< اَلْمَزَامِيرُ 106 >

هَلِّلُويَا. اِحْمَدُوا ٱلرَّبَّ لِأَنَّهُ صَالِحٌ، لِأَنَّ إِلَى ٱلْأَبَدِ رَحْمَتَهُ. ١ 1
Haalleluuyaa. Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
مَنْ يَتَكَلَّمُ بِجَبَرُوتِ ٱلرَّبِّ؟ مَنْ يُخْبِرُ بِكُلِّ تَسَابِيحِهِ؟ ٢ 2
Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu, yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
طُوبَى لِلْحَافِظِينَ ٱلْحَقَّ وَلِلصَّانِعِ ٱلْبِرَّ فِي كُلِّ حِينٍ. ٣ 3
Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
ٱذْكُرْنِي يَارَبُّ بِرِضَا شَعْبِكَ. تَعَهَّدْنِي بِخَلَاصِكَ، ٤ 4
Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu; yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
لِأَرَى خَيْرَ مُخْتَارِيكَ. لِأَفْرَحَ بِفَرَحِ أُمَّتِكَ. لِأَفْتَخِرَ مَعَ مِيرَاثِكَ. ٥ 5
akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
أَخْطَأْنَا مَعَ آبَائِنَا. أَسَأْنَا وَأَذْنَبْنَا. ٦ 6
Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
آبَاؤُنَا فِي مِصْرَ لَمْ يَفْهَمُوا عَجَائِبَكَ. لَمْ يَذْكُرُوا كَثْرَةَ مَرَاحِمِكَ، فَتَمَرَّدُوا عِنْدَ ٱلْبَحْرِ، عِنْدَ بَحْرِ سُوفٍ. ٧ 7
Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti, dinqii kee hin hubanne; baayʼina araara keetiis hin yaadanne; isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
فَخَلَّصَهُمْ مِنْ أَجْلِ ٱسْمِهِ، لِيُعَرِّفَ بِجَبَرُوتِهِ. ٨ 8
Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf, maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
وَٱنْتَهَرَ بَحْرَ سُوفٍ فَيَبِسَ، وَسَيَّرَهُمْ فِي ٱللُّجَجِ كَٱلْبَرِّيَّةِ. ٩ 9
Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge; akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
وَخَلَّصَهُمْ مِنْ يَدِ ٱلْمُبْغِضِ، وَفَدَاهُمْ مِنْ يَدِ ٱلْعَدُوِّ. ١٠ 10
Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase; humna diinaa jalaas isaan fure.
وَغَطَّتِ ٱلْمِيَاهُ مُضَايِقِيهِمْ. وَاحِدٌ مِنْهُمْ لَمْ يَبْقَ. ١١ 11
Bishaanonni diinota isaanii liqimsan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
فَآمَنُوا بِكَلَامِهِ. غَنَّوْا بِتَسْبِيحِهِ. ١٢ 12
Ergasii isaan dubbii isaa amananii faarfannaadhaan isa galateeffatan.
أَسْرَعُوا فَنَسُوا أَعْمَالَهُ. لَمْ يَنْتَظِرُوا مَشُورَتَهُ. ١٣ 13
Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne.
بَلِ ٱشْتَهَوْا شَهْوَةً فِي ٱلْبَرِّيَّةِ، وَجَرَّبُوا ٱللهَ فِي ٱلْقَفْرِ. ١٤ 14
Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
فَأَعْطَاهُمْ سُؤْلَهُمْ، وَأَرْسَلَ هُزَالًا فِي أَنْفُسِهِمْ. ١٥ 15
Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
وَحَسَدُوا مُوسَى فِي ٱلْمَحَلَّةِ، وَهارُونَ قُدُّوسَ ٱلرَّبِّ. ١٦ 16
Isaan qubata keessatti Musee fi Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
فَتَحَتِ ٱلْأَرْضُ وَٱبْتَلَعَتْ دَاثَانَ، وَطَبَقَتْ عَلَى جَمَاعَةِ أَبِيرَامَ، ١٧ 17
Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite; garee Abiiraamis gad fudhatte.
