< ՄԱՐԿՈՍ 6 >

1 Անկէ մեկնելով՝ գնաց իր բնագաւառը, եւ իր աշակերտները հետեւեցան անոր:
Yesuus achii baʼee gara magaalaa itti dhalatee dhaqe; barattoonni isaas isa wajjin dhaqan.
2 Երբ Շաբաթ օրը հասաւ, սկսաւ ժողովարանին մէջ սորվեցնել: Շատեր լսելով կ՚ապշէին ու կ՚ըսէին. «Ասիկա ուրկէ՞ ունի այս բաները. այս ի՞նչ իմաստութիւն է՝ իրեն տրուած, որ այսպիսի հրաշքներ կը գործուին իր ձեռքով:
Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali?
3 Ասիկա հիւսնը չէ՞, Մարիամի որդին, եւ Յակոբոսի, Յովսէսի, Յուդայի ու Սիմոնի եղբայրը. եւ իր քոյրերը հոս՝ մեր քով չե՞ն»: Ուստի անոր պատճառով կը գայթակղէին:
Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan.
4 Սակայն Յիսուս ըսաւ անոնց. «Մարգարէ մը առանց պատիւի չէ, բացի իր բնագաւառին, իր ազգականներուն եւ իր տան մէջ»:
Yesuus immoo, “Raajiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
5 Հոն չէր կրնար հրաշք գործել. բայց միայն քանի մը հիւանդի վրայ ձեռք դրաւ ու բուժեց զանոնք:
Innis dhukkubsattoota muraasa irra harka isaa kaaʼee fayyisuu malee hojii dinqisiisaa tokko illee achitti hojjechuu hin dandeenye.
6 Եւ անոնց անհաւատութեան վրայ կը զարմանար, ու շրջակայ գիւղերը երթալով՝ կը սորվեցնէր:
Innis amantii dhabuu isaaniitiif dinqifate. Yesuusis namoota barsiisaa ganda tokko irraa gara ganda biraatti naannaʼaa ture.
7 Իրեն կանչելով տասներկուքը՝ երկու-երկու ղրկեց զանոնք, եւ իշխանութիւն տուաւ անոնց՝ անմաքուր ոգիներուն վրայ:
Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef.
8 Պատուիրեց անոնց՝ որ ոչինչ առնեն ճամբորդութեան համար, բայց միայն գաւազան մը. ո՛չ պարկ, ո՛չ հաց, ո՛չ դրամ՝ գօտիներուն մէջ,
Akkana jedhees isaan ajaje: “Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa.
9 հապա հողաթափ հագնին: Ու ըսաւ. «Կրկին բաճկոն մի՛ հագնիք»,
Kophee kaaʼadhaa; garuu kittaa lama hin uffatinaa.
10 եւ աւելցուց. «Ո՛ր տունը որ մտնէք, հո՛ն մնացէք՝ մինչեւ որ անկէ մեկնիք:
Yeroo mana tokko seentan kam iyyuu, hamma magaalaa sanaa baatanitti manuma sana turaa.
11 Իսկ անոնք որ չեն ընդունիր ձեզ ու մտիկ չեն ըներ ձեզի, երբ անկէ մեկնիք՝ թօթուեցէ՛ք ձեր ոտքերուն ներքեւի փոշին, իբր վկայութիւն անոնց: Ճշմա՛րտապէս կը յայտարարեմ ձեզի. “Սոդոմացիներուն եւ Գոմորացիներուն աւելի՛ դիւրին պիտի ըլլայ դատաստանին օրը՝ քան այդ քաղաքին”՝՝»:
Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”
12 Անոնք ալ մեկնելով՝ կը քարոզէին, որ մարդիկ ապաշխարեն:
Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban.
13 Շատ դեւեր դուրս կը հանէին, շատ հիւանդներ իւղով կ՚օծէին ու զանոնք կը բուժէին:
Hafuurota hamoo baayʼee baasan; dhukkubsattoota baayʼees zayitii dibanii fayyisan.
