< ԱՌԱՋԻՆ ՅՈՎՀԱՆՆՈՒ 2 >

1 Որդեակնե՛րս, կը գրեմ ձեզի այս բաները՝ որպէսզի չմեղանչէք. իսկ եթէ մէկը մեղանչէ, Հօրը քով ունինք Բարեխօս մը՝ Յիսուս Քրիստոս արդարը:
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
2 Ա՛ն է մեր մեղքերուն քաւութիւնը. եւ ո՛չ միայն մեր, այլ նաեւ ամբողջ աշխարհի մեղքերուն:
Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
3 Եթէ պահենք անոր պատուիրանները, ասո՛վ կը գիտնանք թէ կը ճանչնանք զայն:
Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna.
4 Ո՛վ որ կ՚ըսէ. «Ես կը ճանչնամ զայն», բայց չի պահեր անոր պատուիրանները, ստախօս է, եւ իր մէջ ճշմարտութիւն չկայ:
Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru.
5 Բայց ո՛վ որ կը պահէ անոր խօսքը, Աստուծոյ սէրը ի՛րապէս կատարեալ է իր մէջ. ասո՛վ կը գիտնանք թէ անոր մէջ ենք:
Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna;
6 Ո՛վ որ կ՚ըսէ թէ կը բնակի անոր մէջ, պարտաւոր է ընթանալ ա՛յնպէս՝ ինչպէս ա՛ն ընթացաւ:
namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
7 Եղբայրնե՛ր, կը գրեմ ձեզի ո՛չ թէ նոր պատուիրան մը, հապա հին պատուիրան մը՝ որ սկիզբէն ունէիք: Հին պատուիրանը այն խօսքն է՝ որ դուք սկիզբէն լսեցիք:
Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana.
8 Դարձեալ՝ կը գրեմ ձեզի նոր պատուիրան մը, որ ճշմարիտ է անոր մէջ եւ ձեր մէջ. որովհետեւ խաւարը կ՚անցնի ու ճշմարիտ լոյսը արդէն կը փայլի:
Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.
9 Ա՛ն որ կ՚ըսէ թէ լոյսի մէջ է եւ կ՚ատէ իր եղբայրը, տակաւին խաւարի մէջ է:
Namni ani ifa keessa jira ofiin jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu amma illee dukkana keessa jira.
10 Ա՛ն որ կը սիրէ իր եղբայրը, կը բնակի լոյսի մէջ, ու գայթակղութիւն չկայ իր մէջ:
Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru.
11 Բայց ա՛ն որ կ՚ատէ իր եղբայրը՝ խաւարի մէջ է, խաւարի մէջ կը քալէ եւ չի գիտեր թէ ո՛ւր կ՚երթայ, որովհետեւ խաւարը կուրցուցած է իր աչքերը:
Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira; dukkanuma keessa jiraatas; inni waan dukkanni sun isa jaamseef gara itti adeemu hin beeku.
12 Կը գրեմ ձեզի, որդեակնե՛ր, որովհետեւ ձեր մեղքերը ներուած են ձեզի՝ անոր անունին համար:
Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.
13 Կը գրեմ ձեզի, հայրե՛ր, որովհետեւ դուք ճանչցաք ա՛ն՝ որ սկիզբէն է: Կը գրեմ ձեզի, երիտասարդնե՛ր, որովհետեւ դուք յաղթեցիք Չարին:
Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif ani isiniifin barreessa. Yaa dargaggoota, isin waan isa hamaa sana moʼattaniif, ani isiniifin barreessa.
14 Գրեցի ձեզի, զաւակնե՛ր, որովհետեւ դուք ճանչցաք Հայրը: Գրեցի ձեզի, հայրե՛ր, որովհետեւ դուք ճանչցաք ա՛ն՝ որ սկիզբէն է: Գրեցի ձեզի, երիտասարդնե՛ր, որովհետեւ դուք ուժեղ էք, եւ Աստուծոյ խօսքը կը բնակի ձեր մէջ, ու յաղթեցիք Չարին:
Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif, ani isiniifin barreessa. Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif, ani isiniifin barreessa. Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif, waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf, waan isa hamaa sanas moʼattaniif, ani isiniifin barreessa.
15 Մի՛ սիրէք աշխարհը, ո՛չ ալ ինչ որ աշխարհի մէջ է:
Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.