وَٱشْتَعَلَتْ نَارٌ فِي جَمَاعَتِهِمْ. ٱللَّهِيبُ أَحْرَقَ ٱلْأَشْرَارَ. ١٨ 18
Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe; arrabni ibiddaas hamoota fixe.
صَنَعُوا عِجْلًا فِي حُورِيبَ، وَسَجَدُوا لِتِمْثَالٍ مَسْبُوكٍ، ١٩ 19
Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan; fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
وَأَبْدَلُوا مَجْدَهُمْ بِمِثَالِ ثَوْرٍ آكِلِ عُشْبٍ. ٢٠ 20
Isa Ulfina isaanii taʼe sana, fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
نَسُوا ٱللهَ مُخَلِّصَهُمُ، ٱلصَّانِعَ عَظَائِمَ فِي مِصْرَ، ٢١ 21
Waaqa isaan fayyise, isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
وَعَجَائِبَ فِي أَرْضِ حَامٍ، وَمَخَاوِفَ عَلَى بَحْرِ سُوفٍ، ٢٢ 22
Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete, hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
فَقَالَ بِإِهْلَاكِهِمْ. لَوْلَا مُوسَى مُخْتَارُهُ وَقَفَ فِي ٱلثَّغْرِ قُدَّامَهُ لِيَصْرِفَ غَضَبَهُ عَنْ إِتْلَافِهِمْ. ٢٣ 23
Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
وَرَذَلُوا ٱلْأَرْضَ ٱلشَّهِيَّةَ. لَمْ يُؤْمِنُوا بِكَلِمَتِهِ. ٢٤ 24
Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan; waadaa Waaqni gales hin amanne.
بَلْ تَمَرْمَرُوا فِي خِيَامِهِمْ. لَمْ يَسْمَعُوا لِصَوْتِ ٱلرَّبِّ، ٢٥ 25
Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; Waaqayyoofis hin ajajamne.
فَرَفَعَ يَدَهُ عَلَيْهِمْ لِيُسْقِطَهُمْ فِي ٱلْبَرِّيَّةِ، ٢٦ 26
Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
وَلِيُسْقِطَ نَسْلَهُمْ بَيْنَ ٱلْأُمَمِ، وَلِيُبَدِّدَهُمْ فِي ٱلْأَرَاضِي. ٢٧ 27
sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu, biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
وَتَعَلَّقُوا بِبَعْلِ فَغُورَ، وَأَكَلُوا ذَبَائِحَ ٱلْمَوْتَى. ٢٨ 28
Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
وَأَغَاظُوهُ بِأَعْمَالِهِمْ فَٱقْتَحَمَهُمُ ٱلْوَبَأُ. ٢٩ 29
Hojii isaanii hamaa sanaan Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan; dhaʼichis isaan irra buʼe.
فَوَقَفَ فِينَحَاسُ وَدَانَ، فَٱمْتَنَعَ ٱلْوَبَأُ. ٣٠ 30
Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan dhaʼichi sun dhaabate.
فَحُسِبَ لَهُ ذَلِكَ بِرًّا إِلَى دَوْرٍ فَدَوْرٍ، إِلَى ٱلْأَبَدِ. ٣١ 31
Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, akka qajeelummaatti isaaf herregame.
وَأَسْخَطُوهُ عَلَى مَاءِ مَرِيبَةَ حَتَّى تَأَذَّى مُوسَى بِسَبَبِهِمْ. ٣٢ 32
Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan. Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
لِأَنَّهُمْ أَمَرُّوا رُوحَهُ حَتَّى فَرَطَ بِشَفَتَيْهِ. ٣٣ 33
sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
لَمْ يَسْتَأْصِلُوا ٱلْأُمَمَ ٱلَّذِينَ قَالَ لَهُمُ ٱلرَّبُّ عَنْهُمْ، ٣٤ 34
Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti, saboota hin balleessine;
بَلِ ٱخْتَلَطُوا بِٱلْأُمَمِ وَتَعَلَّمُوا أَعْمَالَهُمْ. ٣٥ 35
isaan garuu ormootatti makamanii duudhaa isaanii baratan.
