< اَلْجَامِعَةِ 12 >

فَٱذْكُرْ خَالِقَكَ فِي أَيَّامِ شَبَابِكَ، قَبْلَ أَنْ تَأْتِيَ أَيَّامُ ٱلشَّرِّ أَوْ تَجِيءَ ٱلسِّنُونَ إِذْ تَقُولُ: «لَيْسَ لِي فِيهَا سُرُورٌ». ١ 1
Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin, utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin, bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;
قَبْلَ مَا تَظْلُمُ ٱلشَّمْسُ وَٱلنُّورُ وَٱلْقَمَرُ وَٱلنُّجُومُ، وَتَرْجِعُ ٱلسُّحُبُ بَعْدَ ٱلْمَطَرِ. ٢ 2
utuu aduu fi ifni, jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin, utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,
فِي يَوْمٍ يَتَزَعْزَعُ فِيهِ حَفَظَةُ ٱلْبَيْتِ، وَتَتَلَوَّى رِجَالُ ٱلْقُوَّةِ، وَتَبْطُلُ ٱلطَّوَاحِنُ لِأَنَّهَا قَلَّتْ، وَتُظْلِمُ ٱلنَّوَاظِرُ مِنَ ٱلشَّبَابِيكِ. ٣ 3
yeroo itti eegdonni manaa hollatanii namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti, yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif hojii dhiisanii, kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,
وَتُغْلَقُ ٱلْأَبْوَابُ فِي ٱلسُّوقِ. حِينَ يَنْخَفِضُ صَوْتُ ٱلْمِطْحَنَةِ، وَيَقُومُ لِصَوْتِ ٱلْعُصْفُورِ، وَتُحَطُّ كُلُّ بَنَاتِ ٱلْغِنَاءِ. ٤ 4
yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufamee sagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti, yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqee sirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti,
وَأَيْضًا يَخَافُونَ مِنَ ٱلْعَالِي، وَفِي ٱلطَّرِيقِ أَهْوَالٌ، وَٱللَّوْزُ يُزْهِرُ، وَٱلْجُنْدُبُ يُسْتَثْقَلُ، وَٱلشَّهْوَةُ تَبْطُلُ. لِأَنَّ ٱلْإِنْسَانَ ذَاهِبٌ إِلَى بَيْتِهِ ٱلْأَبَدِيِّ، وَٱلنَّادِبُونَ يَطُوفُونَ فِي ٱلسُّوقِ. ٥ 5
yeroo itti namni lafa ol dheeraa fi balaa daandii irraa sodaatu, yeroo itti mukni lawuzii daraaru, yeroo itti korophisni tiratuu fi hawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu. Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala; warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu.
قَبْلَ مَا يَنْفَصِمُ حَبْلُ ٱلْفِضَّةِ، أَوْ يَنْسَحِقُ كُوزُ ٱلذَّهَبِ، أَوْ تَنْكَسِرُ ٱلْجَرَّةُ عَلَى ٱلْعَيْنِ، أَوْ تَنْقَصِفُ ٱلْبَكَرَةُ عِنْدَ ٱلْبِئْرِ. ٦ 6
Utuu funyoon meetii hin citin, yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu; utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin, yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban boolla bishaanii biratti hin cabin,
فَيَرْجِعُ ٱلتُّرَابُ إِلَى ٱلْأَرْضِ كَمَا كَانَ، وَتَرْجِعُ ٱلرُّوحُ إِلَى ٱللهِ ٱلَّذِي أَعْطَاهَا. ٧ 7
utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin, utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.
بَاطِلُ ٱلْأَبَاطِيلِ، قَالَ ٱلْجَامِعَةُ: ٱلْكُلُّ بَاطِلٌ. ٨ 8
Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha.
بَقِيَ أَنَّ ٱلْجَامِعَةَ كَانَ حَكِيمًا، وَأَيْضًا عَلَّمَ ٱلشَّعْبَ عِلْمًا، وَوَزَنَ وَبَحَثَ وَأَتْقَنَ أَمْثَالًا كَثِيرَةً. ٩ 9
Lallabaan sun ogeessa qofa utuu hin taʼin beekumsas namaaf ni qooda ture. Inni itti yaadee, qoratee fakkeenya baayʼee tartiibaan kaaʼeera.
اَلْجَامِعَةُ طَلَبَ أَنْ يَجِدَ كَلِمَاتٍ مُسِرَّةً مَكْتُوبَةً بِٱلِٱسْتِقَامَةِ، كَلِمَاتِ حَقٍّ. ١٠ 10
Lallabaan kun jecha sirrii argachuuf jedhee qorate; wanni inni barreesses qajeelaa fi dhugaa dha.
كَلَامُ ٱلْحُكَمَاءِ كَٱلْمَنَاسِيسِ، وَكَأَوْتَادٍ مُنْغَرِزَةٍ، أَرْبَابُ ٱلْجَمَاعَاتِ، قَدْ أُعْطِيَتْ مِنْ رَاعٍ وَاحِدٍ. ١١ 11
Dubbiin ogeessaa akkuma meeshaa ittiin loon oofanii ti; jechi isaa kan walitti qabames akkuma mismaara jabeeffamee rukutamee ti; kanas tiksee tokkotu kenne.
وَبَقِيَ، فَمِنْ هَذَا يَاٱبْنِي تَحَذَّرْ: لِعَمَلِ كُتُبٍ كَثِيرَةٍ لَا نِهَايَةَ، وَٱلدَّرْسُ ٱلْكَثِيرُ تَعَبٌ لِلْجَسَدِ. ١٢ 12
Yaa ilma ko, waan kana irraa hafe hunda of eeggadhu. Kitaaba hedduu barreessuun hojii dhuma hin qabnee dha; quʼannaan baayʼeenis nama dadhabsiisa.
فَلْنَسْمَعْ خِتَامَ ٱلْأَمْرِ كُلِّهِ: ٱتَّقِ ٱللهَ وَٱحْفَظْ وَصَايَاهُ، لِأَنَّ هَذَا هُوَ ٱلْإِنْسَانُ كُلُّهُ. ١٣ 13
Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
لِأَنَّ ٱللهَ يُحْضِرُ كُلَّ عَمَلٍ إِلَى ٱلدَّيْنُونَةِ، عَلَى كُلِّ خَفِيٍّ، إِنْ كَانَ خَيْرًا أَوْ شَرًّا. ١٤ 14
Waaqni hojii hunda, waan dhokfame hundas gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.

< اَلْجَامِعَةِ 12 >