< Deuteronomy 33 >

1 This is the blessing with which Moses the man of God blessed the children of Israel before his death.
Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana;
2 He said, “The LORD came from Sinai, and rose from Seir to them. He shone from Mount Paran. He came from the ten thousands of holy ones. At his right hand was a fiery law for them.
innis akkana jedhe: “Waaqayyo tulluu Siinaa irraa dhufe; isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe; Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise. Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe; karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
3 Yes, he loves the people. All his saints are in your hand. They sat down at your feet. Each receives your words.
Dhugumaan situ saba jaallata; qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru. Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu; qajeelfamas sirraa argatu;
4 Moses commanded us a law, an inheritance for the assembly of Jacob.
Museen seera nuu kenneera; kunis dhaala waldaa Yaaqoob.
5 He was king in Jeshurun, when the heads of the people were gathered, all the tribes of Israel together.
Yeroo hooggantoonni sabaa gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti inni Yishuruun irratti mootii ture.
6 “Let Reuben live, and not die; Nor let his men be few.”
“Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin; yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”
7 This is for Judah. He said, “Hear, LORD, the voice of Judah. Bring him in to his people. With his hands he contended for himself. You shall be a help against his adversaries.”
Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, iyya Yihuudaa dhagaʼi; gara saba isaattis isa fidi. Inni harka ofii isaatiin of haa eegu. Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”
8 About Levi he said, “Your Thummim and your Urim are with your godly one, whom you proved at Massah, with whom you contended at the waters of Meribah.
Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe: “Tumiimii fi Uriimiin kee tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu. Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte; bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
9 He said of his father, and of his mother, ‘I have not seen him.’ He did not acknowledge his brothers, nor did he know his own children; for they have observed your word, and keep your covenant.
Waaʼee abbaa fi haadha isaas, ‘Ani isa hin argine’ jedhe. Inni obboloota isaa addaan hin baafanne; ijoollee isaas hin beekne; isaan dubbii keetiif ajajamanii kakuu kee eeganiiruutii.
10 They shall teach Jacob your ordinances, and Israel your law. They shall put incense before you, and whole burnt offering on your altar.
Inni ajaja kee Yaaqoobin, seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa. Fuula kee duratti ixaana, iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
11 LORD, bless his skills. Accept the work of his hands. Strike through the hips of those who rise up against him, of those who hate him, that they not rise again.”
Yaa Waaqayyo, ogummaa isaa hunda eebbisiif; waan harki isaa hojjetuttis gammadi. Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi; akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”
12 About Benjamin he said, “The beloved of the LORD will dwell in safety by him. He covers him all day long. He dwells between his shoulders.”
Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: “Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; inni guyyaa guutuu isa eegaatii; namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”
13 About Joseph he said, “His land is blessed by the LORD, for the precious things of the heavens, for the dew, for the deep that couches beneath,
Waaʼee Yoosef akkana jedhe: “Waaqayyo biyya isaa haa eebbisu; fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
14 for the precious things of the fruits of the sun, for the precious things that the moon can yield,
midhaan filatamaa aduun biqilchituun, waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
15 for the best things of the ancient mountains, for the precious things of the everlasting hills,
kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin, badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
16 for the precious things of the earth and its fullness, the good will of him who lived in the bush. Let this come on the head of Joseph, on the crown of the head of him who was separated from his brothers.
kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin, surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu. Isaan kunneen hundi mataa Yoosef kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
17 Majesty belongs to the firstborn of his herd. His horns are the horns of the wild ox. With them he will push all the peoples to the ends of the earth. They are the ten thousands of Ephraim. They are the thousands of Manasseh.”
Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata; gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti. Isaaniinis hamma daarii lafaatti saboota ni waraana. Isaanis kuma kurnan Efreem, akkasumas kumaatama Minaasee ti.”
18 About Zebulun he said, “Rejoice, Zebulun, in your going out; and Issachar, in your tents.
Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe: “Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin, Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
19 They will call the peoples to the mountain. There they will offer sacrifices of righteousness, for they will draw out the abundance of the seas, the hidden treasures of the sand.”
Isaan saboota gara tulluutti ni waamu; achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu; isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin, qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”
20 About Gad he said, “He who enlarges Gad is blessed. He dwells as a lioness, and tears the arm and the crown of the head.
Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe: “Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha! Gaad irree fi mataa caccabsaa akka leencaatti achi jiraata.
21 He provided the first part for himself, for the lawgiver’s portion was reserved for him. He came with the heads of the people. He executed the righteousness of the LORD, His ordinances with Israel.”
Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate; qoodni hooggantootaa isaaf turfame. Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti, inni fedhii qajeelumma Waaqayyootii fi murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”
22 About Dan he said, “Dan is a lion’s cub that leaps out of Bashan.”
Waaʼee Daanis inni akkana jedhe: “Daan akka ilmoolee leencaa kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”
23 About Naphtali he said, “Naphtali, satisfied with favor, full of the LORD’s blessing, Possess the west and the south.”
Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe: “Niftaalem surraa gonfateera; eebba Waaqayyootiinis guutameera; inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”
24 About Asher he said, “Asher is blessed with children. Let him be acceptable to his brothers. Let him dip his foot in oil.
Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe: “Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha; inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu; miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
25 Your bars will be iron and bronze. As your days, so your strength will be.
Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa; jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
26 “There is no one like God, Jeshurun, who rides on the heavens for your help, in his excellency on the skies.
“Waaqni akka Waaqa Yishuruun, kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra, surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
27 The eternal God is your dwelling place. Underneath are the everlasting arms. He thrust out the enemy from before you, and said, ‘Destroy!’
Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
28 Israel dwells in safety, the fountain of Jacob alone, In a land of grain and new wine. Yes, his heavens drop down dew.
Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata; lafa fixeensi samii itti coccophutti, biyya midhaanii fi wayinii haaraatti namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru.
29 You are happy, Israel! Who is like you, a people saved by the LORD, the shield of your help, the sword of your excellency? Your enemies will submit themselves to you. You will tread on their high places.”
Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha! Sabni Waaqayyo isa fayyise, kan akka keetii eenyu? Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti; goraadee ulfina keetiitis. Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu; ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”

< Deuteronomy 33 >