of the sky.
Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture.
13 A voice came to him, “Rise, Peter, kill and eat!”
Sagaleen tokkos, “Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu” jedheen.
14 But Peter said, “Not so, Lord; for I have never eaten anything that is common or unclean.”
Phexros garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne” jedhe.
15 A voice came to him again the second time, “What God has cleansed, you must not call unclean.”
Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, “Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin” jedheen.
16 This was done three times, and immediately the thing was received up into heaven.
Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee samiitti ol fudhatame.
17 Now while Peter was very perplexed in himself what the vision which he had seen might mean, behold, the men who were sent by Cornelius, having made inquiry for Simon’s house, stood before the gate,
Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan.
18 and called and asked whether Simon, who was also called Peter, was lodging there.
Isaanis lallabanii, “Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?” jedhanii gaafatan.
19 While Peter was pondering the vision, the Spirit said to him, “Behold, three men seek you.
Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; “Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru.
20 But arise, get down, and go with them, doubting nothing; for I have sent them.”
Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii.”
21 Peter went down to the men, and said, “Behold, I am he whom you seek. Why have you come?”
Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, “Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?” jedheen.
22 They said, “Cornelius, a centurion, a righteous man and one who fears God, and well spoken of by all the nation of the Jews, was directed by a holy angel to invite you to his house, and to listen to what you say.”
Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; “Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; ergamaan Waaqaa qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate.”
23 So he called them in and provided a place to stay. On the next day Peter arose and went out with them, and some of the brothers from Joppa accompanied him.
Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise. Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman.
24 On the next day they entered into Caesarea. Cornelius was waiting for them, having called together his relatives and his near friends.
Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture.
25 When Peter entered, Cornelius met him, fell down at his feet, and worshiped him.
Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe.
26 But Peter raised him up, saying, “Stand up! I myself am also a man.”
Phexros garuu, “Kaʼi! Anis namumaatii” jedhee ol isa qabe.
27 As he talked with him, he went in and found many gathered together.
Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge.
28 He said to them, “You yourselves know how it is an unlawful thing for a man who is a Jew to join himself or come to one of another nation, but God has shown me that I shouldn’t call any man unholy or unclean.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Waaqni akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera.
29 Therefore I also came without complaint when I was sent for. I ask therefore, why did you send for me?”
Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada.”
30 Cornelius said, “Four days ago, I was fasting until this hour; and at the ninth hour, I prayed in my house, and behold, a man stood before me in bright clothing
Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: “Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti kadhachaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee
31 and said, ‘Cornelius, your prayer is heard, and your gifts to the needy are remembered in the sight of God.
akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera.
32 Send therefore to Joppa and summon Simon, who is also called Peter. He is staying in the house of a tanner named Simon, by the seaside. When he comes, he will speak to you.’
Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’
33 Therefore I sent to you at once, and it was good of you to come. Now therefore we are all here present in the sight of God to hear all things that have been commanded you by God.”
Kanaaf ani yeruma sana nama ergeen si waamsise; atis baga dhufte. Egaa nu hundinuu waan akka ati nutti himtu Gooftaan si ajaje hunda dhagaʼuuf jennee as fuula Waaqaa dura jirra.”
34 Peter opened his mouth and said, “Truly I perceive that God doesn’t show favoritism;
Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; “Ani amma akka Waaqni nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha.
35 but in every nation he who fears him and works righteousness is acceptable to him.
Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha.
36 The word which he sent to the children of Israel, preaching good news of peace by Jesus Christ—he is Lord of all—
Isin ergaa Waaqni karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; Yesuus Kiristoos kun Gooftaa waan hundaa ti.
37 you yourselves know what happened, which was proclaimed throughout all Judea, beginning from Galilee, after the baptism which John preached;
Isin waan Cuuphaa Yohannis lallabee booddee Galiilaadhaa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti taʼe sana ni beektu.
38 how God anointed Jesus of Nazareth with the Holy Spirit and with power, who went about doing good and healing all who were oppressed by the devil, for God was with him.
Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii.
39 We are witnesses of everything he did both in the country of the Jews and in Jerusalem; whom they also killed, hanging him on a tree.
“Nus waan inni biyya Yihuudootaatii fi Yerusaalem keessatti hojjete hundaaf dhuga baatota. Isaanis fannoo irratti fannisanii isa ajjeesan.
40 God raised him up the third day and gave him to be revealed,
Waaqni immoo guyyaa sadaffaatti warra duʼan keessaa isa kaase; akka inni namatti mulʼatus godhe.
41 not to all the people, but to witnesses who were chosen before by God, to us, who ate and drank with him after he rose from the dead.
Inni nama hundatti hin mulʼanne; garuu nu dhuga baatota Waaqni duraan dursee filatettii fi erga inni warra duʼan keessaa kaʼee booddee isa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate.
42 He commanded us to preach to the people and to testify that this is he who is appointed by God as the Judge of the living and the dead.
Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje.
43 All the prophets testify about him, that through his name everyone who believes in him will receive remission of sins.”
Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.”
44 While Peter was still speaking these words, the Holy Spirit fell on all those who heard the word.
Utuma Phexros amma illee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun warra dubbii sana dhagaʼaa turan hunda irra buʼe.
45 They of the circumcision who believed were amazed, as many as came with Peter, because the gift of the Holy Spirit was also poured out on the Gentiles.
Amantoonni dhagna qabatan kanneen Phexros wajjin dhufan sun waan kennaan Hafuura Qulqulluu Namoota Ormaa irrati illee dhangalaʼeef ni dinqifatan;
46 For they heard them speaking in other languages and magnifying God. Then Peter answered,
isaan jaraa afaan haaraa dubbatanii fi Waaqas jajatan dhagaʼaniiruutii. Phexrosis akkana jedhe;
47 “Can anyone forbid these people from being baptized with water? They have received the Holy Spirit just like us.”
“Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?”
48 He commanded them to be baptized in the name of Jesus Christ. Then they asked him to stay some days.
Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.

< Acts 10 >