14 Երբ Հերովդէս թագաւորը լսեց, (քանի որ անոր անունը յայտնի եղաւ, ) ըսաւ. «Յովհաննէս Մկրտիչ մեռելներէն յարութիւն առած է. ուստի հրաշքներ կը գործուին անով»:
Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan.
15 Ուրիշներ կ՚ըսէին. «Եղիա՛ն է», ուրիշներ ալ կ՚ըսէին. «Մարգարէ մըն է, կամ մարգարէներէն մէկուն պէս»:
Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan.
16 Բայց երբ Հերովդէս լսեց՝ ըսաւ. «Ասիկա Յովհաննէ՛սն է՝ որ ես գլխատեցի. մեռելներէն յարութիւն առած է»:
Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe.
17 Արդարեւ Հերովդէս՝ ի՛նք մարդ ղրկելով բռներ էր Յովհաննէսը, ու կապելով բանտը դրեր էր, իր եղբօր՝ Փիլիպպոսի կնոջ՝ Հերովդիայի պատճառով, քանի որ անոր հետ ամուսնացած էր.
Heroodis mataan isaa akka Yohannis qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe.
18 որովհետեւ Յովհաննէս կ՚ըսէր Հերովդէսի. «Քեզի արտօնուած չէ եղբօրդ կինը առնել»:
Yohannisis Heroodisiin, “Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti” jedhaanii tureetii.
19 Հերովդիա ոխ ունէր անոր դէմ եւ կ՚ուզէր զայն սպաննել, բայց չէր կրնար.
Kanaafuu Heroodiyaas Yohannisitti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye;
20 որովհետեւ Հերովդէս կը վախնար Յովհաննէսէ, գիտնալով թէ ան արդար ու սուրբ մարդ մըն է, եւ կը դիտէր զայն: Անկէ լսելով՝ շատ բաներ կ՚ընէր, ու հաճոյքով անոր մտիկ կ՚ընէր:
Heroodis akka Yohannis nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yohannis dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade.
21 Պատեհ օր մը եկաւ, երբ Հերովդէս իր ծնունդի տարեդարձին առիթով ընթրիք մը սարքած էր իր մեծամեծներուն, հազարապետներուն եւ Գալիլեայի գլխաւորներուն:
Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse.
22 Հերովդիայի աղջիկը՝ հանդէսին սրահը մտնելով՝ պարեց, ու հաճեցուց Հերովդէսը եւ իրեն հետ սեղան նստողները: Թագաւորը ըսաւ աղջիկին. «Խնդրէ՛ ինձմէ ի՛նչ որ կ՚ուզես, ու պիտի տամ քեզի»:
Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte. Mootichis intalattiidhaan, “Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!” jedhe.
23 Եւ անոր երդում ըրաւ՝ ըսելով. «Ի՛նչ որ խնդրես ինձմէ՝ պիտի տամ քեզի, մինչեւ թագաւորութեանս կէսը»:
Innis, “Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!” jedhee kakuudhaan waadaa galeef.
24 Ան դուրս ելլելով՝ հարցուց իր մօր. «Ի՞նչ ուզեմ»: Ան ալ ըսաւ. «Յովհաննէս Մկրտիչին գլուխը»:
Isheenis gad baatee haadha isheetiin, “Maal kadhadhu?” jette. Haati immoo, “Mataa Yohannis Cuuphaa” jettee deebifteef.
25 Իսկոյն փութալով թագաւորին քով մտաւ ու խնդրեց՝ ըսելով. «Կ՚ուզեմ որ անյապաղ, ափսէի մը վրայ, Յովհաննէս Մկրտիչին գլուխը տաս ինծի»:
Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, “Akka ati ammuma mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada” jetteen.
26 Թագաւորը չափազանց տրտմեցաւ. բայց երդումներուն եւ իրեն հետ սեղան նստողներուն պատճառով՝ չուզեց մերժել անոր խնդրանքը՝՝:
Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne.
