< اَلْمَزَامِيرُ 32 >

لِدَاوُدَ. قَصِيدَةٌ طُوبَى لِلَّذِي غُفِرَ إِثْمُهُ وَسُتِرَتْ خَطِيَّتُهُ. ١ 1
Faarfannaa Daawit. Maskiil. Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha.
طُوبَى لِرَجُلٍ لَا يَحْسِبُ لَهُ ٱلرَّبُّ خَطِيَّةً، وَلَا فِي رُوحِهِ غِشٌّ. ٢ 2
Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha.
لَمَّا سَكَتُّ بَلِيَتْ عِظَامِي مِنْ زَفِيرِي ٱلْيَوْمَ كُلَّهُ، ٣ 3
Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin, lafeen koo ni bosose.
لِأَنَّ يَدَكَ ثَقُلَتْ عَلَيَّ نَهَارًا وَلَيْلًا. تَحَوَّلَتْ رُطُوبَتِي إِلَى يُبُوسَةِ ٱلْقَيْظِ. سِلَاهْ. ٤ 4
Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.
أَعْتَرِفُ لَكَ بِخَطِيَّتِي وَلَا أَكْتُمُ إِثْمِي. قُلْتُ: «أَعْتَرِفُ لِلرَّبِّ بِذَنْبِي» وَأَنْتَ رَفَعْتَ أَثَامَ خَطِيَّتِي. سِلَاهْ. ٥ 5
Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
لِهَذَا يُصَلِّي لَكَ كُلُّ تَقِيٍّ فِي وَقْتٍ يَجِدُكَ فِيهِ. عِنْدَ غَمَارَةِ ٱلْمِيَاهِ ٱلْكَثِيرَةِ إِيَّاهُ لَا تُصِيبُ. ٦ 6
Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.
أَنْتَ سِتْرٌ لِي. مِنَ ٱلضِّيقِ تَحْفَظُنِي. بِتَرَنُّمِ ٱلنَّجَاةِ تَكْتَنِفُنِي. سِلَاهْ. ٧ 7
Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
«أُعَلِّمُكَ وَأُرْشِدُكَ ٱلطَّرِيقَ ٱلَّتِي تَسْلُكُهَا. أَنْصَحُكَ. عَيْنِي عَلَيْكَ. ٨ 8
Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.
لَا تَكُونُوا كَفَرَسٍ أَوْ بَغْلٍ بِلَا فَهْمٍ. بِلِجَامٍ وَزِمَامٍ زِينَتِهِ يُكَمُّ لِئَلَّا يَدْنُوَ إِلَيْكَ». ٩ 9
Isin akka farda yookaan gaangoo hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee gara kee hin dhufan.
كَثِيرَةٌ هِيَ نَكَبَاتُ ٱلشِّرِّيرِ، أَمَّا ٱلْمُتَوَكِّلُ عَلَى ٱلرَّبِّ فَٱلرَّحْمَةُ تُحِيطُ بِهِ. ١٠ 10
Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa.
ٱفْرَحُوا بِٱلرَّبِّ وَٱبْتَهِجُوا يَا أَيُّهَا ٱلصِّدِّيقُونَ، وَٱهْتِفُوا يَا جَمِيعَ ٱلْمُسْتَقِيمِي ٱلْقُلُوبِ. ١١ 11
Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.

< اَلْمَزَامِيرُ 32 >