< اَلتَّكْوِينُ 9 >

وَبَارَكَ ٱللهُ نُوحًا وَبَنِيهِ وَقَالَ لَهُمْ: «أَثْمِرُوا وَٱكْثُرُوا وَٱمْلَأُوا ٱلْأَرْضَ. ١ 1
Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa.
وَلْتَكُنْ خَشْيَتُكُمْ وَرَهْبَتُكُمْ عَلَى كُلِّ حَيَوَانَاتِ ٱلْأَرْضِ وَكُلِّ طُيُورِ ٱلسَّمَاءِ، مَعَ كُلِّ مَا يَدِبُّ عَلَى ٱلْأَرْضِ، وَكُلِّ أَسْمَاكِ ٱلْبَحْرِ. قَدْ دُفِعَتْ إِلَى أَيْدِيكُمْ. ٢ 2
Sodaachisuu fi naasisuun keessan bineensota lafaa hundumaa fi simbirroota samii hundumaa, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa fi qurxummiiwwan galaanaa hundumaa irra haa buʼu; isaan harka keessanitti kennamaniiru.
كُلُّ دَابَّةٍ حَيَّةٍ تَكُونُ لَكُمْ طَعَامًا. كَٱلْعُشْبِ ٱلْأَخْضَرِ دَفَعْتُ إِلَيْكُمُ ٱلْجَمِيعَ. ٣ 3
Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna.
غَيْرَ أَنَّ لَحْمًا بِحَيَاتِهِ، دَمِهِ، لَا تَأْكُلُوهُ. ٤ 4
“Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa.
وَأَطْلُبُ أَنَا دَمَكُمْ لِأَنْفُسِكُمْ فَقَطْ. مِنْ يَدِ كُلِّ حَيَوَانٍ أَطْلُبُهُ. وَمِنْ يَدِ ٱلْإِنْسَانِ أَطْلُبُ نَفْسَ ٱلْإِنْسَانِ، مِنْ يَدِ ٱلْإِنْسَانِ أَخِيهِ. ٥ 5
Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.
سَافِكُ دَمِ ٱلْإِنْسَانِ بِٱلْإِنْسَانِ يُسْفَكُ دَمُهُ. لِأَنَّ ٱللهَ عَلَى صُورَتِهِ عَمِلَ ٱلْإِنْسَانَ. ٦ 6
“Nama dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama; Waaqni bifa Waaqaatiin nama uumeetii.
فَأَثْمِرُوا أَنْتُمْ وَٱكْثُرُوا وَتَوَالَدُوا فِي ٱلْأَرْضِ وَتَكَاثَرُوا فِيهَا». ٧ 7
Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa.”
وَكَلَّمَ ٱللهُ نُوحًا وَبَنِيهِ مَعهُ قَائِلًا: ٨ 8
Ergasii Waaqni Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe;
«وَهَا أَنَا مُقِيمٌ مِيثَاقِي مَعَكُمْ وَمَعَ نَسْلِكُمْ مِنْ بَعْدِكُمْ، ٩ 9
“Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa.
وَمَعَ كُلِّ ذَوَاتِ ٱلْأَنْفُسِ ٱلْحَيَّةِ ٱلَّتِي مَعَكُمْ: ٱلطُّيُورِ وَٱلْبَهَائِمِ وَكُلِّ وُحُوشِ ٱلْأَرْضِ ٱلَّتِي مَعَكُمْ، مِنْ جَمِيعِ ٱلْخَارِجِينَ مِنَ ٱلْفُلْكِ حَتَّى كُلُّ حَيَوَانِ ٱلْأَرْضِ. ١٠ 10
Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa.
أُقِيمُ مِيثَاقِي مَعَكُمْ فَلَا يَنْقَرِضُ كُلُّ ذِي جَسَدٍ أَيْضًا بِمِيَاهِ ٱلطُّوفَانِ. وَلَا يَكُونُ أَيْضًا طُوفَانٌ لِيُخْرِبَ ٱلْأَرْضَ». ١١ 11
Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa.”
وَقَالَ ٱللهُ: «هَذِهِ عَلَامَةُ ٱلْمِيثَاقِ ٱلَّذِي أَنَا وَاضِعُهُ بَيْنِي وَبَيْنَكُمْ، وَبَيْنَ كُلِّ ذَوَاتِ ٱلْأَنْفُسِ ٱلْحَيَّةِ ٱلَّتِي مَعَكُمْ إِلَى أَجْيَالِ ٱلدَّهْرِ: ١٢ 12
Waaqni akkana jedhe; “Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha.
وَضَعْتُ قَوْسِي فِي ٱلسَّحَابِ فَتَكُونُ عَلَامَةَ مِيثَاقٍ بَيْنِي وَبَيْنَ ٱلْأَرْضِ. ١٣ 13
Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
فَيَكُونُ مَتَى أَنْشُرْ سَحَابًا عَلَى ٱلْأَرْضِ، وَتَظْهَرِ ٱلْقَوْسُ فِي ٱلسَّحَابِ، ١٤ 14
Yeroo ani lafa irratti duumessa fidee sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti,
أَنِّي أَذْكُرُ مِيثَاقِي ٱلَّذِي بَيْنِي وَبَيْنَكُمْ وَبَيْنَ كُلِّ نَفْسٍ حَيَّةٍ فِي كُلِّ جَسَدٍ. فَلَا تَكُونُ أَيْضًا ٱلْمِيَاهُ طُوفَانًا لِتُهْلِكَ كُلَّ ذِي جَسَدٍ. ١٥ 15
ani kakuu koo kan ofii kootii fi isin gidduu, uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa gidduus jiru sana nan yaadadha. Bishaanonnis deebiʼanii lubbuu hunda balleessuuf gonkumaa bishaan badiisaa hin taʼan.
