< ՅՈՎՀԱՆՆՈԻ 20 >

1 Մէկշաբթի օրը՝ Մարիամ Մագդաղենացին, առտուն՝ դեռ չլուսցած՝ կ՚երթայ գերեզման, եւ կը տեսնէ թէ քարը վերցուած է գերեզմանին դռնէն:
Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalaa dhaqxee akka dhagaan afaan awwaala sanaa irraa fuudhame argite.
2 Ուստի կը վազէ՝ կու գայ Սիմոն Պետրոսի, ու միւս աշակերտին՝ որ Յիսուս կը սիրէր, եւ կ՚ըսէ անոնց. «Վերցուցած են Տէրը գերեզմանէն, ու չենք գիտեր ո՛ւր դրած են զայն»:
Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Yesuus isa jaallate sanaa dhaqxee, “Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!” jetteen.
3 Ուրեմն Պետրոս եւ միւս աշակերտը մեկնեցան, ու կ՚երթային դէպի գերեզմանը:
Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara awwaalichaa dhaqan.
4 Երկուքն ալ կը վազէին միասին. սակայն միւս աշակերտը՝ Պետրոսէն աւելի արագ վազելով՝ անկէ առաջ հասաւ գերեզմանը,
Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo awwaalaa sana gaʼe.
5 ծռելով նայեցաւ, եւ տեսաւ թէ լաթերը դրուած էին հոն. բայց ներս չմտաւ:
Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee awwaalicha keessa hin seenne.
6 Սիմոն Պետրոս ալ՝ որ կը հետեւէր անոր՝ հասաւ, մտաւ գերեզմանը, ու տեսաւ լաթերը՝ որոնք դրուած էին հոն.
Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee awwaalicha keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge;
7 իսկ վարշամակը՝ որ անոր գլուխն էր՝ միւս լաթերուն հետ դրուած չէր, հապա ծալուած՝ զա՛տ տեղ մըն էր:
akkanumas huccuu mataa Yesuusitti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre.
8 Այն ատեն միւս աշակերտն ալ՝ որ աւելի առաջ եկած էր գերեզմանը՝ ներս մտաւ, տեսաւ եւ հաւատաց:
Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane.
9 Որովհետեւ դեռ չէին գիտեր գրուածը, թէ պէտք է որ ան յարութիւն առնէ մեռելներէն:
Isaan akka Yesuus warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
10 Ուստի աշակերտները վերադարձան իրենց տունը:
Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan.
11 Բայց Մարիամ կայնած էր գերեզմանին դուրսը, եւ կու լար: Մինչ կու լար, ծռեցաւ դէպի գերեզմանը՝ նայելու,
Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte;
12 ու տեսաւ երկու հրեշտակներ՝ ճերմակ հանդերձներով, որ նստած էին հո՛ն՝ ուր Յիսուսի մարմինը դրուած էր, մէկը գլուխին կողմը, եւ միւսը՝ ոտքին:
isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
13 Անոնք ըսին իրեն. «Կի՛ն, ինչո՞ւ կու լաս»: Ըսաւ անոնց. «Որովհետեւ վերցուցած են իմ Տէրս գերեզմանէն, ու չեմ գիտեր ո՛ւր դրած են զայն»:
Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin. Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku” jetteen.
14 Երբ ըսաւ ասիկա՝ ետեւ դարձաւ, եւ տեսաւ Յիսուսը՝ որ կայնած էր, ու չէր գիտեր թէ Յիսուսն է:
Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Yesuusin isaa achi dhaabatu argite; garuu Yesuus taʼuu isaa hin beekne.
15 Յիսուս ըսաւ անոր. «Կի՛ն, ինչո՞ւ կու լաս, ո՞վ կը փնտռես»: Ինք՝ կարծելով թէ ան պարտիզպանն է, ըսաւ անոր. «Տէ՛ր, եթէ դո՛ւն տեղափոխեցիր զայն, ըսէ՛ ինծի՝ ո՞ւր դրիր զայն, որպէսզի վերցնեմ զայն»:
Yesuusis, “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?” jedheen. Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, “Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen.
16 Յիսուս ըսաւ անոր. «Մարիա՛մ»: Ան ալ դարձաւ եւ ըսաւ անոր (եբրայերէն). «Ռաբբունի՛», որ ըսել է՝ Վարդապետ:
Yesuusis, “Maariyaam!” jedheen. Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” jetteen. Hiikkaan isaas “Barsiisaa” jechuu dha.
