< اَلتَّكْوِينُ 15 >

بَعْدَ هَذِهِ ٱلْأُمُورِ صَارَ كَلَامُ ٱلرَّبِّ إِلَى أَبْرَامَ فِي ٱلرُّؤْيَا قَائِلًا: «لَا تَخَفْ يَا أَبْرَامُ. أَنَا تُرْسٌ لَكَ. أَجْرُكَ كَثِيرٌ جِدًّا». ١ 1
Kana booddee dubbiin Waaqayyoo mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe; “Yaa Abraam hin sodaatin; ani gaachana keetii fi gatii kee guddicha.”
فَقَالَ أَبْرَامُ: «أَيُّهَا ٱلسَّيِّدُ ٱلرَّبُّ، مَاذَا تُعْطِينِي وَأَنَا مَاضٍ عَقِيمًا، وَمَالِكُ بَيْتِي هُوَ أَلِيعَازَرُ ٱلدِّمَشْقِيُّ؟» ٢ 2
Abraam garuu, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?” jedhe.
وَقَالَ أَبْرَامُ أَيْضًا: «إِنَّكَ لَمْ تُعْطِنِي نَسْلًا، وَهُوَذَا ٱبْنُ بَيْتِي وَارِثٌ لِي». ٣ 3
Abraam, “Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira” jedhe.
فَإِذَا كَلَامُ ٱلرَّبِّ إِلَيْهِ قَائِلًا: «لَا يَرِثُكَ هَذَا، بَلِ ٱلَّذِي يَخْرُجُ مِنْ أَحْشَائِكَ هُوَ يَرِثُكَ». ٤ 4
Kunoo dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu” jedhe.
ثُمَّ أَخْرَجَهُ إِلَى خَارِجٍ وَقَالَ: «ٱنْظُرْ إِلَى ٱلسَّمَاءِ وَعُدَّ ٱلنُّجُومَ إِنِ ٱسْتَطَعْتَ أَنْ تَعُدَّهَا». وَقَالَ لَهُ: «هَكَذَا يَكُونُ نَسْلُكَ». ٥ 5
Innis Abraamin gad baasee, “Samiiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi” jedhe. Itti fufees, “Sanyiin kees akkanuma baayʼata” jedheen.
فَآمَنَ بِٱلرَّبِّ فَحَسِبَهُ لَهُ بِرًّا. ٦ 6
Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.
وَقَالَ لَهُ: «أَنَا ٱلرَّبُّ ٱلَّذِي أَخْرَجَكَ مِنْ أُورِ ٱلْكَلْدَانِيِّينَ لِيُعْطِيَكَ هَذِهِ ٱلْأَرْضَ لِتَرِثَهَا». ٧ 7
Innis, “Ani Waaqayyo isa akka ati ishee dhaaltuuf biyya kana siif kennuuf jedhee Uuri biyya Kaldootaa keessaa si baasee dha” jedheen.
فَقَالَ: «أَيُّهَا ٱلسَّيِّدُ ٱلرَّبُّ، بِمَاذَا أَعْلَمُ أَنِّي أَرِثُهَا؟» ٨ 8
Abraam garuu, “Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ani biyya kana dhaaluu koo akkamittin beeka?” jedhe.
فَقَالَ لَهُ: «خُذْ لِي عِجْلَةً ثُلَاثِيَّةً، وَعَنْزَةً ثُلَاثِيَّةً، وَكَبْشًا ثُلَاثِيًّا، وَيَمَامَةً وَحَمَامَةً». ٩ 9
Kanaafuu Waaqayyo, “Goromsa tokko, reʼee tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii waggaa sadii sadii guutan, akkasumas gugee tokkoo fi gugee sookkee tokko naa fidi” jedheen.
فَأَخَذَ هَذِهِ كُلَّهَا وَشَقَّهَا مِنَ ٱلْوَسَطِ، وَجَعَلَ شِقَّ كُلِّ وَاحِدٍ مُقَابِلَ صَاحِبِهِ. وَأَمَّا ٱلطَّيْرُ فَلَمْ يَشُقَّهُ. ١٠ 10
Abraamis warra kana hunda gara isaatti fidee, qixxee lamaanitti kukkute; warra qixxee lamaanitti kukkutamanis gamaa gamana kaaʼe; simbirroota garuu qixxee lamaanitti hin kukkunne.
