< Jeremias 29 >

1 Følgende er indholdet af det brev, profeten Jeramias sendte fra Jerusalem til de Ældste, som var tilbage blandt de bortførte, og til Præsterne og Profeterne og alt Folket, som Nebukadnezar havde ført fra Jerusalem til Babel,
Dubbiin xalayaa kan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara maanguddoota namoota boojiʼaman gidduutti hafaniittii fi lubootatti, raajotattii fi warra Nebukadnezar Yerusaalemii boojiʼee Baabilonitti geesse kaan hundatti erge sanaa kanaa dha.
2 efter at Kong Jekonja, Herskerinden, Hofmændene, Judas og Jerusalems Fyrster, Kunsthåndværkerne og Smedene havde forladt Jerusalem,
Kunis erga Yehooyaakiin mootichii fi haati isaa mootittiin, xuʼaashiiwwan, dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, ogeeyyii hojii mukaatii fi tumtuuwwan Yerusaalemii boojiʼamanii deemanii booddee taʼe.
3 ved Elasa, Sjafans Søn, og Gemarja, Hilkijas Søn, som kong Zedekias af Juda sendte til Babel, til Kong Nebukadnezar af Babel.
Innis xalayaa sana harka Eleʼaasaa ilma Shaafaaniittii fi Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti erge sanaatti kenne. Xalayaan sunis akkana jedha:
4 Så siger Hærskarers HERRE, Israels Gud, til alle de landflygtige, som jeg førte fra Jerusalem til Babel:
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha:
5 Byg Huse og bo deri, plant Haver og spis deres Frugt,
“Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
6 tag eder Hustruer og avl Sønner og Døtre, tag Hustruer til eders Sønner og bortgift eders Døtre, at de kan føde Sønner og Døtre, bliv mange der og ikke færre;
Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa.
7 og lad det Lands Vel, til hvilket jeg har ført eder, ligge eder på Sinde, og bed for det til HERREN; thi når det går det godt, går det også eder godt.
Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Waaqayyoon kadhadhaa.”
8 Thi så siger Hærskarers HERRE, Israels Gud: Lad ikke de Profeter, som er iblandt eder, eller eders Spåmænd bilde eder noget ind, og lyt ikke til de Drømme, I drømmer;
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa.
9 thi Løgn profeterer de eder i mit Navn; jeg har ikke sendt dem, lyder det fra HERREN.
Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha Waaqayyo.
10 Thi så siger HERREN: Når halvfjerdsindstyve År er gået for Babel, vil jeg se til eder og på eder opfylde min Forjættelse om at føre eder tilbage hertil.
Waaqayyo akkana jedha: “Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha.
11 Thi jeg ved, hvilke Tanker jeg tænker om eder, lyder det fra HERREN, Tanker om Fred og ikke om Ulykke, at jeg må give eder Fremtid og Håb.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.
12 Kalder I på mig, vil jeg svare eder; beder I til mig, vil jeg høre eder;
“Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa.
13 leder I efter mig, skal I finde mig; såfremt I søger mig af hele eders Hjerte,
Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
14 vil jeg lade mig finde af eder, lyder det fra HERREN, og vende eders Skæbne og sanke eder sammen fra alle de Folkeslag og alle de Steder, jeg har bortstødt eder til, lyder det fra HERREN, og føre eder tilbage til det Sted, fra hvilket jeg førte eder bort.
Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida” jedha Waaqayyo. “Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida” jedha Waaqayyo.
15 Men når I siger: "HERREN har opvakt os Profeter i Babel
Sababii isin, “Waaqayyo Baabilon keessatti raajota nuu kaaseera” jettaniif
16 Thi så siger HERREN om Kongen der sidder på Davids Trone, og om alt Folket, der bor i denne By, eders Brødre, som ikke drog. i Landflygtighed med eder,
Waaqayyo waaʼee mootii teessoo Daawit irra taaʼuutii fi waaʼee namoota magaalaa kana keessatti hafan hundaa, firoota keessan kanneen isin wajjin boojiʼamanii Baabilonitti hin geeffaminii akkana jedha;
17 så siger Hærskarers HERRE: Se, jeg sender Sværd, Hunger og Pest over dem og gør dem som de usle Figener, der er for dårlige at spise;
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga; akka isaan akkuma ija harbuu kan tortoree namni nyaachuu hin dandeenyee taʼanis isaan nan godha.
18 jeg forfølger dem med Sværd, Hunger og Pest og gør dem til Rædsel for alle Jordens Riger, til Forbandelsesord, til Gru, Spot og Spe blandt alle de Folk, jeg bortstøder dem til,
Ani goraadee, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan ariʼa; akka isaan saboota ani itti isaan ariʼe hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan sodaachisaa, waan tuffiitii fi waan fafaa taʼaniif ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti jibbisiisoo isaan nan godha.
19 til Straf fordi de ikke hørte mine Ord, lyder det fra HERREN, når jeg årle og silde sendte mine Tjenere Profeterne til dem, men de vilde ikke høre, lyder det fra HERREN.
