< ԳՈՐԾՔ ԱՌԱՔԵԼՈՑ 20 >

1 Աղմուկին դադրելէն ետք՝ Պօղոս իրեն կանչեց աշակերտները, ու բարեւելով զանոնք՝ մեկնեցաւ որ Մակեդոնիա երթայ:
Phaawulos erga gooliin qabbanaaʼee booddee barattoota waamsisee isaan jajjabeesse; “Nagaatti” isaaniin jedhees Maqedooniyaa dhaquuf kaʼe.
2 Այդ վայրերը շրջելէ եւ շատ խօսքերով զանոնք յորդորելէ ետք՝ Յունաստան գնաց,
Innis dubbii nama jajjabeessu baayʼee uummatatti dubbachaa naannoo sana keessa darbee dhuma irratti Giriik gaʼe;
3 ու երեք ամիս հոն կեցաւ: Երբ պիտի նաւարկէր դէպի Սուրիա՝ Հրեաները դաւադրեցին իրեն դէմ. ուստի որոշեց վերադառնալ՝ Մակեդոնիայէն անցնելով:
achis jiʼa sadii ture. Akkuma inni dooniin Sooriyaa dhaquuf kaʼeenis sababii Yihuudoonni isatti malataniif karaa Maqedooniyaatiin deebiʼuuf kutate.
4 Բերիացի (Պիռոսի որդին) Սոպատրոս՝ մինչեւ Ասիա իրեն հետ գնաց, նաեւ Թեսաղոնիկեցիներէն՝ Արիստարքոս ու Սեկունդոս, Գայիոս Դերբացին, Տիմոթէոս, իսկ Ասիայէն՝ Տիւքիկոս եւ Տրոփիմոս:
Beeriyaadhaa Soophaaxroos ilma Phiiyiroos, Tasaloniiqeedhaa Arisxirokoosii fi Sekunduus, Darbeenii immoo Gaayoos isa wajjin deeman; akkasumas Xiimotewos, biyya Asiyaatii immoo Xikiqoosii fi Xiroofiimoos isa wajjin deeman.
5 Ասոնք նախապէս գացին ու Տրովադայի մէջ սպասեցին մեզի:
Namoonni kunneen nu dura darbanii Xirooʼaasitti nu eegan.
6 Մենք ալ՝ Բաղարջակերքի օրերէն ետք՝ Փիլիպպէէն նաւարկեցինք, հինգ օրուան մէջ հասանք Տրովադա՝ անոնց քով, ու հոն կեցանք եօթը օր:
Ayyaana Maxinoo booddee garuu Fiiliphisiyuusii dooniin kaanee bultii shan booddee warra kaan wajjin Xirooʼaasitti wal arganne; achis guyyaa torba turre.
7 Մէկշաբթի օրը, երբ հաւաքուած էինք՝՝ հաց կտրելու, Պօղոս կը քարոզէր անոնց, որովհետեւ հետեւեալ օրը պիտի մեկնէր. ու խօսքը երկարեց մինչեւ կէս գիշեր:
Nus guyyaa jalqaba torban sanaatti buddeena caccabsuuf jennee walitti qabamne; Phaawulos namootatti haasaʼe. Innis waan guyyaa itti aanutti deemuu barbaadeef hamma halkan walakkaatti haasaa dheeresse.
8 Շատ լապտերներ կային այն վերնատունը՝ ուր մենք հաւաքուած էինք:
Gulantaa darbii iddoo nu itti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu ture.
9 Երիտասարդ մը՝ Եւտիքոս անունով, որ պատուհանին մէջ նստած էր, մտաւ խորունկ քունի մէջ: Երբ Պօղոս երկարեց քարոզը, ան՝ տարուած քունէն՝ ինկաւ երրորդ յարկէն վար, ու մեռած վերցուցին զայն:
Dargaggeessi Awuxekiis jedhamu tokkos foddaa irra taaʼaa ture; yommuu Phaawulos haasaa dheeressettis hirribni cimaan isa fudhate; utuu hirribaan of wallaalee jiruus darbii sadaffaa irraa kufe; isaanis reeffa isaa lafaa fuudhan.
10 Պօղոս վար իջաւ, ինկաւ անոր վրայ, գրկեց զայն եւ ըսաւ. «Մի՛ վրդովիք, որովհետեւ անոր հոգին իր մէջն է»:
Phaawulosis gad buʼee dargaggeessa sana irratti gombifamee isa hammachuudhaan, “Lubbuun keessa jirtiitii hin rifatinaa!” jedhe.