فَمَتَى كَانَتِ ٱلْقَوْسُ فِي ٱلسَّحَابِ، أُبْصِرُهَا لِأَذْكُرَ مِيثَاقًا أَبَدِيًّا بَيْنَ ٱللهِ وَبَيْنَ كُلِّ نَفْسٍ حَيَّةٍ فِي كُلِّ جَسَدٍ عَلَى ٱلْأَرْضِ». ١٦ 16
Yeroo sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, ani isa ilaalee kakuu bara baraa kan Waaqaa fi uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa kanneen lafa irra jiraatan gidduu jiru sana nan yaadadha.”
وَقَالَ ٱللهُ لِنُوحٍ: «هَذِهِ عَلَامَةُ ٱلْمِيثَاقِ ٱلَّذِي أَنَا أَقَمْتُهُ بَيْنِي وَبَيْنَ كُلِّ ذِي جَسَدٍ عَلَى ٱلْأَرْضِ». ١٧ 17
Kanaafuu Waaqni Nohiin, “Kun mallattoo kakuu ani ofii kootii fi lubbuu lafa irra jiraatu hunda gidduu dhaabe sanaa ti” jedhe.
وَكَانَ بَنُو نُوحٍ ٱلَّذِينَ خَرَجُوا مِنَ ٱلْفُلْكِ سَامًا وَحَامًا وَيَافَثَ. وَحَامٌ هُوَ أَبُو كَنْعَانَ. ١٨ 18
Ilmaan Nohi warri doonii keessaa baʼan Seem, Haamii fi Yaafet turan. Haam abbaa Kanaʼaanii ti.
هَؤُلَاءِ ٱلثَّلَاثَةُ هُمْ بَنُو نُوحٍ. وَمِنْ هَؤُلَاءِ تَشَعَّبَتْ كُلُّ ٱلْأَرْضِ. ١٩ 19
Ilmaan Nohi jara kana sadan turan; sanyiin namaa kan lafa hunda irra bittinneeffames isaanuma irraa argame.
وَٱبْتَدَأَ نُوحٌ يَكُونُ فَلَّاحًا وَغَرَسَ كَرْمًا. ٢٠ 20
Nohi qonnaan bulaa taʼee wayinii dhaabuutti nama jalqabaa ture.
وَشَرِبَ مِنَ ٱلْخَمْرِ فَسَكِرَ وَتَعَرَّى دَاخِلَ خِبَائِهِ. ٢١ 21
Innis daadhii wayinii sanaa dhugee machaaʼe; qullaa isaas dunkaana isaa keessa ciise.
فَأَبْصَرَ حَامٌ أَبُو كَنْعَانَ عَوْرَةَ أَبِيهِ، وَأَخْبَرَ أَخَوَيْهِ خَارِجًا. ٢٢ 22
Haam abbaan Kanaʼaan qullaa abbaa isaa argee obboloota isaa lamaan ala turanitti hime.
فَأَخَذَ سَامٌ وَيَافَثُ ٱلرِّدَاءَ وَوَضَعَاهُ عَلَى أَكْتَافِهِمَا وَمَشَيَا إِلَى ٱلْوَرَاءِ، وَسَتَرَا عَوْرَةَ أَبِيهِمَا وَوَجْهَاهُمَا إِلَى ٱلْوَرَاءِ. فَلَمْ يُبْصِرَا عَوْرَةَ أَبِيهِمَا. ٢٣ 23
Seemii fi Yaafeti garuu wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii dugda duubaan deemanii qullaa abbaa isaaniitti uffisan. Waan fuulli isaanii achi garagalee tureef isaan qullaa abbaa isaanii hin argine.
فَلَمَّا ٱسْتَيْقَظَ نُوحٌ مِنْ خَمْرِهِ، عَلِمَ مَا فَعَلَ بِهِ ٱبْنُهُ ٱلصَّغِيرُ، ٢٤ 24
Nohis yeroo machiin isaa irraa galetti waan ilmi isaa inni xinnaan isatti hojjete beekee
فَقَالَ: «مَلْعُونٌ كَنْعَانُ! عَبْدَ ٱلْعَبِيدِ يَكُونُ لإِخْوَتِهِ». ٢٥ 25
akkana jedhe; “Kanaʼaan abaaramaa haa taʼu! Inni obboloota isaatiif garba garbootaa haa taʼu.”
وَقَالَ: «مُبَارَكٌ ٱلرَّبُّ إِلَهُ سَامٍ. وَلْيَكُنْ كَنْعَانُ عَبْدًا لَهُمْ. ٢٦ 26
Akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni Seem haa eebbifamu! Kanaʼaan immoo garbicha Seem haa taʼu.
لِيَفْتَحِ ٱللهُ لِيَافَثَ فَيَسْكُنَ فِي مَسَاكِنِ سَامٍ، وَلْيَكُنْ كَنْعَانُ عَبْدًا لَهُمْ». ٢٧ 27
Waaqni biyya Yaafet haa balʼisu; Yaafet dunkaanota Seem keessa haa jiraatu; Kanaʼaan immoo garbicha isaa haa taʼu.”
وَعَاشَ نُوحٌ بَعْدَ ٱلطُّوفَانِ ثَلَاثَ مِئَةٍ وَخَمْسِينَ سَنَةً. ٢٨ 28
Bishaan badiisaa booddee Nohi waggaa 350 jiraate.
فَكَانَتْ كُلُّ أَيَّامِ نُوحٍ تِسْعَ مِئَةٍ وَخَمْسِينَ سَنَةً، وَمَاتَ. ٢٩ 29
Walumatti Nohi waggaa 950 jiraatee duʼe.

< اَلتَّكْوِينُ 9 >