< Esajas 45 >

1 Så siger HERREN til sin Salvede, til Kyros, hvis højre jeg greb for at nedstyrte Folk for hans Ansigt og løsne Kongernes Gjord, for at åbne Dørene for ham, så Portene ikke var stængt:
“Waaqayyo dibamaa isaa Qiiros, kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee harka isaa mirgaa qabee akka karrawwan hin cufamneef, balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:
2 Selv går jeg frem foran dig, Hindringer jævner jeg ud; jeg sprænger Porte af Kobber og sønderhugger Slåer af Jern.
Ani fuula kee dura deemee tulluuwwan wal nan qixxeessa; karrawwan naasii nan caccabsa; danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.
3 Jeg giver dig Mulmets Skatte, Rigdomme gemt i Løn, så du kender, at den, der kaldte dig ved Navn, er mig, er HERREN, Israels Gud.
Ati akka ani Waaqayyo Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf, ani badhaadhummaa dukkana keessaa, qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.
4 For Jakobs, min Tjeners, Skyld, for min udvalgtes, Israels, Skyld kalder jeg dig ved dit Navn, ved et Æresnavn, skønt du ej kender mig.
Ati na beekuu baattu iyyuu, ani garbicha koo Yaaqoobiif, Israaʼel filatamaa kootiif jedhee maqaa keetiin si waameera; maqaa ulfinaas siif kenneera.
5 HERREN er jeg, ellers ingen, uden mig er der ingen Gud; jeg omgjorder dig, endskønt du ej kender mig,
Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru; ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru. Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;
6 så de kender fra Solens Opgang til dens Nedgang: der er ingen uden mig. HERREN er jeg, ellers ingen,
Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif. Ani Waaqayyo; ana malee tokko iyyuu hin jiru.
7 Lysets Ophav og Mørkets Skaber, Velfærds Kilde og Ulykkes Skaber: Jeg er HERREN, der virker alt.
Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma; badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma; ani Waaqayyo wantoota kanneen hunda nan godha.
8 Lad regne, I Himle deroppe, nedsend Retfærd, I Skyer, Jorden åbne sit Skød, så Frelse må spire frem og Retfærd vokse tillige. Jeg, HERREN, lader det ske.
“Yaa samiiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa; duumessoonnis gad coccobsaa. Lafti haa banamtu; fayyinni haa biqilu; qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu; ani Waaqayyo waan kana uumeera.
9 Ve den, der trættes med sit Ophav, et Skår kun blandt Skår af Jord! Siger Ler til Pottemager: "Hvad kan du lave?" hans Værk: "Du har ikke Hænder!"
“Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo. Supheen, suphee dhooftuudhaan, ‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa? Hojiin ati hojjettus, ‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?
10 Ve den, der siger til sin Fader: "Hvad kan du avle?" til sin Moder: "Hvad kan du føde?"
Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’ yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.
11 Så siger HERREN, Israels Hellige, Fremtidens Ophav: I spørger mig om mine Børn, for mine Hænders Værk vil I råde!
“Waaqayyo, Qulqullichi Israaʼel Uumaan ishee sun akkana jedha: Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis, ‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa; yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’
12 Det var mig, som dannede Jorden og skabte Mennesket på den; mine Hænder udspændte Himlen, jeg opbød al dens Hær;
Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana. Harki koo samiiwwan diriirseera; raayyaa isaanii hundas ajajeera.
13 det var mig, som vakte ham i Retfærd, jeg jævner alle hans Veje; han skal bygge min By og give mine bortførte fri ikke for Løn eller Gave, siger Hærskarers HERRE.
Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa: Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa. Inni magaalaa koo deebisee ijaara; boojiʼamtoota koos bilisa baasa; garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti, jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.”