11 Ուստի՝ երբ վեր ելաւ՝ կտրեց հացը, ճաշակեց, ու երկար խօսեցաւ՝ մինչեւ առտու. յետոյ մեկնեցաւ:
Innis darbii sanatti ol deebiʼee buddeena caccabsee nyaate; hamma lafti bariituttis yeroo dheeraa isaan wajjin haasaʼe achii deeme.
12 Իսկ այդ պատանին ողջ բերին, եւ չափազանց մխիթարուեցան:
Namoonnis dargaggeessa sana jiraataa taʼee manatti geessan; baayʼees ni jajjabaatan.
13 Իսկ մենք՝ նախապէս նաւ մտնելով՝ մեկնեցանք դէպի Ասոս, ուրկէ պիտի առնէինք Պօղոսը, որովհետեւ ա՛յդպէս պատուիրած էր. քանի որ ինք պիտի երթար ցամաքով:
Nus Phaawulosin achii fuudhuuf jennee duraan dursinee gara doonii dhaqnee dooniidhaan Asoositti qajeelle; Phaawulos miillaan deemuuf jedhee ofuma isaatii waan kana karoorfatee tureetii.
14 Երբ Ասոսի մէջ միացաւ մեզի, առինք զինք եւ գացինք Միտիլինէ:
Asoosittis isaan wal arginee dooniidhaan Miixiiliinitti dabarre.
15 Անկէ ալ նաւարկելով՝ հետեւեալ օրը հասանք Քիոսի դիմաց. միւս օրը հասանք Սամոս, ու գիշերը մնալով Տրոգիլիոն՝ յաջորդ օրը գացինք Միլետոս:
Guyyaa itti aanuttis dooniin achii kaanee fuullee Kiiyos geenye; guyyaa tokko booddees Saamoositti baane; guyyaa itti aanu immoo Miilexoos geenye.
16 Արդարեւ Պօղոս որոշած էր նաւարկել Եփեսոսի քովէն, որովհետեւ չէր ուզեր ժամանակ անցընել Ասիայի մէջ, քանի որ կ՚աճապարէր Երուսաղէմ ըլլալ Պենտեկոստէի օրը՝ եթէ կարելի ըլլար իրեն:
Phaawulosis yoo dandaʼameef waan guyyaa Pheenxeqoosxeetiin Yerusaalem gaʼuuf ariifateef akka biyya Asiyaa keessatti yeroon isa duraa hin dhumneef jedhee dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuu murteeffatee ture.
17 Ուստի Միլետոսէն մարդ ղրկեց Եփեսոս, ու կանչեց եկեղեցիին երէցները:
Innis Miilexoosii Efesoonitti nama ergee jaarsolii waldaa kiristaanaa ofitti waamsise.
18 Երբ եկան իր քով, ըսաւ անոնց. «Դուք գիտէ՛ք թէ ի՛նչպէս վարուեցայ ձեզի հետ ամբողջ ժամանակը, առաջին օրէն ի վեր երբ Ասիա եկայ,
Isaan gara isaa dhufnaan akkana jedheen; “Ani gaafan biyya Asiyaa dhufe kan duraatii jalqabee yeroon isin wajjin jiraachaa ture sana hunda haala akkam keessa akka ani jiraachaa ture isin mataan keessan iyyuu beektu.
19 ծառայելով Տէրոջ լման խոնարհութեամբ, եւ շատ արցունքով ու փորձութիւններով՝ որոնք պատահեցան ինծի Հրեաներուն դաւադրութիւններով.
Ani yoon mala Yihuudootaatiin akka malee qorame illee gad of qabiisa guddaa fi imimmaaniin Gooftaa tajaajileera.
20 ի՛նչպէս չընկրկեցայ օգտակար բաներէն որեւէ մէկը հաղորդելէ եւ սորվեցնելէ ձեզի՝ հրապարակաւ ու տուներու մէջ,
Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu.
21 վկայելով թէ՛ Հրեաներուն եւ թէ Յոյներուն՝ դէպի Աստուած ապաշխարութեան ու մեր Տէրոջ՝ Յիսուս Քրիստոսի հանդէպ հաւատքին մասին:
Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera.
22 Եւ հիմա ահա՛ կ՚երթամ Երուսաղէմ՝ հոգիով կապուած, ու չեմ գիտեր թէ հոն ի՛նչ պիտի պատահի ինծի.
“Ammas ani utuu waan achitti narra gaʼuuf jiru hin beekin Hafuuraan dirqamee Yerusaalem dhaquuttin jira.
23 սակայն Սուրբ Հոգին կը վկայէ ամէն քաղաքի մէջ, եւ կ՚ըսէ թէ կապեր ու տառապանքներ կը սպասեն ինծի:
Hafuurri Qulqulluun immoo akka hidhamuu fi rakkachuun na eeggatu magaalaa hunda keessatti dhugaa naa baʼa.