27 Ուստի թագաւորը իսկոյն դահիճ մը ղրկեց, ու հրամայեց բերել անոր գլուխը: Ան ալ գնաց, բանտին մէջ գլխատեց զայն,
Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yohannis fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute;
28 ափսէի մը վրայ բերաւ անոր գլուխը եւ տուաւ աղջիկին. աղջիկն ալ տուաւ զայն իր մօր:
mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite.
29 Երբ անոր աշակերտները լսեցին՝ եկան, վերցուցին անոր մարմինը եւ դրին գերեզմանի մը մէջ:
Barattoonni Yohannisis waan kana dhageenyaan dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala keessa kaaʼan.
30 Առաքեալները հաւաքուեցան Յիսուսի քով ու պատմեցին անոր ամէն բան, թէ՛ ինչ որ ըրին, թէ՛ ինչ որ սորվեցուցին:
Ergamoonnis Yesuus biratti walitti qabamanii waan hojjetanii turanii fi waan barsiisanii turan hunda isatti himan.
31 Ան ալ ըսաւ անոնց. «Դո՛ւք առանձին եկէ՛ք ամայի տեղ մը, եւ հանգչեցէ՛ք քիչ մը». քանի որ շատեր կու գային ու կ՚երթային, եւ հաց ուտելու իսկ ժամանակ չէին ձգեր:
Innis, “Kophaa keessan gara iddoo namni hin jirre tokkoo kottaatii takka boqodhaa” jedheen; isaan sababii namoonni baayʼeen dhufaa, deemaas turaniif carraa itti waa nyaatan illee hin qaban tureetii.
32 Ուստի նաւով ամայի տեղ մը գացին՝ առանձին:
Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan.
33 Բազմութիւնը տեսաւ զանոնք՝ որ կ՚երթային: Շատեր ճանչցան զայն, ու ոտքով՝ բոլոր քաղաքներէն հոն վազեցին, եւ անոնցմէ առաջ հասնելով՝ անոր քով համախմբուեցան:
Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan.
34 Յիսուս, երբ դուրս ելաւ, մեծ բազմութիւն մը տեսնելով՝ գթաց անոնց վրայ, որովհետեւ հովիւ չունեցող ոչխարներու պէս էին. ու շատ բաներ սորվեցուց անոնց:
Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe.
35 Երբ շատ ժամեր անցան, իր աշակերտները եկան իրեն եւ ըսին. «Հոս ամայի տեղ մըն է, ու ժամանակը արդէն շատ ուշ է:
Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti.
36 Արձակէ՛ ժողովուրդը, որպէսզի երթան շրջակայ արտերն ու գիւղերը եւ իրենց հաց գնեն, որովհետեւ ոչինչ ունին ուտելու»:
Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi.”
37 Բայց ինք պատասխանեց անոնց. «Դո՛ւք տուէք ատոնց՝ որ ուտեն»: Ըսին իրեն. «Երթանք գնե՞նք երկու հարիւր դահեկանի հաց ու տա՞նք ատոնց՝ որ ուտեն»:
Inni garuu, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise. Isaanis, “Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?” jedhaniin.
38 Ըսաւ անոնց. «Քանի՞ նկանակ ունիք. գացէ՛ք՝ նայեցէ՛ք»: Երբ գիտցան՝ ըսին. «Հինգ, եւ երկու ձուկ»:
Innis, “Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” jedheen. Isaanis yommuu arganitti, “Buddeena shanii fi qurxummii lama” jedhan.
39 Հրամայեց անոնց, որ բոլորը կանաչ խոտին վրայ՝ խումբ-խումբ նստեցնեն.
Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje.
40 ու նստան՝ հարիւրական եւ յիսունական շարքերով:
Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan.
41 Հինգ նկանակներն ու երկու ձուկերը առաւ, դէպի երկինք նայելով՝ օրհնեց, մանրեց նկանակները եւ տուաւ իր աշակերտներուն, որպէսզի հրամցնեն անոնց. երկու ձուկերն ալ բաժնեց բոլորին:
Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode.