Isaan dubbii koo, dubbii ani ammumaa amma karaa tajaajiltoota koo raajotaatiin isaanitti erge hin dhaggeeffanneetii” jedhan Waaqayyo. “Isin warri boojiʼamtanis akkasuma hin dhaggeeffanne” jedha Waaqayyo.
20 Men hør dog HERRENs Ord, alle I landflygtige, som jeg sendte fra Jerusalem til Babel!
Kanaafuu isin boojiʼamtoonni ani Yerusaalemii baasee gara Baabilonitti erge hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
21 Så siger Hærskarers HERRE, Israels Gud, om Aab, Kolajas Søn, og Zidkija, Maasejas Søn, som profeterer eder Løgn i mit Navn: Se, jeg giver dem i Kong Nebukadrezar af Babels Hånd, og han skal lade dem hugge ned for eders Øjne,
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee Ahaab ilma Qolaayaatii fi waaʼee Maʼaseyaa ilma Zedeqiyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatan sanaa akkana jedha: “Ani dabarsee Nebukadnezar mooticha Baabilonitti isaan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan fixa.
22 og de skal bruges af alle de landflygtige fra Juda i Babel til at forbande ved, idet man skal sige: "HERREN gøre med dig som med Zidkija og Aab, hvem Babels Konge lod stege i Ild!"
Sababii isaaniitiifis boojiʼamtoonni Yihuudaa warri biyya Baabilon jiraatan, ‘Waaqayyo akka Zedeqiyaatii fi akka Ahaab warra Nebukadnezar mootichi Baabilon ibiddaan gube sanaa si haa godhu!’ jedhanii wal abaaru.
23 Thi de øvede dårskab i Israel og bedrev Hor med deres Landsmænds Kvinder og talte i mit Navn løgnagtige Ord, som jeg ikke havde bedt dem at tale; jeg ved det og kan vidne det, lyder det fra HERREN.
Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa” jedha Waaqayyo.
24 Til Nehelamiten Sjemaja skal du sige:
Shemaaʼiyaa namicha Nehelaamiin akkana jedhi:
25 Så siger Hærskarers HERRE, Israels Gud: Fordi du i dit eget Navn har sendt alt Folket i Jerusalem og Præsten Zefanja, Maasejas Søn, og alle Præsterne et så lydende Brev:
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ati namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundatti, Sefaaniyaa ilma Maʼaseyaa lubichaattii fi luboota biraa hundatti maqaa keetiin xalayaa ergiteerta. Sefaaniyaanis akkana jetteerta;
26 "HERREN har gjort dig til Præst i Præsten Jojadas Sted til i HERRENs Hus at have Opsyn med alle gale og Folk i profetisk Henrykkelse, hvilke du skal lægge i Blok og Halsjern.
‘Waaqayyo akka ati mana Waaqayyoo keessatti itti gaafatamaa taatuuf iddoo Yehooyaadaa luba godhee si muudeera; ati maraatuu raajii dubbatu kam iyyuu miilla isaa jirma gidduu, morma isaa immoo hudhaa sibiilaa keessa galchitee hidhuu qabda.
27 Hvorfor skrider du da ikke ind mod Jeremias fra Anatot, der profeterer hos eder?
Yoos ati maaliif Ermiyaas namicha Anaatoot kan gidduu keessanitti raajii dubbatu sana ifachuu dhiifte ree?
28 Nu har han kunnet sende Bud til os i Babel og ladet sige: Det trækker i Langdrag! Byg Huse og bo deri, plant Haver og spis deres Frugt!"
Inni akkana jedhee dhaamsa kana gara keenya, gara Baabilonitti ergeera: Barri boojuu ni dheerata. Kanaafuu manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu illee dhaabadhaa ija isaa nyaadhaa.’”
29 Dette Brev læste Præsten Zefanja for Profeten Jeremias.
Sefaaniyaa lubichis xalayaa sana Ermiyaas raajichaaf dubbise.
30 Da kom HERRENs Ord til Jeremias således:
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
31 Send Bud til alle de landflygtige og sig: Så siger HERREN om Nehelamiten Sjemaja: Fordi Sjemaja har profeteret for eder, uden at jeg har sendt ham, og får eder til at slå Lid til Løgn,
“Ergaa kana boojiʼamtoota hundatti ergi; ‘Waaqayyo waaʼee Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa akkana jedha: Waan Shemaaʼiyaan yoo ani isa erguu baadhe iyyuu raajii isinii dubbatee akka isin soba amanattan godheef
32 derfor, så siger HERREN: Se, jeg hjemsøger Nehelamiten Sjemaja og hans Efterkommere; han skal ingen have, der bor iblandt eder og oplever den Lykke, jeg giver eder, lyder det fra HERREN, fordi han har prædiket Frafald fra HERREN.
Waaqayyo akkana jedha: ani dhugumaan Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa fi sanyii isaa nan adaba. Inni saba kana gidduutti hambaa tokko iyyuu hin qabaatu yookaan waan gaarii ani saba kootiif godhu hin argu; inni na mormuun fincila lallabeeraatii’ jedha Waaqayyo.”

< Jeremias 29 >