24 Բայց ես ո՛չ մէկ բան կը հաշուեմ, ո՛չ ալ ինծի համար պատուական կը նկատեմ՝՝ իմ անձս, որպէսզի ուրախութեամբ աւարտեմ ընթացքս, նաեւ այն սպասարկութիւնը որ ստացայ Տէր Յիսուսէն՝ վկայ ըլլալու Աստուծոյ շնորհքի աւետարանին:
Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
25 Ու հիմա ահա՛ ես գիտեմ թէ դուք բոլորդ՝ որոնց մէջ շրջեցայ Աստուծոյ թագաւորութիւնը քարոզելով, ա՛լ իմ երեսս պիտի չտեսնէք:
“Ani akka isin warra ani keessa nanaannaʼee mootummaa Waaqaa lallabe kanneen keessaa namni tokko iyyuu lammata na hin argine nan beeka.
26 Ուստի այսօր կը վկայեմ ձեզի թէ ես անպարտ եմ բոլորին արիւնէն.
Kanaafuu ani dhiiga nama hundaa irraa qulqulluu taʼuu koo harʼa isinitti nan hima.
27 որովհետեւ չընկրկեցայ Աստուծոյ ամբողջ ծրագիրը հաղորդելէ ձեզի:
Ani fedhii Waaqaa hunda isinitti himuu irraa of hin qusanneetii.
28 Ուրեմն ուշադի՛ր եղէք դուք ձեզի եւ ամբողջ հօտին, որուն վրայ Սուրբ Հոգին տեսուչ դրաւ ձեզ՝ հովուելու Աստուծոյ եկեղեցին, որ ստացաւ իր արիւնով:
Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa.
29 Քանի որ գիտեմ թէ իմ մեկնումէս ետք՝ ձեր մէջ պիտի մտնեն յափշտակող գայլեր, որոնք պիտի չխնայեն հօտին:
Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka.
30 Ու ձեզմէ ալ պիտի ելլեն այնպիսի՛ մարդիկ, որոնք պիտի խօսին խոտոր բաներ՝ քաշելու համար աշակերտները իրենց ետեւէն:
Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu.
31 Ուստի արթո՛ւն կեցէք, եւ յիշեցէ՛ք թէ երեք տարի, գիշեր ու ցերեկ, չդադրեցայ ձեզմէ իւրաքանչիւրը արցունքով խրատելէ:
Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.
32 Եւ հիմա, եղբայրնե՛ր, կը յանձնեմ ձեզ Աստուծոյ ու անոր շնորհքի խօսքին, որ կարող է շինել եւ ձեզի ժառանգութիւն տալ՝ բոլոր սրբացածներուն հետ:
“Ani amma Waaqatti, akkasumas dubbii ayyaana isaa kan isin ijaaruu dandaʼuu fi kan warra qulqullaaʼan hunda keessatti dhaala isinii kennuu dandaʼu sanatti isinin kennadha.
33 Ո՛չ մէկուն արծաթին, կամ ոսկիին, կամ պատմուճանին ցանկացի:
Ani meetii yookaan warqee yookaan uffata nama tokkoo iyyuu hin kajeelle.
34 Դուք ձեզմէ գիտէք թէ այս ձեռքե՛րս հոգացին իմ ու ինծի հետ եղողներուն կարիքները:
Akka ani harkuma koo kanaan hojjedhee waan naa fi warra na wajjin jiraniif barbaachisu argamsiise isin mataan keessan iyyuu ni beektu.
35 Ամէն բան ցոյց տուի ձեզի, թէ ա՛յսպէս պէտք է աշխատիլ եւ օգնել տկարներուն, ու յիշել Տէր Յիսուսի խօսքը՝ որ ի՛նք ըսաւ. “Աւելի՛ երանելի է տա՛լը՝ քան ստանալը”»:
Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”
36 Երբ այսպէս խօսեցաւ, ծնրադրեց եւ բոլորին հետ աղօթեց:
Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Waaqa kadhate.
37 Բոլորն ալ շատ լացին, ու Պօղոսի վիզին վրայ իյնալով՝ համբուրեցին զայն:
Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan.
38 Կը մորմոքէին մա՛նաւանդ այն խօսքին համար, որ ըսաւ թէ ա՛լ պիտի չտեսնէին իր երեսը: Եւ ուղեկցեցան անոր մինչեւ նաւը:
Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan.

< ԳՈՐԾՔ ԱՌԱՔԵԼՈՑ 20 >