17 Յիսուս ըսաւ անոր. «Մի՛ դպչիր ինծի, որովհետեւ դեռ բարձրացած չեմ Հօրս քով. հապա գնա՛ եղբայրներուս եւ ըսէ՛ անոնց. “Ես կը բարձրանամ իմ Հօրս քով ու ձեր Հօր քով, իմ Աստուծոյս քով եւ ձեր Աստուծոյն քով”»:
Yesuus immoo, “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
18 Մարիամ Մագդաղենացին գնաց, ու պատմեց աշակերտներուն թէ ինք տեսաւ Տէրը, եւ թէ ա՛ն ըսաւ իրեն այս բաները:
Maariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, “Ani Gooftaa argeera!” jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.
19 Նոյն օրը, Մէկշաբթի իրիկուն, աշակերտներուն հաւաքուած տեղին դռները գոց էին՝ քանի որ կը վախնային Հրեաներէն: Յիսուս եկաւ, կայնեցաւ անոնց մէջտեղ եւ ըսաւ անոնց. «Խաղաղութի՜ւն ձեզի»:
Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
20 Ասիկա ըսելով՝ ցուցուց անոնց իր ձեռքերն ու կողը. աշակերտներն ալ ուրախացան՝ երբ տեսան Տէրը:
Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
21 Յիսուս դարձեալ ըսաւ անոնց. «Խաղաղութի՜ւն ձեզի. ինչպէս Հայրը ղրկեց զիս, ես ալ կը ղրկեմ ձեզ»:
Yesuus amma illee, “Nagaan isiniif haa taʼu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga” jedheen.
22 Ասիկա ըսելով՝ փչեց անոնց վրայ եւ ըսաւ անոնց. «Ընդունեցէ՛ք Սուրբ Հոգին:
Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa.
23 Որո՛նց մեղքերը որ ներէք՝ ներուած ըլլան անոնց, եւ որո՛նց մեղքերը որ պահէք՝ պահուած ըլլան»:
Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu.”
24 Բայց տասներկուքէն մէկը, Երկուորեակ կոչուած Թովմաս, անոնց հետ չէր՝ երբ Յիսուս եկաւ:
Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre.
25 Ուրեմն միւս աշակերտները ըսին անոր. «Տէ՛րը տեսանք»: Ան ալ ըսաւ անոնց. «Պիտի չհաւատամ, եթէ չտեսնեմ գամերուն տիպը՝ իր ձեռքերուն վրայ, ու չմխեմ մատս գամերուն տիպին մէջ, եւ չմխեմ ձեռքս անոր կողին մէջ»:
Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan. Inni garuu, “Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu” jedheen.
26 Ութ օր ետք՝ դարձեալ աշակերտները ներսն էին, Թովմաս ալ՝ անոնց հետ: Յիսուս եկաւ՝ թէպէտ դռները գոց էին, կայնեցաւ անոնց մէջտեղ եւ ըսաւ. «Խաղաղութի՜ւն ձեզի»:
Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedheen.
27 Յետոյ ըսաւ Թովմասի. «Հո՛ս բեր մատդ ու տե՛ս ձեռքերս, բե՛ր ձեռքդ եւ մխէ՛ կողիս մէջ, ու մի՛ ըլլար անհաւատ, հապա՝ հաւատացեալ»:
Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
28 Թովմաս պատասխանեց անոր. «Իմ Տէ՜րս եւ Աստուա՜ծս»:
Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Waaqa koo!” jedheen.
29 Յիսուս ըսաւ անոր. «Դուն հաւատացիր՝ որովհետեւ տեսար զիս. երանի՜ անոնց որ կը հաւատան՝ առանց տեսնելու»:
Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
30 Յիսուս ըրաւ ուրիշ բազմաթիւ նշաններ ալ իր աշակերտներուն առջեւ, որոնք գրուած չեն այս գիրքին մէջ:
Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete.
31 Բայց ասոնք գրուեցան, որպէսզի հաւատաք թէ Յիսուս՝ Քրիստոսն է, Աստուծոյ Որդին, եւ հաւատալով կեանք ունենաք՝ անոր անունով:
Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

< ՅՈՎՀԱՆՆՈԻ 20 >