فَنَزَلَتِ ٱلْجَوَارِحُ عَلَى ٱلْجُثَثِ، وَكَانَ أَبْرَامُ يَزْجُرُهَا. ١١ 11
Ergasii allaattiin foon sanatti gad buute; Abraam garuu irraa ariʼe.
وَلَمَّا صَارَتِ ٱلشَّمْسُ إِلَى ٱلْمَغِيبِ، وَقَعَ عَلَى أَبْرَامَ سُبَاتٌ، وَإِذَا رُعْبَةٌ مُظْلِمَةٌ عَظِيمَةٌ وَاقِعَةٌ عَلَيْهِ. ١٢ 12
Utuma aduun dhiʼaa jirtuu hirribni guddaan Abraamin qabe; kunoo dukkanni guddaanii fi sodaachisaan isa irra buʼe.
فَقَالَ لِأَبْرَامَ: «ٱعْلَمْ يَقِينًا أَنَّ نَسْلَكَ سَيَكُونُ غَرِيبًا فِي أَرْضٍ لَيْسَتْ لَهُمْ، وَيُسْتَعْبَدُونَ لَهُمْ. فَيُذِلُّونَهُمْ أَرْبَعَ مِئَةِ سَنَةٍ. ١٣ 13
Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki.
ثُمَّ ٱلْأُمَّةُ ٱلَّتِي يُسْتَعْبَدُونَ لَهَا أَنَا أَدِينُهَا، وَبَعْدَ ذَلِكَ يَخْرُجُونَ بِأَمْلَاكٍ جَزِيلَةٍ. ١٤ 14
Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu.
وَأَمَّا أَنْتَ فَتَمْضِي إِلَى آبَائِكَ بِسَلَامٍ وَتُدْفَنُ بِشَيْبَةٍ صَالِحَةٍ. ١٥ 15
Ati garuu nagaan gara abbootii keetii dhaqxa; bara dheeraas jiraattee awwaalamta.
وَفِي ٱلْجِيلِ ٱلرَّابِعِ يَرْجِعُونَ إِلَى هَهُنَا، لِأَنَّ ذَنْبَ ٱلْأَمُورِيِّينَ لَيْسَ إِلَى ٱلْآنَ كَامِلًا». ١٦ 16
Sanyiin kee dhaloota afuraffaatti as deebiʼa; cubbuun Amoorotaa amma iyyuu hin guunneetii.”
ثُمَّ غَابَتِ ٱلشَّمْسُ فَصَارَتِ ٱلْعَتَمَةُ، وَإِذَا تَنُّورُ دُخَانٍ وَمِصْبَاحُ نَارٍ يَجُوزُ بَيْنَ تِلْكَ ٱلْقِطَعِ. ١٧ 17
Yommuu aduun lixxee dukkanaaʼettis kunoo barbadaan ibiddaa aaru guca tokko wajjin mulʼatee foon kukkutame sana gidduu darbe.
فِي ذَلِكَ ٱلْيَوْمِ قَطَعَ ٱلرَّبُّ مَعَ أَبْرَامَ مِيثَاقًا قَائِلًا: «لِنَسْلِكَ أُعْطِي هَذِهِ ٱلْأَرْضَ، مِنْ نَهْرِ مِصْرَ إِلَى ٱلنَّهْرِ ٱلْكَبِيرِ، نَهْرِ ٱلْفُرَاتِ. ١٨ 18
Gaafa sanas Waaqayyo akkana jedhee Abraam wajjin kakuu gale; “Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna;
ٱلْقِينِيِّينَ وَٱلْقَنِزِّيِّينَ وَٱلْقَدْمُونِيِّينَ ١٩ 19
kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas,
وَٱلْحِثِّيِّينَ وَٱلْفَرِزِّيِّينَ وَٱلرَّفَائِيِّينَ ٢٠ 20
kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa,
وَٱلْأَمُورِيِّينَ وَٱلْكَنْعَانِيِّينَ وَٱلْجِرْجَاشِيِّينَ وَٱلْيَبُوسِيِّينَ». ٢١ 21
Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha.”

< اَلتَّكْوِينُ 15 >