< Acts 19 >

1 While Apollos was at Corinth, Paul, having passed through the upper country, came to Ephesus and found certain disciples.
Utuu Apholoos Qorontos keessa jiruu Phaawulos immoo biyya ol aanu keessa baʼee Efesoon dhufe; achittis barattoota tokko tokko argate.
2 He said to them, “Did you receive the Holy Spirit when you believed?” They said to him, “No, we haven’t even heard that there is a Holy Spirit.”
Innis, “Isin yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu argattaniirtuu?” jedhee gaafate. Isaan immoo deebisanii, “Hin arganne; nu akka Hafuurri Qulqulluun jiru iyyuu takkumaa hin dhageenye” jedhan.
3 He said, “Into what then were you baptised?” They said, “Into John’s baptism.”
Phaawulosis, “Yoos cuuphaa kami cuuphamtan ree?” jedhee gaafate. Isaanis, “Cuuphaa Yohannis” jedhan.
4 Paul said, “John indeed baptised with the baptism of repentance, saying to the people that they should believe in the one who would come after him, that is, in Christ Jesus.”
Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe.
5 When they heard this, they were baptised in the name of the Lord Jesus.
Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman.
6 When Paul had laid his hands on them, the Holy Spirit came on them and they spoke with other languages and prophesied.
Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.
7 They were about twelve men in all.
Isaanis walumatti gara nama kudha lamaa turan.
8 He entered into the synagogue and spoke boldly for a period of three months, reasoning and persuading about the things concerning God’s Kingdom.
Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture.
9 But when some were hardened and disobedient, speaking evil of the Way before the multitude, he departed from them and separated the disciples, reasoning daily in the school of Tyrannus.
Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture.
10 This continued for two years, so that all those who lived in Asia heard the word of the Lord Jesus, both Jews and Greeks.
Kunis waggaa lama itti fufe; kanaaf Yihuudoonnii fi Giriikonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu dubbii Gooftaa dhagaʼan.
11 God worked special miracles by the hands of Paul,
Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture.
12 so that even handkerchiefs or aprons were carried away from his body to the sick, and the diseases departed from them, and the evil spirits went out.
Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
13 But some of the itinerant Jews, exorcists, took on themselves to invoke over those who had the evil spirits the name of the Lord Jesus, saying, “We adjure you by Jesus whom Paul preaches.”
Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan.
14 There were seven sons of one Sceva, a Jewish chief priest, who did this.
Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru.
15 The evil spirit answered, “Jesus I know, and Paul I know, but who are you?”
Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef.
16 The man in whom the evil spirit was leapt on them, overpowered them, and prevailed against them, so that they fled out of that house naked and wounded.
Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan.
17 This became known to all, both Jews and Greeks, who lived at Ephesus. Fear fell on them all, and the name of the Lord Jesus was magnified.
Kunis Yihuudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; isaan hundis sodaan guutaman; maqaan Gooftaa Yesuusis baayʼee kabajame.
18 Many also of those who had believed came, confessing and declaring their deeds.
Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan.
19 Many of those who practised magical arts brought their books together and burnt them in the sight of all. They counted their price, and found it to be fifty thousand pieces of silver.
Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii kuma shantama taʼe.
20 So the word of the Lord was growing and becoming mighty.
Haala kanaanis dubbiin Gooftaa akka malee babalʼate; humnaanis guddate.
21 Now after these things had ended, Paul determined in the Spirit, when he had passed through Macedonia and Achaia, to go to Jerusalem, saying, “After I have been there, I must also see Rome.”
Erga wanni kun hundinuu taʼee booddee Phaawulos Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa darbee Yerusaalem dhaquu murteeffate; innis, “Ani ergan achi gaʼee booddee Roomaas dhaquun qaba” jedhe.
22 Having sent into Macedonia two of those who served him, Timothy and Erastus, he himself stayed in Asia for a while.
Innis gargaartota isaa keessaa nama lama jechuunis Xiimotewosii fi Erisxoosin Maqedooniyaatti ergee ofii immoo yeroof biyya Asiyaa keessa ture.
23 About that time there arose no small disturbance concerning the Way.
Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame.
24 For a certain man named Demetrius, a silversmith who made silver shrines of Artemis, brought no little business to the craftsmen,
Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture.
25 whom he gathered together with the workmen of like occupation, and said, “Sirs, you know that by this business we have our wealth.
Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu.
