< اَلْمَزَامِيرُ 133 >

تَرْنِيمَةُ ٱلْمَصَاعِدِ. لِدَاوُدَ هُوَذَا مَا أَحْسَنَ وَمَا أَجْمَلَ أَنْ يَسْكُنَ ٱلْإِخْوَةُ مَعًا! ١ 1
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
مِثْلُ ٱلدُّهْنِ ٱلطَّيِّبِ عَلَى ٱلرَّأْسِ، ٱلنَّازِلِ عَلَى ٱللِّحْيَةِ، لِحْيَةِ هَارُونَ، ٱلنَّازِلِ إِلَى طَرَفِ ثِيَابِهِ. ٢ 2
Kun akka zayitii gatii guddaa kan mataa irratti dhangalaafamee, akka isa areeda irra gad yaaʼuu, areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.
مِثْلُ نَدَى حَرْمُونَ ٱلنَّازِلِ عَلَى جَبَلِ صِهْيَوْنَ. لِأَنَّهُ هُنَاكَ أَمَرَ ٱلرَّبُّ بِٱلْبَرَكَةِ، حَيَاةٍ إِلَى ٱلْأَبَدِ. ٣ 3
Innis akkuma fixeensa Hermoon, kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa, jireenyas ajajeeraatii.

< اَلْمَزَامِيرُ 133 >