< Psalms 71 >

1 Lord, you are the one who keeps me safe; please don't disappoint me.
Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin.
2 Save me, rescue me, because you always do what is right.
Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis; gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.
3 Please listen to me, and save me. Be my rock of protection where I can always go and hide. You gave the command to save me; for you are my rock and fortress.
Ati kattaa ani kooluu itti galu, iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi; ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, na baraaruuf ajaja kenni.
4 My God, rescue me from the power of the wicked, from the clutches of those who are evil and brutal.
Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa, qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.
5 For you, Lord God, are my hope. You are the one I have trusted since I was young.
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii; ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.
6 I have depended on you since birth; you have taken care of me from my mother's womb. That's why I'm always praising you!
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera; gadameessa haadha koo keessaas situ na baase. Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
7 My life has been like a miracle to many people, for you have been my powerful protector.
Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera; ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.
8 All day long I am full of praise for you, telling how wonderful you are!
Afaan koo guyyaa guutuu, galataa fi ulfina keetiin guutama.
9 Don't reject me now I'm getting old. When my strength is gone, please don't abandon me.
Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin; yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.
10 For my enemies are talking about me; those who want to kill me are plotting together.
Diinonni koo natti mariʼatuutii; warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.
11 They say, “God has given up on him. Let's go after him because there's no one to save him.”
Isaanis, “Waaqni isa dhiiseera; namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii faana buʼaatii qabaa” jedhu.
12 God, please don't stay away from me. My God, hurry to help me!
Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin; yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu.
13 Defeat my accusers, get rid of them! May those who want to cause me trouble be covered with shame and disgrace!
Warri na himatan qaanaʼanii haa badan; warri na miidhuu barbaadanis tuffii fi salphina haa uffatan.
14 As for me, I will go on hoping in you, and I will praise you more and more.
Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba; ittuma caalchisees sin galateeffadha.
15 I will talk about your goodness and your salvation every day, even though it's more than I can understand.
Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee, afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.
16 I will come and explain what the Lord has done. I will remind people that you alone do what is right.
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani dhufee hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa; ani qajeelummaa kee qofa labsa.
17 God, you have taught me since I was young, and I still tell others about all the wonderful things you do.
Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta; anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
18 Even though I'm old and gray, please don't abandon me, God. Let me tell the new generation about your power. Let me explain to all who are to come the great things you do.
Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee, hamma ani humna kee dhaloota kanatti, jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti, ati na hin dhiisin.
19 God, your trustworthy and true nature is higher than the highest heaven! You have done incredible things! God, who is like you?
Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa; ati waan gurguddaa hojjetteerta; yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu?
20 You had me face many troubles and plenty of misery, but you will bring me back to life; you will rise me up from the depths of the earth.
Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta; taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita, qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.
21 You will give me even greater prestige, and you will make me happy again.
Ulfina koo ni guddifta; amma illee na jajjabeessita.
22 Then I will praise you on the harp for your trustworthiness, my God. I will sing praises to you on the lyre, Holy One of Israel.
Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif, kiraaraan sin faarfadha; Yaa Qulqullicha Israaʼel ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.
23 I will shout for joy as I sing praises to you, for you have redeemed me.
Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo, lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
24 All day long I will tell about all the good things you have done, for those who tried to cause me misery have been disgraced and humiliated.
Warri na miidhuu barbaadan, waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif arrabni koo guyyaa guutuu qajeelummaa kee odeessa.

< Psalms 71 >