< ٢ كورنثوس 10 >

ثُمَّ أَطْلُبُ إِلَيْكُمْ بِوَدَاعَةِ ٱلْمَسِيحِ وَحِلْمِهِ، أَنَا نَفْسِي بُولُسُ ٱلَّذِي فِي ٱلْحَضْرَةِ ذَلِيلٌ بَيْنَكُمْ، وَأَمَّا فِي ٱلْغَيْبَةِ فَمُتَجَاسِرٌ عَلَيْكُمْ. ١ 1
Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha!
وَلَكِنْ أَطْلُبُ أَنْ لَا أَتَجَاسَرَ وَأَنَا حَاضِرٌ بِٱلثِّقَةِ ٱلَّتِي بِهَا أَرَى أَنِّي سَأَجْتَرِئُ عَلَى قَوْمٍ يَحْسِبُونَنَا كَأَنَّنَا نَسْلُكُ حَسَبَ ٱلْجَسَدِ. ٢ 2
Ani yeroon gara keessan dhufutti akka isin ija jabina ani warra waan nu akka yaada fooniitti jiraannu seʼan sana irratti nan qabaadha jedhee yaadu sana qabaadhu akka isin na hin goone isin kadhadha.
لِأَنَّنَا وَإِنْ كُنَّا نَسْلُكُ فِي ٱلْجَسَدِ، لَسْنَا حَسَبَ ٱلْجَسَدِ نُحَارِبُ. ٣ 3
Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu.
إِذْ أَسْلِحَةُ مُحَارَبَتِنَا لَيْسَتْ جَسَدِيَّةً، بَلْ قَادِرَةٌ بِٱللهِ عَلَى هَدْمِ حُصُونٍ. ٤ 4
Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti.
هَادِمِينَ ظُنُونًا وَكُلَّ عُلُوٍّ يَرْتَفِعُ ضِدَّ مَعْرِفَةِ ٱللهِ، وَمُسْتَأْسِرِينَ كُلَّ فِكْرٍ إِلَى طَاعَةِ ٱلْمَسِيحِ، ٥ 5
Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.
وَمُسْتَعِدِّينَ لِأَنْ نَنْتَقِمَ عَلَى كُلِّ عِصْيَانٍ، مَتَى كَمِلَتْ طَاعَتُكُمْ. ٦ 6
Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna.
أَتَنْظُرُونَ إِلَى مَا هُوَ حَسَبَ ٱلْحَضْرَةِ؟ إِنْ وَثِقَ أَحَدٌ بِنَفْسِهِ أَنَّهُ لِلْمَسِيحِ، فَلْيَحْسِبْ هَذَا أَيْضًا مِنْ نَفْسِهِ: أَنَّهُ كَمَا هُوَ لِلْمَسِيحِ، كَذَلِكَ نَحْنُ أَيْضًا لِلْمَسِيحِ! ٧ 7
Isin waanuma isinitti mulʼatu qofa ilaaltu. Eenyu iyyuu yoo kan Kiristoos taʼuu isaatti amane akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nus kan Kiristoos taʼuu keenya haa hubatu.
فَإِنِّي وَإِنِ ٱفْتَخَرْتُ شَيْئًا أَكْثَرَ بِسُلْطَانِنَا ٱلَّذِي أَعْطَانَا إِيَّاهُ ٱلرَّبُّ، لِبُنْيَانِكُمْ لَا لِهَدْمِكُمْ، لَا أُخْجَلُ. ٨ 8
Ani taayitaa keenya kan Gooftaan akka ittiin isin diignuuf utuu hin taʼin akka ittiin isin ijaarruuf nuu kenne sanaan caalaatti yoon boone iyyuu itti hin qaanaʼu.
لِئَلَّا أَظْهَرَ كَأَنِّي أُخِيفُكُمْ بِٱلرَّسَائِلِ. ٩ 9
Ani waanan ergaa kootiin isin sodaachisuu yaalu fakkaachuu hin barbaadu.
لِأَنَّهُ يَقُولُ: «ٱلرَّسَائِلُ ثَقِيلَةٌ وَقَوِيَّةٌ، وَأَمَّا حُضُورُ ٱلْجَسَدِ فَضَعِيفٌ، وَٱلْكَلَامُ حَقِيرٌ». ١٠ 10
Namoonni tokko tokko, “Ergaan isaa ulfaataa fi cimaa dha; inni yeroo qaamaan argamutti garuu dadhabaa dha; dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu.