42 Բոլորը կերան, կշտացան,
Isaan hundi nyaatanii quufan;
43 եւ վերցնելով բեկորներն ու ձուկերը՝ տասներկու կողով լեցուցին:
barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
44 Այդ նկանակներէն ուտողները՝ հինգ հազարի չափ այր մարդիկ էին:
Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.
45 Իսկոյն իր աշակերտները հարկադրեց՝ որ նաւ մտնեն, ու իրմէ առաջ անցնին միւս եզերքը՝ Բեթսայիդա, մինչ ինք կ՚արձակէր բազմութիւնը:
Yesuus yommusuma akka barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gara Beetisayidaatti darbaniif isaan dirqisiise.
46 Եւ անոնցմէ հրաժեշտ առնելէ ետք՝ լեռը գնաց աղօթելու:
Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf gaaratti ol baʼe.
47 Երբ իրիկուն եղաւ, նաւը ծովուն մէջտեղն էր, իսկ ինք ցամաքին վրայ էր՝ մինակ:
Yommuu galgalaaʼettis bidiruun sun galaana walakkaa ture; Yesuus immoo kophaa isaa lafa irra ture.
48 Տեսաւ զանոնք՝ որ կը տանջուէին թի վարելով, որովհետեւ հովը իրենց հակառակ էր: Գիշերուան չորրորդ պահուն ատենները՝ ծովուն վրայ քալելով գնաց անոնց, եւ կ՚ուզէր անցնիլ անոնց քովէն:
Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate;
49 Երբ անոնք տեսան՝ որ ծովուն վրայ կը քալէր, կարծեցին թէ աչքի երեւոյթ մըն է. ուստի աղաղակեցին,
isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan;
50 քանի որ բոլորն ալ տեսան զայն ու վրդովեցան: Եւ ինք իսկոյն խօսեցաւ անոնց հետ ու ըսաւ անոնց. «Քաջալերուեցէ՛ք, ե՛ս եմ, մի՛ վախնաք»:
isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii. Inni immoo, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee yommusuma isaanitti dubbate.
51 Եւ նաւ ելաւ անոնց քով, ու հովը դադրեցաւ: Անոնք իրենք իրենց մէջ չափազանց զմայլած էին եւ կը զարմանային,
Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan;
52 որովհետեւ նկանակներուն հրաշքն իսկ չէին նկատած՝ քանի իրենց սիրտը թմրած էր:
isaan waaʼee buddeennan sanaa hin hubanneetii; mata jabeeyyiis turan.
53 Միւս կողմը անցնելով՝ հասան Գեննեսարէթի երկիրը, ու նաւը տեղաւորեցին:
Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan; bidiruu sanas achitti hidhan.
54 Երբ նաւէն ելան՝ այդ տեղի մարդիկը իսկոյն ճանչցան զայն,
Akkuma isaan bidiruu irraa buʼaniinis namoonni Yesuusin beekan.
55 եւ ամբողջ շրջակայքը հոս-հոն վազելով՝ սկսան մահիճներով ախտաւորներ բերել հո՛ն՝ ո՛ւր կը լսէին թէ կը գտնուէր:
Namoonni sunis biyya sana guutuu keessa asii fi achi fiiganii iddoo Yesuus achi jira jechuu dhagaʼan hundumatti dhukkubsattoota sireedhaan baatanii fiduu jalqaban.
56 Ո՛ւր որ մտնէր, գիւղերը, քաղաքները կամ արտերը, հրապարակներուն վրայ կը դնէին հիւանդները, ու կ՚աղաչէին իրեն՝ որ գոնէ իր հանդերձին քղանցքին դպչին: Եւ անոնք որ դպան՝ բժշկուեցան:
Iddoo inni dhaqe kam illee jechuunis gandoota, magaalaawwan yookaan baadiyyaa hundatti warra dhukkubsatan fidanii lafa gabaa kaaʼan. Isaanis akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaaruma wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.

< ՄԱՐԿՈՍ 6 >