وَعَبَدُوا أَصْنَامَهُمْ، فَصَارَتْ لَهُمْ شَرَكًا. ٣٦ 36
Waaqota isaanii tolfamoo, kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
وَذَبَحُوا بَنِيهِمْ وَبَنَاتِهِمْ لِلْأَوْثَانِ. ٣٧ 37
Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
وَأَهْرَقُوا دَمًا زَكِيًّا، دَمَ بَنِيهِمْ وَبَنَاتِهِمِ ٱلَّذِينَ ذَبَحُوهُمْ لِأَصْنَامِ كَنْعَانَ، وَتَدَنَّسَتِ ٱلْأَرْضُ بِٱلدِّمَاءِ. ٣٨ 38
Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
وَتَنَجَّسُوا بِأَعْمَالِهِمْ وَزَنَوْا بِأَفْعَالِهِمْ. ٣٩ 39
Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
فَحَمِيَ غَضَبُ ٱلرَّبِّ عَلَى شَعْبِهِ، وَكَرِهَ مِيرَاثَهُ. ٤٠ 40
Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare; handhuuraa isaas ni balfe.
وَأَسْلَمَهُمْ لِيَدِ ٱلْأُمَمِ، وَتَسَلَّطَ عَلَيْهِمْ مُبْغِضُوهُمْ. ٤١ 41
Inni dabarsee ormootatti isaan kenne; amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
وَضَغَطَهُمْ أَعْدَاؤُهُمْ، فَذَلُّوا تَحْتَ يَدِهِمْ. ٤٢ 42
Diinonni isaanii isaan cunqursan; humna isaanii jalas isaan galfatan.
مَرَّاتٍ كَثِيرَةً أَنْقَذَهُمْ، أَمَّا هُمْ فَعَصَوْهُ بِمَشُورَتِهِمْ وَٱنْحَطُّوا بِإِثْمِهِمْ. ٤٣ 43
Inni yeroo baayʼee isaan baraare; isaan garuu ittuma fufanii fincilan; ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
فَنَظَرَ إِلَى ضِيقِهِمْ إِذْ سَمِعَ صُرَاخَهُمْ. ٤٤ 44
Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti, rakkina isaanii hubate;
وَذَكَرَ لَهُمْ عَهْدَهُ، وَنَدِمَ حَسَبَ كَثْرَةِ رَحْمَتِهِ. ٤٥ 45
isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate; sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
وَأَعْطَاهُمْ نِعْمَةً قُدَّامَ كُلِّ ٱلَّذِينَ سَبَوْهُمْ. ٤٦ 46
Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu garaa isaaniif laafaniif godhe.
خَلِّصْنَا أَيُّهَا ٱلرَّبُّ إِلَهُنَا، وَٱجْمَعْنَا مِنْ بَيْنِ ٱلْأُمَمِ، لِنَحْمَدَ ٱسْمَ قُدْسِكَ، وَنَتَفَاخَرَ بِتَسْبِيحِكَ. ٤٧ 47
Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, ormoota keessaa walitti nu qabi.
مُبَارَكٌ ٱلرَّبُّ إِلَهُ إِسْرَائِيلَ مِنَ ٱلْأَزَلِ وَإِلَى ٱلْأَبَدِ. وَيَقُولُ كُلُّ ٱلشَّعْبِ: «آمِينَ». هَلِّلُويَا. ٤٨ 48
Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif, bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu. Haalleluuyaa!

< اَلْمَزَامِيرُ 106 >