مِثْلُ هَذَا فَلْيَحْسِبْ هَذَا: أَنَّنَا كَمَا نَحْنُ فِي ٱلْكَلَامِ بِٱلرَّسَائِلِ وَنَحْنُ غَائِبُونَ، هَكَذَا نَكُونُ أَيْضًا بِٱلْفِعْلِ وَنَحْنُ حَاضِرُونَ. ١١ 11
Warri akkasii akka wanni nu fagoo jiraannee barreessinuu fi wanni nu yeroo isaan wajjin jirrutti hojjennu tokkuma taʼe haa hubatan.
لِأَنَّنَا لَا نَجْتَرِئُ أَنْ نَعُدَّ أَنْفُسَنَا بَيْنَ قَوْمٍ مِنَ ٱلَّذِينَ يَمْدَحُونَ أَنْفُسَهُمْ، وَلَا أَنْ نُقَابِلَ أَنْفُسَنَا بِهِمْ. بَلْ هُمْ إِذْ يَقِيسُونَ أَنْفُسَهُمْ عَلَى أَنْفُسِهِمْ، وَيُقَابِلُونَ أَنْفُسَهُمْ بِأَنْفُسِهِمْ، لَا يَفْهَمُونَ. ١٢ 12
Nu warra of saadan tokko tokkotti of ramaduuf yookaan isaaniin of qixxeessuuf ija hin jabaannu. Isaan yeroo walii isaaniitti of madaalanii fi walii isaaniitti of qixxeessan hin hubatan.
وَلَكِنْ نَحْنُ لَا نَفْتَخِرُ إِلَى مَا لَا يُقَاسُ، بَلْ حَسَبَ قِيَاسِ ٱلْقَانُونِ ٱلَّذِي قَسَمَهُ لَنَا ٱللهُ، قِيَاسًا لِلْبُلُوغِ إِلَيْكُمْ أَيْضًا. ١٣ 13
Nu garuu hamma daangaa Waaqni nuu ramade kan isin bira gaʼuutti malee dandeettii keenyaa olitti of hin jajnu.
لِأَنَّنَا لَا نُمَدِّدُ أَنْفُسَنَا كَأَنَّنَا لَسْنَا نَبْلُغُ إِلَيْكُمْ. إِذْ قَدْ وَصَلْنَا إِلَيْكُمْ أَيْضًا فِي إِنْجِيلِ ٱلْمَسِيحِ. ١٤ 14
Nu waan wangeela Kiristoos lallabaa gara keessan dhufneef, akka waan isin bira hin gaʼiniitti baayʼee hin hiixannuutii.
غَيْرَ مُفْتَخِرِينَ إِلَى مَا لَا يُقَاسُ فِي أَتْعَابِ آخَرِينَ، بَلْ رَاجِينَ -إِذَا نَمَا إِيمَانُكُمْ- أَنْ نَتَعَظَّمَ بَيْنَكُمْ حَسَبَ قَانُونِنَا بِزِيَادَةٍ، ١٥ 15
Nu hojii warra kaaniin hojjetameen baayʼee of hin jajnu. Akkuma amantiin keessan guddachaa deemuun akka iddoon hojii keenyaa kan isin gidduutti argamu akka malee babalʼatu ni abdanna;
لِنُبَشِّرَ إِلَى مَا وَرَاءَكُمْ. لَا لِنَفْتَخِرَ بِٱلْأُمُورِ ٱلْمُعَدَّةِ فِي قَانُونِ غَيْرِنَا. ١٦ 16
kunis akka nu hojii duraan dursee biyya nama biraa keessatti hojjetameen utuu of hin jajin biyyoota isinii achi jiran keessatti wangeela lallabuu dandeenyuuf.
وَأَمَّا: «مَنِ ٱفْتَخَرَ فَلْيَفْتَخِرْ بِٱلرَّبِّ». ١٧ 17
Garuu, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu.”
لِأَنَّهُ لَيْسَ مَنْ مَدَحَ نَفْسَهُ هُوَ ٱلْمُزَكَّى، بَلْ مَنْ يَمْدَحُهُ ٱلرَّبُّ. ١٨ 18
Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii.

< ٢ كورنثوس 10 >