< 1 Bitrus 2 >

1 Bara nani ceon adadu ananzan likot vat, urusuzu liti, nshina nin liru uhem.
Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa.
2 Nafo nono nipesse, idi ntok mmazin milau min ruhu, inan kunjo nan nya utucu minin,
Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
3 andi ina ciro ise cikilarie di nin kibinai kisheu.
isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.
4 Dan kiti nlenge na amere litala nlai longo na anite na nari, ama Kutelle na fere linin nloli di ghe gongong.
Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii,
5 Anung wang masin nafo alala nlaiyari alenge na ina kye iso nilari nruhu, inan so a pristoci alau na ima nakpizu uhadaya nruhu ulenge na Kutelle ma seru unuzun Yesu Kristi.
isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu.
6 Uliru ntuce nworo nenge, “lanzang nna nonko nsihiyona litala liguda kutyi, lin cizunu, licine a licaut. Ulenge na a yinna ninghe na aina ti ncing ba”.
Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii.
7 Ngongonghe min fere na uyinna ama, “litala na anan kye kutiye wa nari, linnare nso litala liguea kutiye”
Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.”
8 a litala ntirzu a kuparang ntirizu” I tirzo, inari uyinnu nin lirue, ulenge na imung wang iwa fere nani mun.
Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.
9 Anung imus nferuwari, a pirist tigo, nmyin milau, annit Kutelle an litime, inan belle katwa kazikiki nlenge na ana yicila minu unuzu nan nya nsirt ucindu nan nya nkanang mi zikiki.
Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.
10 Na iwa mandi anit ba, ana nene idi anit Kutelle. Na iwa seru nkunekune ba, ama nene ina seru nkunekune.
Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.
11 Yenen, nna yicila minu nafo amara nin na nan galu inan wantina atimine ntok nalapi, alenge na adin su likum nin tilai mine.
Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.
12 Yitan nin nadu a cine nan a cine nan nya na nan salin dortu Kutelle, bara, asa isu uliru na timine nworu ina su imon inanzang, ima su seng izazin Kutelle lirin nsa me.
Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Waaqni nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.
13 Nonkon ati nin tigo nanit vat bara likilari, sa ugo na amere udya vat,
Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu
14 sa anan tigo na ina tu nani ida ti anan nalapi ineo inin zazin alenge na idin sa katwa kacine.
yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa.
15 Bara nanere usu Kutelle, nan nya nsu nimon icine itursu uliru tinu nanit alalang.
Waaqni akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii.
16 Nafo ale na idi licin ba, na iwa su katwa nin salin yitulicin mine imon tursuzu katwa ka nanzang, ana son nafo acin Kutelle.
Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Waaqaatti jiraadhaa.
17 Ghantiuan anit vat. Tan usu linuwana, tan fiue Kutelle ghantinan Ugo.
Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa.
18 Acin, nan nibinai mine kiti nan cinilari mine nan nyan nonku nati, na kiti nan cinilari acine cas ba, umunu a nanazanghe wang.
Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa.
19 Bara imon ngongonghari asa umong ntere kibinai nan nyan konu a ayita nniu asa i waso uliru na dert ba bara uni litime kiti Kutelle.
Namni tokko yoo Waaqaaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba.
20 Mmari mi mashinari diku uwa ti kulapi unin ti anyi akona kubi nhoro? Ama asa uta imon icine umin nneo kubin horo, ilele imon ngongonghari kiti Kutelle.
Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Waaqaa duratti galata qaba.
21 Kiti nilelere iwa yicila minu, Kristi wang na sono unin bara anughe, amini na sun udursuzu nworu among dofin libo me
Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
22 Na an ti kulapi ba; a na ina se kinu nnu me ba.
“Inni cubbuu hin hojjenne; sobni afaan isaatii hin baane.”
23 Na iwa zogoghe, na awa tunu izoge ba, na awa neo, na nan tunu uniwe ba, ama ana ni litime kiti nlenge na adin su ushara dert.
Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.
24 Ame litime na yaun alapi bite kidowo me udu kitene kuca, bara arik wa kuru ti se ndinong kulapi, arik nan se tiso anan sali na lapi. Bara anit kidowo me ina se ushinu tikonu mine.
Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.
25 Vat mine na galu nafo akam nwulu, ame nene ina kpilin kiti nnan libyawe nin nan yenju tilai mine.
Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.

< 1 Bitrus 2 >