< 2 Corinthians 2 >

1 But I determined this for myself, that I would not come to you again in sorrow.
Ani akkan lammata gaddaan gara keessan hin dhufne murteeffadheera.
2 For if I make you grieve, then who will make me glad but he who is made to grieve by me?
Yoo ani isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiisu sana malee eenyutu na gammachiisa ree?
3 And I wrote this very thing to you, so that when I came, I wouldn’t have sorrow from them of whom I ought to rejoice; having confidence in you all that my joy would be shared by all of you.
Akkasitti barreessuun koo akka yommuu ani dhufutti namoonni na gammachiisuu qaban na hin gaddisiisneefi. Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii taʼe ani hunda keessan nan amana ture.
4 For out of much affliction and anguish of heart I wrote to you with many tears, not that you should be made to grieve, but that you might know the love that I have so abundantly for you.
Ani dhiphina guddaa, yaaddoo garaatii fi imimmaan baayʼeedhaan isinii barreesseetii; kunis jaalalli ani isiniif qabu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniif malee isin gaddisiisuuf miti.
5 But if any has caused sorrow, he has caused sorrow not to me, but in part (that I not press too heavily) to you all.
Eenyu iyyuu yoo nama gaddisiise utuu dubbii hoʼisuuf hin taʼin inni karaa tokko hunduma keessan gaddisiisuu isaati malee na gaddisiisuu isaa miti.
6 This punishment which was inflicted by the many is sufficient for such a one;
Nama akkanaa irratti adabbiin harki caalaan keessan adabdan ni gaʼa.
7 so that, on the contrary, you should rather forgive him and comfort him, lest by any means such a one should be swallowed up with his excessive sorrow.
Qooda kanaa akka inni gadda guddaan hin liqimfamneef dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuutu isin irra jira.
8 Therefore I beg you to confirm your love toward him.
Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan cimsitan isinan kadhadha.
9 For to this end I also wrote, that I might know the proof of you, whether you are obedient in all things.
Anis akka isin waan hunda irratti ajajamtoota taatan mirkaneeffachuufin waan kana isinii barreesse.
10 Now I also forgive whomever you forgive anything. For if indeed I have forgiven anything, I have forgiven that one for your sakes in the presence of Christ,
Nama isin dhiifama gootaniif, anis dhiifama nan godha. Yoo wanti ani dhiifama godhe tokko iyyuu jiraates ani isiniif jedhee fuula Kiristoos duratti dhiifama godheera;
11 that no advantage may be gained over us by Satan, for we are not ignorant of his schemes.
kunis akka Seexanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii.
12 Now when I came to Troas for the Good News of Christ, and when a door was opened to me in the Lord,
Yeroo ani wangeela Kiristoos lallabuuf Xirooʼaas dhaqee Gooftaan balbala naa banetti,
13 I had no relief for my spirit, because I didn’t find Titus my brother, but taking my leave of them, I went out into Macedonia.
waan ani obboleessa koo Tiitoo hin argatiniif, hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu ani nagaatti isaaniin jedhee Maqedooniyaatti darbe.
14 Now thanks be to God who always leads us in triumph in Christ, and reveals through us the sweet aroma of his knowledge in every place.
Waaqa yeroo hunda akka nu Kiristoosiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu.
15 For we are a sweet aroma of Christ to God in those who are saved and in those who perish:
Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Waaqaaf urgaa Kiristoos.
16 to the one a stench from death to death, to the other a sweet aroma from life to life. Who is sufficient for these things?
Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa?
17 For we are not as so many, peddling the word of God. But as of sincerity, but as of God, in the sight of God, we speak in Christ.
Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti.

< 2 Corinthians 2 >