14 Så siger HERREN: Ægyptens Løn, Ætiopiens Vinding, Sebæernes granvoksne Mænd, de skal komme og tilhøre dig, og dig skal de følge; de skal komme i Lænker og kaste sig ned for dig og bønfalde dig: "Kun hos dig er Gud, der er ingen anden Gud."
Waaqayyo akkana jedha: “Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa, namoonni dhedheeroon Saabaa, gara kee ni dhufu; kan kees ni taʼu; isaan foncaadhaan hidhamanii dugda duubaan si duukaa buʼu. Fuula kee durattis gad jedhanii ‘Dhugumaan Waaqni si wajjin jira; isa malees tokko iyyuu hin jiru; isa malees Waaqni biraa hin jiru’ jedhanii si kadhatu.”
15 Sandelig, du er en Gud, som er skjult, Israels Gud er en Frelser!
Yaa Waaqi, Fayyisaa Israaʼel, ati dhugumaan Waaqa of dhoksituu dha.
16 Skam og Skændsel bliver alle hans Fjender til Del, til Hobe går Gudemagerne om med Skændsel.
Warri waaqota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu; walii wajjinis salphina keessa buʼu.
17 Israel frelses ved HERREN, en evig Frelse, i Evighed bliver I ikke til Skam og Skændsel.
Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin Waaqayyo ni fayyifama; isin bara baraan hin qaanoftan; yookaan hin salphattan.
18 Thi så siger HERREN, Himlens Skaber, han, som er Gud, som dannede Jorden, frembragte, grundfæsted den, ej skabte den øde, men danned den til at bebos: HERREN er jeg, ellers ingen.
Waaqayyo akkana jedha; kan samiiwwan uume, inni Waaqa; inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse; inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne; inni akkana jedha; “Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru.
19 Jeg talede ikke i Løndom, i Mørkets Land, sagde ikke til Jakobs Æt: "Søg mig forgæves!" Jeg, HERREN, taler hvad ret er, forkynder, hvad sandt er.
Ani biyya dukkanaa keessaa dhoksaadhaan hin dubbanne; ani sanyiiwwan Yaaqoobiin, ‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne. Ani Waaqayyo dhugaa nan dubbadha; waan qajeelaas nan labsa.
20 Kom samlede hid, træd frem til Hobe, I Folkenes undslupne! Uvidende er de, som bærer et Billede af Træ, de, som beder til en Gud, der ikke kan frelse.
“Walitti qabamaa kottaa; isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa. Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan, kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan homaa beekumsa hin qaban.
21 Forkynd det, kom frem dermed, lad dem rådslå sammen: Hvo kundgjorde dette tilforn, forkyndte det forud? Mon ikke jeg, som er HERREN? Uden mig er der ingen Gud, uden mig er der ingen retfærdig, frelsende Gud.
Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas; isaanis walii wajjin haa mariʼatan. Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime? Duruma iyyuu eenyutu labse? Anuma Waaqayyo mitii? Ana malee Waaqni qajeelaa fi Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru; ana malee tokko illee hin jiru.
22 Vend dig til mig og bliv frelst, du vide Jord, thi Gud er jeg, ellers ingen;
“Isin warri handaara lafaa hundi, gara kootti deebiʼaatii fayyaa; ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii.
23 jeg svor ved mig selv, fra min Mund kom Sandhed, mit Ord vender ikke tilbage: Hvert Knæ skal bøjes for mig, hver Tunge sværge mig til.
Ani mataa kootiin kakadheera; afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan dubbii hin geeddaramne dubbateera; ‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata; arrabni hundis anaan kakata.’
24 "Kun hos HERREN," skal man sige, "er Retfærd og Styrke; til ham skal alle hans Avindsmænd komme med Skam."
Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Waaqayyo qofaan argama’ jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.” Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi, gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.
25 Ved HERREN når al Israels Æt til sin Ret og jubler.
Sanyiin Israaʼel hundi garuu, Waaqayyoon qajeeltota taasifamu; ni kabajamus.

< Esajas 45 >