< اَلتَّثْنِيَة 34 >

وَصَعِدَ مُوسَى مِنْ عَرَبَاتِ مُوآبَ إِلَى جَبَلِ نَبُو، إِلَى رَأْسِ ٱلْفِسْجَةِ ٱلَّذِي قُبَالَةَ أَرِيحَا، فَأَرَاهُ ٱلرَّبُّ جَمِيعَ ٱلْأَرْضِ مِنْ جِلْعَادَ إِلَى دَانَ، ١ 1
Museenis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis Waaqayyo guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti,
وَجَمِيعَ نَفْتَالِي وَأَرْضَ أَفْرَايِمَ وَمَنَسَّى، وَجَمِيعَ أَرْضِ يَهُوذَا إِلَى ٱلْبَحْرِ ٱلْغَرْبِيِّ، ٢ 2
guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru,
وَٱلْجَنُوبَ وَٱلدَّائِرَةَ بُقْعَةَ أَرِيحَا مَدِينَةِ ٱلنَّخْلِ، إِلَى صُوغَرَ. ٣ 3
Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha.
وَقَالَ لَهُ ٱلرَّبُّ: «هَذِهِ هِيَ ٱلْأَرْضُ ٱلَّتِي أَقْسَمْتُ لِإِبْرَاهِيمَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ قَائِلًا: لِنَسْلِكَ أُعْطِيهَا. قَدْ أَرَيْتُكَ إِيَّاهَا بِعَيْنَيْكَ، وَلَكِنَّكَ إِلَى هُنَاكَ لَا تَعْبُرُ». ٤ 4
Ergasii Waaqayyo, “Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu” jedheen.
فَمَاتَ هُنَاكَ مُوسَى عَبْدُ ٱلرَّبِّ فِي أَرْضِ مُوآبَ حَسَبَ قَوْلِ ٱلرَّبِّ. ٥ 5
Museen garbichi Waaqayyoos akkuma Waaqayyo isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe.
وَدَفَنَهُ فِي ٱلْجِوَاءِ فِي أَرْضِ مُوآبَ، مُقَابِلَ بَيْتِ فَغُورَ. وَلَمْ يَعْرِفْ إِنْسَانٌ قَبْرَهُ إِلَى هَذَا ٱلْيَوْمِ. ٦ 6
Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku.
وَكَانَ مُوسَى ٱبْنَ مِئَةٍ وَعِشْرِينَ سَنَةً حِينَ مَاتَ، وَلَمْ تَكِلَّ عَيْنُهُ وَلَا ذَهَبَتْ نَضَارَتُهُ. ٧ 7
Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne.
فَبَكَى بَنُو إِسْرَائِيلَ مُوسَى فِي عَرَبَاتِ مُوآبَ ثَلَاثِينَ يَوْمًا. فَكَمُلَتْ أَيَّامُ بُكَاءِ مَنَاحَةِ مُوسَى. ٨ 8
Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan.
وَيَشُوعُ بْنُ نُونٍ كَانَ قَدِ ٱمْتَلَأَ رُوحَ حِكْمَةٍ، إِذْ وَضَعَ مُوسَى عَلَيْهِ يَدَيْهِ، فَسَمِعَ لَهُ بَنُو إِسْرَائِيلَ وَعَمِلُوا كَمَا أَوْصَى ٱلرَّبُّ مُوسَى. ٩ 9
Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Waaqayyo Musee ajaje godhan.
وَلَمْ يَقُمْ بَعْدُ نَبِيٌّ فِي إِسْرَائِيلَ مِثْلُ مُوسَى ٱلَّذِي عَرَفَهُ ٱلرَّبُّ وَجْهًا لِوَجْهٍ، ١٠ 10
Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti Waaqayyoon beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane;
فِي جَمِيعِ ٱلْآيَاتِ وَٱلْعَجَائِبِ ٱلَّتِي أَرْسَلَهُ ٱلرَّبُّ لِيَعْمَلَهَا فِي أَرْضِ مِصْرَ بِفِرْعَوْنَ وَبِجَمِيعِ عَبِيدِهِ وَكُلِّ أَرْضِهِ، ١١ 11
kan Waaqayyo akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru.
وَفِي كُلِّ ٱلْيَدِ ٱلشَّدِيدَةِ وَكُلِّ ٱلْمَخَاوِفِ ٱلْعَظِيمَةِ ٱلَّتِي صَنَعَهَا مُوسَى أَمَامَ أَعْيُنِ جَمِيعِ إِسْرَائِيلَ. ١٢ 12
Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.

< اَلتَّثْنِيَة 34 >