< 1 Corinthians 3 >

1 Brothers, I couldn’t speak to you as to spiritual, but as to fleshly, as to babies in Christ.
Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.
2 I fed you with milk, not with solid food, for you weren’t yet ready. Indeed, you aren’t ready even now,
Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye.
3 for you are still fleshly. For insofar as there is jealousy, strife, and factions among you, aren’t you fleshly, and don’t you walk in the ways of men?
Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii?
4 For when one says, “I follow Paul,” and another, “I follow Apollos,” aren’t you fleshly?
Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?
5 Who then is Apollos, and who is Paul, but servants through whom you believed, and each as the Lord gave to him?
Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan.
6 I planted. Apollos watered. But God gave the increase.
Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise.
7 So then neither he who plants is anything, nor he who waters, but God who gives the increase.
Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti.
8 Now he who plants and he who waters are the same, but each will receive his own reward according to his own labor.
Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu.
9 For we are God’s fellow workers. You are God’s farming, God’s building.
Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
10 According to the grace of God which was given to me, as a wise master builder I laid a foundation, and another builds on it. But let each man be careful how he builds on it.
Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba.
11 For no one can lay any other foundation than that which has been laid, which is Jesus Christ.
Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.
12 But if anyone builds on the foundation with gold, silver, costly stones, wood, hay, or straw,
Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare,
13 each man’s work will be revealed. For the Day will declare it, because it is revealed in fire; and the fire itself will test what sort of work each man’s work is.
guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora.
14 If any man’s work remains which he built on it, he will receive a reward.
Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata.
15 If any man’s work is burned, he will suffer loss, but he himself will be saved, but as through fire.
Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.
16 Don’t you know that you are God’s temple and that God’s Spirit lives in you?
Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
17 If anyone destroys God’s temple, God will destroy him; for God’s temple is holy, which you are.
Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
18 Let no one deceive himself. If anyone thinks that he is wise among you in this world, let him become a fool that he may become wise. (aiōn g165)
Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. (aiōn g165)
19 For the wisdom of this world is foolishness with God. For it is written, “He has taken the wise in their craftiness.”
Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha.
20 And again, “The Lord knows the reasoning of the wise, that it is worthless.”
Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera.
21 Therefore let no one boast in men. For all things are yours,
Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii;
22 whether Paul, or Apollos, or Cephas, or the world, or life, or death, or things present, or things to come. All are yours,
Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan;
23 and you are Christ’s, and Christ is God’s.
isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti.

< 1 Corinthians 3 >