26 You see and hear that not at Ephesus alone, but almost throughout all Asia, this Paul has persuaded and turned away many people, saying that they are no gods that are made with hands.
Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus.
27 Not only is there danger that this our trade come into disrepute, but also that the temple of the great goddess Artemis will be counted as nothing and her majesty destroyed, whom all Asia and the world worships.”
Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.”
28 When they heard this they were filled with anger, and cried out, saying, “Great is Artemis of the Ephesians!”
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan.
29 The whole city was filled with confusion, and they rushed with one accord into the theatre, having seized Gaius and Aristarchus, men of Macedonia, Paul’s companions in travel.
Yommusuma magaalattiin ni raafamte; namoonni sunis miiltota Phaawulos kanneen Maqedooniyaadhaa dhufan jechuunis Gaayoosii fi Arisxirokoosin qabanii akkuma nama tokkootti gara iddoo itti tapha argisiisanii girrisanii fiigan.
30 When Paul wanted to enter in to the people, the disciples didn’t allow him.
Phaawulos uummatatti mulʼachuu barbaade; barattoonni garuu hin eeyyamneef.
31 Certain also of the Asiarchs, being his friends, sent to him and begged him not to venture into the theatre.
Qondaaltota biyya Asiyaa warra michoota Phaawulos turan keessaas tokko tokko nama isatti erganii akka inni iddoo itti tapha argisiisan sana hin dhaqne isa kadhatan.
32 Some therefore cried one thing, and some another, for the assembly was in confusion. Most of them didn’t know why they had come together.
Yaaʼichis wacaan guutame: Garri tokko waan tokko, garri kaan waan biraa iyye. Garri caalaan isaanii immoo waan achitti walitti qabamaniif illee hin beekne.
33 They brought Alexander out of the multitude, the Jews putting him forward. Alexander beckoned with his hand, and would have made a defence to the people.
Yihuudoonnis Iskindiroosin dhiibanii fuula uummataa duratti baafnaan, namoonni tokko tokko uummata keessaa iyyanii gorsa kennaniif; innis uummata duratti falmachuuf jedhee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne.
34 But when they perceived that he was a Jew, all with one voice for a time of about two hours cried out, “Great is Artemis of the Ephesians!”
Yommuu akka inni Yihuudii taʼe hubatanitti garuu isaan hundinuu sagalee tokkoon, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaa iyyaa turan.
35 When the town clerk had quieted the multitude, he said, “You men of Ephesus, what man is there who doesn’t know that the city of the Ephesians is temple keeper of the great goddess Artemis, and of the image which fell down from Zeus?
Barreessaan magaalaa sanaas uummata calʼisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Efesoon, akka magaalaan Efesoon kun eegduu mana sagadaa Arxemiisi guddittiitii fi fakkii ishee kan samii irraa buʼe sanaa taate namni hin beekne jiraa?
36 Seeing then that these things can’t be denied, you ought to be quiet and to do nothing rash.
Kanaaf waan namni dhugaa kana falmu hin jirreef isin calʼisuu qabdu; waan tokko illee jarjarsuun hojjechuu hin qabdan.
37 For you have brought these men here, who are neither robbers of temples nor blasphemers of your goddess.
Isaan mana sagadaa saamuu yookaan waaqittii keenya arrabsuu baatan illee isin jara kana as fiddaniirtu.
38 If therefore Demetrius and the craftsmen who are with him have a matter against anyone, the courts are open and there are proconsuls. Let them press charges against one another.
Kanaaf Dimeexiroosii fi ogeeyyiin isa wajjin jiran sun yoo waan ittiin nama tokko iyyuu himatan qabaatan manneen murtii banaa dha; bulchitoonni biyyaas jiru. Isaan himata qaban achitti haa dhiʼeeffatan.
39 But if you seek anything about other matters, it will be settled in the regular assembly.
Yoo wanni biraa kan isin dhiʼeeffachuu barbaaddan tokko iyyuu jiraate garuu wanni sun yaaʼii seera qabeessa irratti ilaalama.
40 For indeed we are in danger of being accused concerning today’s riot, there being no cause. Concerning it, we wouldn’t be able to give an account of this commotion.”
Nu wal gaʼii kanaaf sababii dhiʼeeffachuu dandeenyu waan hin qabneef goolii harʼa taʼe kanatti akka gaafatamnu sodaa qabna.”
41 When he had thus spoken, he dismissed the assembly.
Innis erga waan kana dubbatee booddee waldaa sana gad lakkise.

< Acts 19 >