16 Եթէ մէկը կը սիրէ աշխարհը, Հօրը սէրը չկայ իր մէջ. որովհետեւ ամէն ինչ որ աշխարհի մէջ է՝ մարմինի ցանկութիւնը, աչքերու ցանկութիւնը եւ այս կեանքին ամբարտաւանութիւնը՝ Հօրմէն չէ, հապա այս աշխարհէն է:
Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
17 Աշխա՛րհն ալ կ՚անցնի, անոր ցանկութիւնն ալ. բայց ա՛ն որ կը գործադրէ Աստուծոյ կամքը՝ կը մնայ յաւիտեան: (aiōn g165)
Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata. (aiōn g165)
18 Զաւակնե՛ր, վերջին ժամն է. եւ ինչպէս լսեցիք թէ Նեռը պիտի գայ, արդէ՛ն շատ նեռեր կան. ատկէ կը գիտնանք թէ վերջին ժամն է:
Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna.
19 Անոնք մեր մէջէն ելան, բայց մեզմէ չէին. որովհետեւ եթէ ըլլային մեզմէ, կը մնային մեզի հետ: Բայց մեզմէ ելան, որպէսզի բացայայտուի թէ անոնք բոլորն ալ մեզմէ չէին:
Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.
20 Սակայն դուք օծութիւն ունիք Սուրբէն, ու գիտէք ամէն բան:
Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu.
21 Չգրեցի ձեզի՝ որպէս թէ չէք գիտեր ճշմարտութիւնը, հապա՝ որովհետեւ գիտէ՛ք զայն, եւ քանի որ սուտը ճշմարտութենէն չէ:
Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti.
22 Ո՞վ է ստախօսը, եթէ ոչ ա՛ն՝ որ կ՚ուրանայ թէ Յիսուս՝ Քրիստո՛սն է. նեռը ա՛ն է՝ որ կ՚ուրանայ Հայրն ու Որդին:
Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana.
23 Ո՛վ որ կ՚ուրանայ Որդին, անիկա Հա՛յրն ալ չունի. (բայց ա՛ն որ կը դաւանի Որդին, անիկա Հա՛յրն ալ ունի: )
Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
24 Ուրեմն ի՛նչ որ լսեցիք սկիզբէն՝ թող բնակի ձեր մէջ. եթէ ձեր մէջ բնակի ի՛նչ որ սկիզբէն լսեցիք, դո՛ւք ալ պիտի բնակիք Որդիին մէջ ու Հօրը մէջ:
Wanni isin jalqabaa kaaftanii dhageessan sun isin keessa haa jiraatu. Yoo wanni jalqabaa kaaftanii dhageessan isin keessa jiraate, isinis Ilmaa fi Abbaadhaan ni jiraattu.
25 Եւ սա՛ է այն խոստումը՝ որ ինք տուաւ ձեզի, այսինքն՝ յաւիտենական կեանքը: (aiōnios g166)
Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti. (aiōnios g166)
26 Գրեցի ձեզի այս բաները՝ ձեզ մոլորեցնողներուն համար:
Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa.
27 Այն օծութիւնը որ ստացաք իրմէ՝ կը բնակի ձեր մէջ. ուստի պէտք չկայ որ մէկը սորվեցնէ ձեզի: Իսկ քանի որ այդ նոյն օծութիւնը կը սորվեցնէ ձեզի ամէն բան, ու ճշմարիտ է եւ ո՛չ թէ սուտ, ի՛ր մէջ բնակեցէք՝ ի՛նչպէս ան սորվեցուց ձեզի:
Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.
28 Ուրեմն հիմա, որդեակնե՛ր, բնակեցէ՛ք իր մէջ, որպէսզի երբ ինք երեւնայ՝ համարձակութիւն ունենանք, ու չամչնանք իրմէ իր գալուստին ատենը:
Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.
29 Եթէ գիտէք թէ ինք արդար է, կ՚ըմբռնէք թէ ո՛վ որ արդարութիւն կը գործէ՝ իրմէ ծնած է:
Isin yoo akka inni qajeelaa taʼe beektan, akka namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu isa irraa dhalate ni beektu.

< ԱՌԱՋԻՆ ՅՈՎՀԱՆՆՈՒ 2 >